'Dhagaa baareellaadhaan baadheen barnoota fayyaa baradhe’- Dr Taaddasaa

Dr Taaddasa Siidaa

Madda suuraa, OBN

Dr Taaddasaa Siidaa jedhamu, ispeeshaalistii wallaansa narviitiin Itoophiyaatti heddu beekaman keessaa tokkodha.

Ammatti Kolleejjii Fayyaa Adaamaattis Tumsaa Pirofesaraa (Associate Professor) ta'uun ogeeyyii fayyaa leenjisaa jiru.

Dr Taaddasaan hojii guyyuu hojjataa, hakiimaa waliigalaa Yunvarsiitii Gondaritti baratanii amma sadarkaa ispeeshaalistii irra akka qaqqaban BBCtti himan.

Oggeessi fayyaa kunis bu’aa bahii keessa darbanii fi mudannoowwan isaanii BBC'f qoodaniiru.

Dr Taaddasaa Siidaa eenyu?

Dr Taaddasaa Siidaa baadiyyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Gindabaratitti dhalatanii guddatan.

Barnootasaanii hanga kutaa saddeetiis kophee malee miila duwwaan, fageenya daandii miilaan daqiiqaa 45 adeemsiisu marmaaranii baratan.

Kutaa saddeetitti qabxii gaarii galmeessan illee, hubannoo barnootaaf qaban gadaanaa ta'uurraa kan ka'e deeggarsa maatii waan hin qabneef rakkachuu dubbatu.

''Maatiinkoo akka hiriyoota keetti hojii nu hin gargaarre jedhanii deeggarsa narraa kutan'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanarraa ka'uun of gargaaruuf murteessuu himu.

Galii mataasaanii argachuun barnoota itti fufuuf jecha ''Re’oottan horsiisa, geeshoon dhaabaa ture,'' jechuun yaadatu.

Barnoota sadarkaa lammaaffaa barachuuf ammoo gara Ambootti darban.

Mana barnoota sadarkaa lammaffaa Ambootti erga darbaniis, ''mana barnootatti karameellaan gurguruun eegale,'' jedhan.

Kanaan qofas miti, kan isaan gargaaru waan dhabanif jecha hojii humnaa hojjataa of gargaarun of barsiisuu jalqabuu dubbatan.

Kana malees yeroos konkolaataan waan hin jirreef, galaa illee harreetti fe’anii Gindabarat irraa sa’aatii dheeraa imaluun Amboo gahu ture.

Yeroo sanatti barnoota isaaniitti qacalee kan turan Dr Taaddasaan, barattoota biroo barsiisaa galii argataniin meeshaalee barnootaa guuttattaa turan.

''Ijoollee warrisaanii qabeenya qaban nan barsiisa. Ganna ganna ammoo hojii humnaan hojjadha ture,’’ jedhan.

Kutaa kudhanitti ammoo mala ittiin of gargaaruu danda’an karoorsan. Kanaanis kitaaba Herreegaa, Baayolojii fi Keemistirii barreessan.

Mana barnoota sadarkaa lammaffaa Amboo irraa fi barattoota kolleejjii baratan ammoo herreega fi fiziksii qo'achiisaa maallaqa kaffalamufiin of gargaaras turan.

Kutaa llffaa wayita baratan deeggarsa kolleejjii Qonnaa Ambootiin kitaaba mata dureen isaa ''mathimatics from grade 9-12’ jedhu maxxansiifatan.

Haaluma walfakkaatunis Baayolojii fi Keemistiriis maxxansiifachuu dubbatan.

Bara 1984 qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaan qabxii gaarii galmeessuun wayita gara Yuunvarsiitii seenan galii gurgurtaa kitaabichaarraa argataniin of gargaaraa akka turan yaadatu.

 ‘Ba’aa yoon argadhe nan baadha ture’

Dr Taaddasaan hakiima waliigalaatiin bara 2003tti Yuunvarsiitii Gondaritti waiya barataniittis hojii humnaa hojjachuun waan isaan barbaachisu guuttachaa akka turan himu.

''Ganna yeroo boqonnaa gara maatii hin deemun ture, ijoollee waliin barannu gara maatii yeroo deeman ani hojii guyyuun hojjadha. Ba’aas yoon argadhe nan baadha ture,’’ jedhan.

Ijaarsa gamoo Yunvarsiiticha keessatti hojjatamaa ture keessatti ''baareellaan dhagaa baataan ture,'' jedhan.

Kaffaltii hojii guyyaa sanarraa argataniin waan isaan barbaachisu guttachaa turan.

Yaadannoo gaddisiisaa hojiirratti isaan mudates akka qaban dubbatu.

Maashina sibiila walitti baqsuun hojjataa erga turanii booda ijjisaanii garmalee dhukkubee, fuullee ijaa keewwata turuu yaadatanii dubbatan.

Sana booda hojicha dhiisanii gara dhagaa baachutti deebi’an.

Dr Taaddasaan namoonni hojii guyyuu magaalichatti waliin hojjatan waa’ee ogummaasaanii akka hin beekne dubbatan.

''Warri hojii humnaa waliin hojjannu nan beekan, osoon gaawonii hakiima hodhiisifadhe galuu na arganii. Sana booda hospitaala, iddoon ani dhukkubsataa itti ilaalu dhufanii na arganii ajaa’ibsiifataa turan’’ jedhan.

''Ganna dhakaa yeroo waliin baannu maaf nu dhoksite’’ jedhanii namoonni hojii guyyuu waliin dalagaa turan akka gaafatan dubbatu.

''Anis nama akka keessaniiti, akkan ogummaa fayyaa baradhu yoon isinitti hime nan hojjachistaniin jedheen,’’ jechuun attamiin akka dabarsan yaadatu.

Hojii guyyaa hojjatanii of gargaaraatuma barnoota hakiima waliigalaa waggaa 6ffaa qaqqaban.

''Waggaa 6ffaatti mindaa birrii 600tu nu kaffalamu eegale'' jedhan.

Yuunvarsiiticha keessatti barattoota Oromoo haaraa gara yunvarsiitichaa dhaqan galgala barsiisaa turuu kaasan.

Kanaanis barattoota waliin walitti dhufeenya gaarii fi fudhatama horachuu yaadatu.

Sana booda hospitaala Xiqur Ambassaatti nuworolojii barachuun bara 2012tti eebbifaman.

Sana booda biyyoota akka Jarmanii, Xaliyaanii, Tarkii fa'itti deddeebi’uun dhibee gaggabdoo, boowwoo mataa fi istirook irratti xiyyeeffachuun leenjii gaggabaa argachuu turu kaasan.

Amma Adaamaa dhukkubsattoota dhibee narvii gargaarurratti kan argaman yoo ta'u, guyyaattis jidduugalaan dhukkubsatoota dhibee gaggabdoo 30- 40 ta'an akka yaalan himu.

Dr Taaddasaan dhukkubsatoota wal’aanan fayyaasaanitti deebi’anii arguun hunda caalaa isaan gammachisa.

Gara fuulduraa hospitaala guddaa ogeeyyii fayyaa narvii itti leenjisanii fi giddugala qorannoof tajaajilu hundeessuu akka barbaadan dubbatu.

 ‘Ijoolummaan namoonni doktor naan jedhu’

Dr Taaddasaan ijoollummaarraa kaasanii hawaasni naannoo Dr. Koormaan jedhanii akka waamaa turan dubbatu.

Dr Koormaan, hogganaa hakiimota lammilee Ameerikaa tajaajila fayyaa naannoo isaanitti kennaa turaniti.

Maqaa kanas ijoollummaan abbaasaanii dhukkubsatanii waliin wayita gara mana yaalaa dhaqanitti ittin moggaafamuu dubbatu.

Rifeensa luccaafi diimina fuulasaanii ilaalanii namoonni Doktor Koormaanitti akka fakkeessan dubbatu.

''Sana booda anis akkuma maqaa masoo hawaasni ittiin na waametti doktora ta’uuf fedha horadhe'' jedhan.

Ammas baadiyyaa yoo adeeman hojii duraan hojjatan osoo hin tuffatiin akka hojjatan dubbatu Dr Taaddasaan.

''Warqee tumee, awwaalee, bukeesseera,’’ jedhan.

Itoophiyaa keessatti barsiifanni hojii tuffachuu akka hammaatu namoonni irra deddeebiin kaasu.

Dr Taaddasaan waggoota 18’n darbanif ogummaa fayyaa barataniin tajaajilaniiru.

Hojii namoonni tuffatan hojjataa, kaayyoo isaanii osoo hin hankaakiin bira qaqqabaniiru.