Koronaavaayiras hammam yaachisaadha?

Madda suuraa, AFP
Asiin dura saayinsiidhaan akka hin beekamne kan himame Koronaavaayiras Chaayinaa keessatti dhukkubbi sirna hargansuu qaqabsiisuun amma gara biyyoota biroottis ce'ee jira.
Ji'a tokko dura magaalaa Chaayinaa Wuhaan keessatti kan mul'ate vaayirasiin kun, hamma ammaatti namoonni 170 ol vaayirasichaan du'aniiru.
Aanga'oonni Fayyaa Chaayinaa hamma har'aatti namoonni 7,711 ta'an vaayirasichaan qabamusaanii mirkanneessu ibsaniiru.
Akkasumas Itoophiyaattis namoonni vaayirasichaan qabamunsaanii shakkame afuur adda baafamuun himamuunsaa ni yaadatama.
Ofii weerarra vaayirasii kana to'annachuun ni danda'ama moo rakkisaa ta'eetu tura laata?
Vaayirasiin kun mataansaa maal inni?
Aanga'oonni Chaayinaa akka ibsanitti dhukkubni biyyattii keessatti mul'ate vaayirasii Koronaa jedhamuu akka ta'e himaniiru.
Asiin duraa namootarraan miidhaa geessu kan danda'an vaayirasii kana faana hidhata kan qabaniifi kan wal fakkaatan gosoonni vaayirasii jaha ni jiru; amma kan argame torbaffaa akka ta'e himameera.
Mallattoolee dhukkubichaa maaliidha?
Dhukkubichi yeroo jalqabu ho'iinsi qaama ni dabala. Achiinis qofaa gogaa qaba. Torbaan booda immoo harganuun nama dadhabsiisuu isaatiin dhukkubsattoonni muraasni hospitaalaa keessatti wallaansa akka argatan gochuun ni danda'ama.
Dhukkubni kun namoota afur keessatti yoo mul'ate nama tokko irratti haallisaa hammaachuu danda'a.
Nama vaayirasichaan qabame irratti mallattoonni haxxifachuufi dhangala'aan funyaa keessaa bahu jiraachuu danda'a. Koronavaayirasiin mallattoolee sasalphoo qufaarraa jalqabee hamma du'aatti geessuu danda'a.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhukkubichi Chaayinaa keessatti yaachisaa akka ta'e ibsus akkuma Ebolaafi Qufaa Simbiraa yaaddoo fayyaa addunyaati jedhee ibsuuf hin murteessine.
Hammam rakkisaadha?
Hamma ammatti vaayirasichaan namoonni 170 du'anis lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniin wal bira qabamee yoo ilaalamu lakkoofsi namoota du'anii xiqqaadha.
Dabalataanis namoonni vaayirasichaan qabaman kan hin galmoofne jiran beekuun rakkisaa ta'uusaatiini lakkoofsi dabaluu akka danda'u ni amanama.

Madda suuraa, Getty Images
Vaayirasichi eessaa dhufe?
Yeroo adda addaatti vaayirasoonni haaraan ni mudata. Isaanis osoo hin beekamni gosa tokkorraa gara gosa birootti cee'uun gara namaatti dhufu.
Yeroo ammaatti koronaavaayirasiin hedduminnaan magaalaa Chaayinaa Wuhaan jedhamtutti lafa gabaa gurgurtaa qurxummiitti keessaati argame.
Vaayirasichi bineensota kamirraa dhufe?
Vaayirasichi bineensota kamiin irraa akka dhufe osoo beekame vaayirasicha to'achuuf salphaa akka ta'u ogeeyyiin ni dubbatu.
Bineensoonni bishaan keessa jiraatan vaayirasicha akka baatan beekameera. Gabaa gurgurtaa bineensota bishaan keessaatti garuu lukkuun, boftiifi kanneen biroo kan argaman yoo ta'u, isaanis carraan vaayirasicha baachuu danda'an akka jiru ni himama.
Chaayinaa keessatti maaliif?
Vaayirasichi maaliif Chaayinaa keessatti argame kan jedhurratti qorata kan jiru Prof Wulsihaawus, sababasaa yoo kaa'an iddoo lakkoofsi ummataa guddaataa ta'e keessatti bineensota vaayirasicha baatan keessatti waliin jiraachuurraa wal tutuqqii uumamurraa akka ta'e dubbatu.
Dabalataanis "dhukkubicha Chaayinaa keessatti yookiin iddoo Chaayinaan jirtutti mul'achuunsaa nama hin dinku" jedhan qoratan kun.
Saffisa akkamiin daddarba?
Jalqabarratti aanga'oonni Chaayinaa vaayirasichi namarraa namatti hin daddarbu jedhanis karaa kanaan namoonni qabaman argamaniiru.
Dabalataanis vaayirasichi ofiisaatii kan badu akka hin taane himameera.
Chaayinaa keessatti tatamsa'inna vaayirasichaa dhaabsisuuf tarkaanfii fudhatame magaalota vaayirasichi keessatti argame cufuu ture.
Vaayirasichi yoom tatamsa'a?
Saayintistoonni Chaayinaa akka jedhanitti namoonni dhukkubichaan qabaman mallattoo mul'isuusaaniitiin dura vaayirasichi daddarbuu akka danda'u jedhu.
Koolleejjii Emibeeriyaal keessatti barsiisaa kan ta'an prof Weendi Barkileey akka jedhanitti dhukkuboonni sombarratti mul'atan mallattoo homaa osoo hin agarsiisni namarra gara namaatti daddarbuu danda'a jedhu.
Ta'us garuu sadarkaa amma jirutti weerara asiin dura addunyaarratti mul'atan sanneenitti yaachisaa ta'uu dhabuusaa ni himama.
Vaayirasichi yaachisaa ta'uu danda'a?
Dhaabbainni Fayyaa Biyyaalessaa Chaayinaa akka akeekkachiisetti dandeettiin vaayirasichaa to'achuuf taasisafamaaru irratti hojjatamaa jira. Ta'us garuu amala jijjiirraa vaayirasichaa waliin wal qabatee yaaddoon jiru ifa miti.
Kanaafuu isa kana adda baasuuf saayintistoonni dhiheenyaan qorannoo taasisaaru.
Vaayirasicha dhaabsisuun danda'ama?
Haala amma jiruun vaayirasichi ofiisaatiin hin dhaabatu. Filannoon tokko jiru tarkaanfii aanga'oonni Chaayinaa fudhataa jiraniidha.
Namoonni vaayirasichaan akka hin qabamneefis talaallii kennamu hin jiru. Filannoo jiru namoonni vaayirasichaan qabaman namoota fayyaa waliin akka wal hin qunnamne godhuudha.
Kana jechuunis:
- Sochii namootaa daangessuu
- Namoonni harkasaanii haala akka dhiqatan gochuu
- Namoota vaayirasichaan qabaman addatti akka yaalaman gochuu
Chaayinaatti saayintistoonni qoricha dhukkubstoota fayyisuu danda'a jedhanitti fayyadamaa jiru.
Ta'us garuu sadarkaa yaaliirra kan jiran ta'uusaatiin qorichi farra vaayirasii lama (Looppinaavaayirasifi Riitoonaavaayirasi) kophaasaanii yookiin qorichoota biroo waliin fayyisuu danda'u jechuuf yeroo amma miti.
Deebii aanga'oonni Chaayinaa kennan
Chaayinaan waan iddoo biraatti hin mul'anne gooteetti; magaalaa vaayirasichi itti mul'atte guutumatti cuftee jirti.
Imala magaalota biroorrattis tarkaanfii fudhattetti.
Ammas bakkeewwan namoonni baay'innaan itti argamaniifi daawwattootaan daawwataman cufaadha. Yeroo murtaa'eefis dallaan Chaayinaa akka hin daawwatamne dhoorkameera.
Madda vaayirasichaa ta'uu danda'a kan jedhames bittaafi gurgurtaan bineensotaa akka hin taasifamneef dhoorkameera.
Deebii addunyaan vaayirasichaaf kenne
Biyyoonni hedduun namoota Wuhaan irraa garas deeman irratti qorannoo geggessuusaanii itti fuufaniiru. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas tatamsa'inni vaayirasichaa hamaa akka ta'uu danda'u akeekkachiiseera.
Siingaapooriifi Hoong Koong imaltoota Wuhaan irraa dhufan irratti qorannoo jabaa geggessaaru; aanga'oonni UK fi Ameerikaas tarkaanfii wal fakkaataa fudhachuuf yaadaniiru.
Yaaliiwwan kanaafi kanneen fakkaata fayya qabeessadha kan jedhaman dhimma gaaffii kaasuu kan biraati.
Sababni isaas namni vaayirasichaan qabame mallattoo tokko malee torbee lamaaf turuu danda'a.
Yaaddoo ogeeyyii
"Ammarrti odeeffannoo harkaa qabun irratti hammam yaaddoo keessa akka jiru beekuuf baay'ee rakkisaadha."
"Maddisaa maal akka ta'e hamma beeknutti haalli jiru rakkisaa akka ta'etti itti fuufa," jedhu Dr Gooldiing.
Gama biraatiin qorataa kan ta'an prof Baal immoo akkas jedhan: "Dhalli namaa kamuu yoo vaayirasiin haaraa argamu isa yaachisuu qaba. Sababni isaas sadarkaa jalqabaa of irraa ittisuurra darbeera waan ta'eef."
"Vaayirasichi al tokko qaama namaa keessa yoo gale achitti iddoosaaf mijatu qopheeffachuuf saffisaan wal hora waan ta'eef baay'ee hamaadha.
"Vaayirasichi akka wal horuuf carraan kennamuufi hin qabu."
Talaallii yookiin qoricha qabaa?
Hamma ammatti qorichi dhukkuba kanaaf argame hinjiru.
Gaaffilee kanneen deebisuuf hojiileen hojjatamaa jiran jiraatanis qorannoolee akka agarsiisanitti vaayirasii koronaa meers jedhamuuf talaallii jiru hojiilee kanneen salphisuu danda'a jedhamee abdatama.













