Ameerikaan sodaa Koroonaavaayiras babal'isaa jirti jechuun Chaayinaan komatte

Landanitti namoota of eeggannoof afaaniif funyaan golgatan

Madda suuraa, Getty Images

Sodaa Koroonaavaayiras babal'isaa jirti jechuun Chaayinaan mootummaa Ameerikaa komatte.

Himatni kun kan dhagaahame yaaddoo fayyaa hawaasaa biyyattiin jimaata darbe labsiteen lammiileen biyya ormaa torban lama keessatti Chaayinaa daawwatan biyya ishee akka hin galle dhorkuu hordofeeti.

Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Chaayinaa Huwaa Chuunyiing gochi Ameerikaa bu'aan buusu ''sodaa uumuufi babali'suu qofaa'' jedhan.

Ameerikaan duula vaayirasii kanarratti gaggeefamaa jiruun ''sodaa babal'isuun'' caalatti deeggarsa gochuutu irra tures jedhan.

Ameerikaan imaltoota Chaayinaarratti biyya jalqaba dhorkaa keessedha, hojjettootni Embasii ishee gariin biyyaa akka bahaniis yaada kan dhiyeessite isheedha jedhan.

Chaayinaa keessatti namootni 17,000 ta'an Vaayirasii kanaan faalamuun mirkanaan beekama.

''Biyyoota guddatan akka Ameerikaati kanneen dandeetti ittisa dhibeewwan saffisaan daddarbanii kan qaban, murteewwan of eegganoo cimaa dabarsuun dursa fudhachuun faallaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa deeman'' jedhan Huwaan.

Dhorkaa Ameerikaan keesse hordofees biyyoonni akka Awustiraaliyaa tarkaanfii wal fakkaatu fudhataniiru.

Namootni karaa seera qabeessa ta'een akka biyyatti ol hin seenne dhorkamuun namoonni kun dhoksaan galuun tamsa'ina vaayirasichaa itti hammeessuu waan maluuf tarkaanfiin akkasii sirrii miti jedha Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa.

Tamsa'ina vaayirasii Koroonaa Chaayinaan ala

Dhorkaan imalaa bu'aa qabaa?

Hooggantootni fayyaa addunyaa dhorkaa kaahuun hin baasuu jedhu.

Jimaata darbe miidiyaaleetti kan dubbatan Dayireektarrii Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teewdiroos Adhaanoom, dhorkaa imalaa kaahuun faayidaa isaarra miidhaa qabaa, wal-jijjiirraa odeeffannoo, dhiyeessii meeshaalee fayyaa fi diinagdee miidhaa jedhan''

Dhorkaa imalaa kaahuu caala biyyootni to'annoo dhibee kanaarratti beekumsa qabaniifi meeshaalee barbaachisan guuttachuu, sakattaa daangaarratti gochuu fi kanneen kana fakkaatan raawwachuu gorsa.

Odeesaalee Koroonavaayirasiin walqabatan dubbisuu yoo feetan: