Barattoota Itoophiyaa Chaayinaatti argaman maal keessa jiru?

Vaayirashicha irraa ofo ittiisuuf nama golgaa funyaaniitti kaawwate

Madda suuraa, NurPhoto

Koroonoovaayirasiin Chaayinaa keessatti babal'ate lubbuu namoota hedduu galaafachuufi namootni 7,000 ol tahan ammoo vaayirasichaan qabamuun guutummaa biyyattiitti yaaddoo guddaa uumeera.

Vaayirasichi kutaa bulchiinsa Chaayinaa tokkoo ka'ee gara guutummaa biyyattiitti babbal'achuun isaa ammoo namoonni naannicha jiraachaa turan akka bakkka bakkatti hin sochooneef hordoffii guddaan taasifamaa jira.

Waggoota darban keessa ammoo Chaayinaa waliin hariiroo guddaa kan uumate Itoophiyaan lammiileen ishee sababa hojii, daldalaa fi barnootaan gara kutaalee Chaayinaa garaagaraa deemaniiru.

Keessumaa Chaayinaatti carraa barnootaa guddaa biyyoota argatan keessaa tokko kan taate Chaayinaa waan taateef barattootni baay'een yuunvarsiitilee Chaayinaa garagaaragaa keessatti barachaa jiru.

Bara baajataa faranjootaa xumurametti mootummaan Chaayinaa barattoota Itoophiyaa 800 ol tahaniif carraa barnootaa kennuun achitti barachaa jiru.

Ministeerri Daldalaa Chaayinaa akka agarsiisutti ammoo bara 2018 keessa qofa lammiileen Itoophiyaa 766 tahan Chaayinaatti leenjii yeroo gabaabaa fudhataniiru.

Amma yeroo koroonaavaayirasiin adunyaaf yaaddoo tahetti haalli lammiileen Itoophiyaa Chaayinaa jiran irra jiran maal fakkaata? jennee barattoota yuunvarsiitii Chaayinaa garaagaraa keessa baratan lama gaafanneerra.

Baayyuu Abbuhaay Yunvarsiitii Toonjii jedhamutti barnoota Mahaandisiidhaan M.A isaa barachaa jira. Koroonaavaayirasiin amma uumame jedhamu kun sochii isaa guyyaa guyyaa akka jalaa daangesse ibsa.

Waktiin kun yeroo waggaa haaraan Chaayinaa kabajamu waan taheef barattootni baay'een gara dhufanitti deebi'anii galaniiru. Amma mooraa keessatti kan hafee jiru barattoota biyyoota biroo irraa dhufan qofaadha jedhe.

Hoggantootni yuunvasriitichaa yeroodhaa gara yerootti waa'ee vaayirasichaa argachuun eeggannoo gochuu qabnu waan nutti himaniif yaaddoo hin qabnu jedhan.

Gorsa kennuun cinatti hordoffii cimaas akka taasisaniif dubbatee nyaataaf gara mana nyaataa mooraa keessaa qofa akka deeman himan.

Wuhaan

Madda suuraa, AFP/GETTY

Amma garuu akka itti himameetti dhukkubichi haalaan babalachuun wal qabatee bulchiinsoota Chaayinaa adda addaa keessatti sochiilee geejibaarratti to'annoon waan taasifamuuf, yeroon barnoonni itti aanuu itti eegalu akka turu taasifamuunsaa hanga tokko yaaddoo jiru hirisuu isaa himu.

Itti gaafatamtoonni yunivarsitichaas of eeggannoo barattoota jiraniif taasifamu qabaatu hordofuun gorsa kennuun alatti, dallicha keessaa akka hinbaaneef dhorkaa cimaan taasifamunsaa; nyaata soorachuuf gara kaaffee deemuun alatti yeroo isaanii irra caalaa kan dabarsan kutaa cisichaa isaanii keessatti ta'u himu.

Mangist Minaala Yunivarsitii Shonjiitti Saayinsii Naannootiin doktarummaa barataa jira.

Magaalattii keessatti dhaabbileen daldalaa hundi cufamnii sochiinis haala cimaa ta'een qabannaa'eera. Sababii kanaan ''haalli jiru baayyee sodaachisaadha'' jechuun dubbata.

Yunivarsiticha keessa garuu barattoonni lammii biyya biraa muraansi jiraachusaanii kan himu Mangisti, wayita bahanii galan hundatti akka galmaa'an fi to'annoo cimaan akka irratti taasifamaa jiru hima. Dallaa keessaa bahuun dhorkamunsaa caalaa haalicha itti cimsu dubbata.

Mangisti akka jedhuutti barattoonni Chaayinaa baayyeen dallicha keessatti waan hin argamneefi kaaffeewwan nyaataa jiraniitti nyaata muraasa qofti waan dhiyaatuuf kanaanis rakkachaa jirachusaani hima.

Dallicha keessaa bahuu dadhabu isaaniitti, ''keessattuu nyaata argachuurratti rakkoon nu mudataa jira'' jechuun gara fuula duraattis tajaajilli caalaa rakkisaa ta'u akka danda'u yaaddoo qabu himeera.

Sababii dhukkubichaatiin wal qabatee suuqiiwwanifi dhaabbileen tajaajilaa dallaa yunivarsitichaa keessatti argaman cufamu isaanitiin, akkasumas sochiin ala jiran hanga gutummaatti jedhamuun dhaabbachu isaatti barattoonni bakuma jiran qofaatti dandamaniiru jedha.

Akka barataa kanaattis to'annoon taasifamaa jiru baayyee cimaadha. ''Wayita kutaa cisichaatii baanee gara kaaffee deemunuttillee guca gutamu qabaatutu jira'' jedha.

Kana maleess haala fayya saniifi haala keessatti argaman karaa intaneetiin guyyaatti ala sadii gabaasa akka taasisan, barattootuma dallicha keessa gamoo biraa irra jiraatan waliin wal arguufilleen rakkisaa ta'uu BBC'tti himeera.

Biyya Chaayinaatti jidduugala vayirasii kanaa akka taateetti kan himamtuu magaalaan guddoo bulchiinsi Hubei kan taatee, Wuhaan keessatti kan argaman lammiilee Itoophiyaa ykn Imbaasii itoophiyaa kan Chaayinaatti argamu dubbisuun dhimmacharratti odeeffanno argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkoofne.

Biyyoonni tokko tokkos lammiilee saanii magaalaattii dhukkubni keessatti mul'ate kanaa baasuuf sochii eegalunsaanii dhagahameera.

Vaayirasiin kun Chaayinaan alattis biyyoota garaagaraatti tatamsa'aa jira.