Dibata dhibee buburrachuu gogaa namaa (vitiligo) fayyisu- Ruxolitinib

Moodeliin Wiinii haarloo jalqaba wayita vitiligo qabaachuu bartu baayyee dhiphatte, amma kennaa bareedinaa ta'uutti ilaalti

Madda suuraa, Reuters

Vitiligoon rakkoo gogaa buburreessuun halluu gogaa geeddaruun beekamu. Namoonni rakkoo gogaa kana waliin jiraatan dhiphachuurraa hanga lubbusaanii balleessutti gahu jedhu ogeeyyiin fayyaa.

Dawaan haaraan halluu gogaa miidhame akka jalqabaa umamaan turetti deebisu dhiyootti Ameerikaatti wal’aansaaf akka oolu eeyyamameera

Tajaajila Fayyaa Biyyolessaa UK’n mirkaneeffame dhiyeenyatti tajaajilarra oola jedhamee eegama.

Ogeeyyiin dhaabbata Tajaajila Fayyaa Biyyolessaa(NHS) yoo akka hojiirra oolu mirkaneessan, UKtti wal’aansaaf ni oola.

Namoonni muraasni dibanni ‘ruxolitinib’ jedhamu dibata ajaa’ibati jedhu. Sababni isaa gogaa buburrate addaatu fayyisuun gara jalqaba uumamaan turetti deebisa.

Kireemiin dibatamu kun garuu miidhaa cinaa(side effect) muraasa qaba.

Dawaa 'Ruxolitinib' ykn Opzelura jedhamu kana hakiimatu ajajuu qaba, sababni isaa hordoffii hakiimaa barbaachisa.

Fayidaa fi miidhaa dawaa kanaa

Dawaan kun sirna madinumaa qaamaa miidha. Madinumman qaamaa laafuun ammoo nama dawaa kana fudhate qufaa fa’aaf akka saaxilamu taasisa.

Dawaan kun dhibeewwan kaansarii hanga tokko wal’aanuuf oola jedheera.

Wayita dibanni kireemiin kun yaalamaa turetti, namoonni dawaa kana dibatan finnisaa fi gogaan qaamaa diddiimachuun irratti mul’atee ture.

Namoota dawaa guyyaatti si’a lama dibatan irratti fooyya’iisa guddatu mul’ate. Namoota jaha keessa tokko ji’a sadii keessatti guutummaatti halluu duraan turett deebi’era.

Ameerikaatti dawaan kun mirkaneeffame tajaajilarra kan oole yoo ta’u, dibatu kun Ameerikaatti hanga Doolara 2,000tti gurgurama.

To’attooni dawaa Awurooppaa namoota umriin isaanii ganna 12 fi isaa ol ta’eef akka kennamu gochuuf jiru.

Vitiligo maaltu namatti fida?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Vitiligoon rakkoo gogaa wayita madinummaan qaamaa seelota gogaa ofii haleelu kan umamuu fi gogaa halluu dhabsiisudha.

Gogaa keenya iddoon addaate mul’atu salphaatti aduun miidhama.

Viitiligoon nama kamiyyuu miidhuu danda’a. Rakkoon gogaa kun nama tokkoorraa kaanitti hin darbu.

Ogeeyyiin akka jedhanitti, vitiligoon miidhaa xiinsammuu cimaa namoota rakkoo gogaa kanaaf saaxilaman irraan gaha.

Ni dhiphatu, ofitti amanamummaa dhaburra hanga of ajjeesuutti gahu jedhan.

Ispeeshalistii fayyaa gogaa Biritiish Dr Viktoriyaa Eliftiriyadu, akka himanitti namoonni vitiligoon qabaman muraasni akka waan eenyummaasaanii dhabanitti lakkaa’u.

Ogeettiin kun akka jedhanitti;’‘namoota gurraacha irratti vitiligoon sirritti hubatama ykn mul’ata.’’

Namoonni wal’aansa kana barbaaduuf dhiisuun filannoo isaaniirratti hundaa’a jedhan.

Wayinii Harlow moodelistii addunyaarratti beekamtuudha. Vitiligoo qabachuu isheef ija namaa dhokachuuf hin yaalle.

Daa’ima taate yeroo vitiligoo waliin jiraattu moggaatti baafamaa turte.

‘’Kutaa sadii wayitan baradhu, ijoolleen durbaa lama sababa haatii isaanii vitiligoon itti darba jedhanii itti himaniif na dhiisanii baqachuu nan yaadadha,’’ jechuun barruu Koosmopolitiyaan jedhamutti himtee turte.

Wayinii Harlow, haalli gogaa ishee vitiligoon miidhame kana ‘’kennaakoo isa guddaa tokko,’’ jettee ibsiti.

‘’Ijoollummaa koorraa kaasee akka sagalee guddistuutti akkan itti gargaaramu, akkan itti boonu na taasise, akka gogaakorraa darbee fagoo ilaalu na gargaare’’ jette.