Poolisiin garee hundeessee du'a Qananii qorachaa jiraachuu hime

Madda suuraa, Poolisii Finfinnee
Poolisiin Finfinnee du'a Qananii Addunyaa Waaqoo erga odeeffannoon isa qaqqabee kaasee garee qoratu hundeeessee qorachaa jiraachuu hime.
Akka ibsa poolisiitti Qananiin Kutaa Bulchiinsa Lammii Kuraa Aanaa 3 bakka addaa Manneen Saanshaayin jedhamu fuuldura gamoo Wuddaaseerra jiraataa kan turte yoo ta'u, ALI Bitootessa 01, 2017 halkan keessaa naannawaa sa'aatii 10:00 manashee keessaan karaa kutaa 'kushiinaa' [alawaadaa] barandaa jiruun darbii 5ffaa irraa kufte.
''Sababa yeroof hin beekamneen kuftee wallaansaaf osoo gara Hospitaala Yaannet geffamaa jirtuu lubbuun ishee darbuu,'' eereera poolisiin ibsa dhimma kanarratti baaseen.
Bakka taateen kun itti mudate deemuun ragaalee tekinikaafi taaktikaa walitti qabuu kan ibse poolisiin, reeffi qorannoo dabalataaf gara Hospitaala Daagimaawwii Miniliik akka geeffamu taasiseera.
Poolisiin yeroo Qananii Addunyaa barandaarraa kufte sanatti mana keessa kan ture abbaa warraashee Weellisaa Andu'aalem Gosaa to'atee qorachaa kan jiru yoo ta'u, yeroo itti aanutti qorannoo dhumaa ummataaf ifa akka godhu beeksiseera.
Bu'aa qorannoo yakkaa poolisii dursee odeeffannoowwan fuula miidiyaalee hawaasaa gara garaarratti darbaa jiran sirrii akka hin taane kan hime Poolisiin Finfinnee, adeemsa qorannichaarratti dhiibbaa hin malle qabaachuu akka danda'u hubachuun namoonni odeeffannoo dogoggoraa dabarsaniifi tamsaasan gocha isaaniirraa akka of qusatan hubachiiseera.
Owwaalchi Qananii guyyaa Roobii waaree booda Bataskaana Qul. Sillaasee Magaalaa Finfinnee argamutti raawwatameera.

Madda suuraa, Andualem Gosa
Maaltu ta'e?
Barii sa'aatii 11:00tti itti bilbilamuu kan himu Manaajariin Andu'aalem Lalisaan, ''Qananiin miidhamteetti hospitaala galteetti dafii nubira dhaqqabi,'' jedhamuufi inni fagoo waan ta'ef akka hin dhaqqabne dubbate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Odeeffannoo hanga ammaatti jiruun mana jireenyaa isaaniirraa gamoo shanaffaarraatii akka isheen kufteefi maal akka isheen taate qorannootu godhamaa jira,'' jedhe.
Akka Lalisaan jedhutti, gaafa Wixataa guyyaa dhalootashee kabajuuf sagantaa suuraa ka'uu bakka Andu'aalam jirutti taasisaa turan.
Manni isaanii magaalaa Finfinnee naannoo Arraabsaa Sanshaayin dudduuba kan jedhu Lalisaan, waggaa tokkoo oliif achi waliin jiraachuusaanii akka beeku dubbate.
Erga taateen kun mudatee booda reeffa jalqaba Hospitaala Yaanet, achuma naannawa Hayaat jiru geessuu hima.
''Achii hanga bariitti erga turee booda poolisiin dhufee reeffa achi fuudhee gara Minilikitti geessee qorannoon reeffaa taasifamee bu'aan qorannoo hanga ba'uttimmoo reeffi gara Sulultaa maatiishee bira deemee jira.''
Andu'aalam erga albama haaraa 'Ayyaantuu' jedhu gadhiisee ‚''kilabii hojjechuu dhaabee jira. Qophii guutuyyuu kan taasisaa jirru konsartii albamichaati'' jechuunis dubbate.

Madda suuraa, Andualem Gosa
Andu'aalam eessa jira?
Guyyaa Kibxataa yeroo BBC'n maanaajara Andu'aalam, Lalisaa Indiriis, dubbise Andu'aalam qorannoorra jiraachuu dubbateera.
''Andu'aalam yeroo ammaa kanatti isatu mana hakiimii ishee geesse mana yaalaas erga turan booda poolisiin jecharraa fudhuudhaaf Andu'aalamiin fudhataniiru.
''Odeeffannoon maatii isaa waliin maal maal jedhu odeeffannoo dogongoraa odeeffannoo sobaati. Andu'aalamiin fuudhanii jecharraa fuudhaniiru. Maal akka itti aane ta'u walumaan ilaalla.
''Hidhame jedhanii garuu hanga ammaa wanta nutti himan hin qabani. Jecha irraa fuudhuuf fuune, sa'aatota murtaa'eefi nubira ture jecha nuuf kenna jedhanii qorataa eegaa turani.
''Amma qorataan dhufeera qorannoorra jira jechuudha,'' jechuun hime.
Poolisiin ibsa baase keessatti Andu'aalam to'atee qorate jiraachuu malee gadhiisuu isaa hin himne.
Andu'aalam dhihoo albamii haaraa kan gadhiise yoo ta'u torban muraasa duras viidiyoo kilippii haaraa ummataaf gadhiiseera.
Weellistoota Oromoo muuziqaa ammayyaan gurra horataa jiraniifi beekkamtiin isaanii kanneen Afaan Oromoo hin dhageenye birallee dabalaa jirudha.
Taatee kana booda namoonni gaddaafi komii akkasumas himannaa garagaraa miidiyaa hawaasummaa gubbaa katabaa jiru.
Lalisaan miidiyaa hawaasummaa gubbaa ''odeeffannoon dogoggoraa maatiirraa hin taane'' jiru jechuun namoonni ''hanga wanti suni qoratamee ifa bahutti utuu wantoota akkasirraa of eeggannee,'' jedha.
'Gaa'ela raawwachuuf qophiirra turan'
Namoonni garagaraa miidiyaa hawaasummaa irratti Qananiin haadha warraa Andu'aalam akka taate barreessu.
Dhimma kana kan gaafanne Lalisaan, ''kaadhimaa walii ta'anii namoota waliin jiraatani'' jedhuun ibsa. ''Yeroo dhihootti sirna gaa'ela isaanii raawwachuuf qophiirra jiru, sirriittin beeka.''
Waan inni beekurraa Andu'aalam fi Qananiin waggoota lamaan waliin dabarsuu hima.
BBC'n maatii Qananii, maatii Andu'aalam akkasumas poolisiirraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaalaa jira.
Kana dura Artist Caalaa Bultumeefi Artist Andu'aalam Gosaa walitti bu'anii dubbiin ijoo dubbii ta'ee erga ture booda jaarsumaan furmaata argatuun ni yaadatama.

Madda suuraa, Keneni Adugna/Facebook
Qananiin eenyudha?
Qananiin Yunivarsiitii Arbaa Miincirraa muummee barnoota Injinariingiin digirii jalqabaan eebbifamteetti.
Eegasii hojii moodeeliingiifi beeksisaan miidiyaa hawaasaa gubbaatti hojjechuun beekamti.
Keessumaa miidiyaa hawaasummaarratti uffata aadaa Oromoo beeksisuun alatti beeksisas dalagdi.
Erga duuni ishee dhagahamee booda namoonni miidiyaa hawaasummaa gubbaa suuraa ishee qooduun gadda isaanii ibsaa jiru.
Akka BBC'n odeeffateetti Kibxata barii du'uushee dura guyyaa Wiixataa guyyaa dhalootashee dhihaataa jiruuf suuraa ka'aa turte.
Akkaataa du'asheerratti poolisiin qorannoo eegaluu malee ammatti ifatti wanti ibsame hin jiru.












