'Guyyaa tokkotti haga nama 15 baqaqsee wal'aanee beeka' - Dr Dastaa Gaaromaa

Madda suuraa, Dr Dastaa Gaaromaa
Hakimoota baqaqsanii wal'aanuu qubaan lakka’aman Itoophiyaan jalqaba horatte keessaa tokko.
Lixa Oromiyaa Godina Horro Guduruu Wallaaggaatti kan dhalatan Dr Dastaa Gaaromaa, waggoota 28 oliif ogummaa isaaniin kan tajaajilan hawaasa Godinaalee Arsii biratti kabajaa fi maqaa gaarii horatanii jiru.
A.L.I bara 1984 hospitaala Asallaatti wayita ramadaman ogeessa wal'aansa baqaqsaanii yaaluu ykn sarjinii lammii Itoophiyaa nama jalqabaa turan.
Sana dura ogeeyyii lammiilee Xaaliyaanitu ogummaa kanaan tajaajila kennuu achitti jalqabe.
Dr. Dastaan hospitaala Asallaa keessatti rifeensa lama baasan. Ammas yuunivarsiitii Arsiitti haakimoota leenjisuu fi wal'aansa baqaqsanii yaaluun tajaajila jiru.
Barana sooramaan gaggeeffamuuf kan turan, gumaachisaanii ilaalame waggoota shanan dhufanillee hojii isaaniirra akka turan taasifame.
Dr. Dastaan Eenyu?
Dr. Dastaa Gaaromaa Lixa Oromiyaa Godina Horro Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti dhalatan.
Mana barumsaa Shambuutti kutaa 1-12 baratan. Yeroo sanattis barataa qacalee turan. "Warraa kootiif qoteeras, mucaa eebbiffamadha naan jedhu ture" jedhu.
A.L.A bara 1979 qabxii olaanaa galmeessisuun hakimummaa leenji’uuf Kuubaatti ergaman. Waggaa tokkoof qooqa Ispaanish baratanii, ogummaa hakimaatti ce’an.
Mana barnootaa fayyaa beekamaa biyya Kuubaa 'Superior institute of medical science' jedhamutti ogummaa hakimaa fi ispeeshaalayizeshiinii leenji’ani.

Madda suuraa, Dr Dastaa Gaaromaa
Bara sana barattoota biyyoota Afrikaa fi Eeshiyaa wajjiin biyya koministii Kuubaatti baratan keessaas tokkoffaa bahuun meedaliyaa warqee badhaafamaniiru.
Barnoota ogummaa baqaqsanii wal'aanuu fi ispeeshalayizeshinii achumatti leenji’anii waggoota 12 booda gara biyyatti deebi’an.
Gara biyyatti erga deebi’anii waggaa tokkoof hospitaalaa Xoor Hayiloochi hojjatanii san booda A.L.I bara 1984 gara hospitaala Asallaatti ramadaman.
Hospitaalichi walta’iinsa ministeera dhimma alaa Xaaliyaaniifi Itoophiyaan ji’a lama booda eebbifame hojii jalqabe.
Bu'aa bahii fi mudannoo
Jalqaba waggoota 10 oliif hospitaala Asallaas ta'e naannawa san ogummaa kanaan namni leenji’e waan turreef qophaan tajaajilaa ture jedhanu Dr Dastaan turtii BBC waliin taasisaniin.
Sambataa fi Dilbata dalatee torban guutuu guyyaatti sa’aatii 16 hojjetaa akka turan dubbatu.
"Guyyaa tokko keessatti yeroon namoota amma 15 opireeshinii goonellee jira" jechuun hojiin isaanii hagam dadhabsiisaa akka ture himu.
"Hojiin umurii koo guutuu dalage kanaan bu'aan buufadhe, lubbuu namoota baay'ee du’arraa oolchuu kootii" jedhu.
Kanaan alatti yuunivarsiitii Asallaatti hakimoota hedduu barsiisuun ogeeyyii fayyaa ciccimoo horataniiru.

Madda suuraa, Dr Dastaa Gaaromaa
Gumaachasaaniif Waldaa hakiimoota Oromiyaa fi mootummaarras beekamti fi badhaasa meedaliyaa gonfachuu dubbatu.
Mudannoo dabarsan wayita dubbatan, halkan tokko sadii ta’anii otoo nama dhukkubsate garaa baqaqsanii wal'aanaa jiranii ogeessi isaan gargaaru ofiifuu gaggabee lafa dhahuu himu.
San booda qulqulleessitu bakka ogeessa kufee buusuun wal’aansa baqaqsanii wal'aanuu jalqabame goolabuu isaanii yaadatani dubbatu.
"Kabajaan itti horadhe"
Ogummaa jaalataniin hawaasaa tajaajilaa turuutti gammadu. "Hawaasarraa kabajaan itti horadhe" jedhani soorama bahuurra hojii itti fufu filatan.
‘’Dadhabbiin koo yoon rafe narraa darba, lubbuun namaa darbitu hin deebitu" jedhu.
Sa’aatii dheeraa yeroo hedduu osoo nyaatallee hin nyaatiin hojjachuun akka danda’amu barsiisota na leenjisan irraan bare jedhan.
Hospitaalli Asallaa hawaasa baadiyyaa Godinaalee Arsii, Shawaa Bahaa fi Baaleerra wal’aansaa barbaacha dhaqan wal’aana.
Namoota rakkatani ijibbaatanii dhufanitti garaa akka hin jabaanne dubbatu.

Madda suuraa, Dr Dastaa Gaaromaa
"Nama horii dhabuun wal’aansa dhabe yeroon argu jecha yuunivarsiitiin keessatti baradhe duratti guddatee barreeffame tokkoon yaadadha" jedhan.
Innis "lubbuun nama tokko horii dureyyiin addunyaa keenyaa horatan si’a miliyoonarra ni caala" kan jedhudha.
Kana akkas jedhemmoo hakiimaa fi abbaa warraaqsaa Kuubaa Chee Guveeraa ta'uu himu.
Nama dhukkubsate fayyaasaatti deebisuu kan fakkaatu hin jiru kan jedhan Dr. Dastaan, dhukkubsatoota isaanii ganama bariin gaafachuu fi haala itti jiran sakatta’uu jaalatu.
Direektara ta'uunis kan itti tajaajilan hospitaalli Asallaa ammatti hakimoota baqaqsanii wal'aanuu 15 ol qaba.
Dr. Dastaan yuunivarsiitii Arsiitti qofa osoo hin taane qe'eettis hakimoota hedduu horatan. Miseensonni maatii isaanii 4 biroonis hakiimoota.
Intala isaanii angafaa, obboloota isaanii lamaa fi haatii warraan isaaniis ogummaa kanarra jiru. Hakimummaa "maatiidhumaan itti yaane" jedhu.















