Lii Weenliyaang: Hakiimni waa'ee Koroonaavaayiras jalqaba dubbate dhukkubichaan du'e

Madda suuraa, Li Wenliang
Hakiimni lammii Chaayinaa waa'ee dhukkuba balaafamaa Koroonaavaayiras yeroo jalqabaaf akeekkachiisuu yaale du'aan boqochuusaa hospitaalli isa wal'aanaa ture beeksise.
Lii Weenliyaang yeroo hospitaala Wuhaan keessatti hojjechaa ture dha kan vaayirasichaan qabame.
Baatii Mudde keessa waa'eelota waa'ee vaayirasii balaafamaa kanaa himee ture. Poolisiin garuu ''oduu sobaa'' akka dhaabu itti hime.
Waa'ee du'a isaallee gabaasa wal-faallessutu bahaa ture. Amma garuu miidiyaa Piipils Deeyilii jedhamu Jimaata kaleessaa du'uu isaa himeera
Vaayirasiin kun Chaayinaa keessatti namoota 636 yoo ajjeesu, 31,161 dhukkubichaan hubamaniiru.
Lakkoofsi namoota du'anii warreen gaafa Kamisaa dabalatee 73 gaheera.
Vaayirasichi infeekshinii sirna hargansuu irratti uumeetu, mallattoo ho'i qaamaa dabaluun qufaa gogaa waliin jalqaba.
Namoonni dhukkubichaan qabaman irraa fayyuuf carraa guddaa qabu.
Seenaan Dr Lii Weenliyaang maali?
Hakiimni ijaa Lii Weenliyaang siree hospitaalaa irra taa'etu marsariitii hawaasaa Chaayinaa Weeboo jedhamurratti dhimma kana dubbate. Dura dabarsee garuu hiriyyooti isaa of eeggannoo akka taasisan itti himeera.
Namni ganna 34 kun namoota torba vaayirasii Saars-bara 2003 weerara guddaa ture fakkaatuun qaban argeeraa jedheetu ture.
Guyyaa afur booda waajira nageenyaatti waamamee xalayaa oduu sobaa hawaasa jeeqe tamsaasteetta jedhu irratti akka mallatteessu itti himame.
Inni namoota torba oduu sobaa tamsaasaa jiru jedhamanii qabaman keessaati booda garuu qondaalotni mootummaa dhiifama isa gaafataniiru.
Hakiimiin kun marsariitii Weeboo irratti gaafa Amajjii 10 qufa'uu akka jalqabe himee, guyyaa lama booda ho'i qaama isaa daballaan hospitaala gale. Amajjii 30 Koroonaavaayiras akka qabu itti himame.
Hakimichi du'uun isaa gaafa himamu miidiyaan hawaasummaa Chaayinaa irratti dheekkamsa guddaatu ture. Mootummaan naannoo Wuhaan Dr Liidhaan dhiifama gaafachuu qaba. 'Bilisummaan yaada ofii ibsachuu kabajamuu qaba faa jechaa turan.
Du'a hakiima kanaa irratti gabaasawwan wal faallessantu ture. Giloobaal Taayims, Piipils Deeyilii fi miidiyaaleen Chaayinaa biroo du'uusaa gaafa Kamisaa ganama gabaasaniitu ture.
Miidiyaa hawaasaa Weeboo jedhamu irratti dheekkamsi uummataa guddaan jiraachuu Piipils Deeyiliin gabaase. Boodarra immoo hakiimichi wal'aansi oolaanaa onneen isaa oksijiinii akka raabsu kennamaafi akka jiru kan hime immoo Giloobaal Taayims dha.
Lubbuudhaaan jira jedhanii miidiyaaleen hawaasaa akka gabaasan qondaaltonni mootummaa gidduu seenuu isaanii hakimoonnii fi gaazexeessitoonni maqaan isaan akka hin dhahamne fedhan BBC tti himaniiru.
Dhumarratti garuu du'a hakiima kanaa miidiyaale kanneentu gabaase.

















