Koroonaavaayiras: Chaayinaan alatti dutii jalqabaa Filippiinsitti gabaafame

Madda suuraa, EPA
Chaayinaan alatti duutii jalqabaa Koroonaavaayisan muadate Filippiinsi keessatti mirkanaa'eera.
Dhukkubsataan lammii Chaayinaa kan umuriin waggaa 40 ta'e erga Wuhaan kan bulchiinsa Hubee biyya Chaayinaa bakka weerarri vaayirasii kanaa yeroo jalqabaatiif itti mul'ate irraa dhufeedha kan amma du'uun gabaafame kun.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedheettis, namni kuni osoo gara Filippiinsi hindhufiin dura kan vaayirasiichaaf saaxilameedha.
Hanga ammaattis namoonni 300 ol kan dhibee kanaan du'an yoo ta'u, baayyeen isaanis Wuhaan irraayi jedhameera. Kanneen 14,000 ol ta'an ammoo vaayirasichaan faalamaniiru.
Biyyoonni akka Ameerikaa, Awusitiraaliyaa fi kanneen biroos lammiilee Chaayinaarraa gara isaaniitti imalan kan dhorkaa jiran yoo ta'u, lammiilee isaanii Chaayinaarraa dhufan irratti ammoo qorannoo gaggeessaa jiru.
Waa'ee du'a kanaa maal beeknaa?
Namni kunis dubartii umuriin ishee waggaa 38 taate waliin Wuhaan irraa karaa Hong Koongiin gara Filippiinsi dhaqusaanii Qajeelchii Fayyaa Filippiinsi beeksiisee.
Dubartiin namicha du'e waliin turtees qoratamuun vaayirasiichi irratti argameera jedhame.
Qondaaltoonni akka jedhaniitti, namni kuni hospitaala magaalaa guddittii biyyattii Maaniilaa keessatti ciisuun wallaanamaa erga tureen booda dhukkuba sombaa (pneumonia) cimaa ummatte.
Raabindraa Abeyaasinghe, Filippiinsiitti bakka bu'aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hawaasni tasgabbiin akka turuuf waamicha taasisaniiru.
"Kun Chaayinaan alatti du'a jalqabaati. Haa ta'u malee, waanti nuti hubachu qabnu mudannoon kunis kan biyya keessatti mudatee miti. Dhukkubsataan kunis bakka dhukkubni kun haalaan keessatti baballate irraa kan dhufeedha.''
Akka gaazeexaa biyyaatti 'Rappler' jedhamu tokkootti, dhukkubsatichi nagaafi fooyya'insa agarsiisaa ture garuu sa'aatii 24 keessatti haalli fayyaa isaa battalumaan geedaramuun du'aaf qaqqabe.
"Wayita ammaattis Imbaasii Chaayinaa waliin ta'uun haaluma qabiinsa dhukkubichaa kan sadarkaa biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin reeffi kabaja barbaachisu akka argatuuf hojjataa jirra,'' jedhani Barressaan Fayyaa biyyatti.
Itti dabaluunis reeffi nama kanaa akka gubatuus himaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Qajeelchi fayyaa namoota kana amma du'e waliin balaliinsa tokko irra turan barbaadee akka bakka turmaataa keessa taa'an gochuuf hojjataa jira.
Tarii ammoo kan namoota kanneen waliin quunnamtii uumana nama tokkicha kan akka hojjataa hoteelaa qofa ta'u malas jedhameera.
Dutii nama kanaas battaluma Filippiinsi imaltoota biyya biraa Chaayinaarraa gara biyyattii dhaqan dhorkuu himteetti dhagahame.
Isaan dura garuu namoota Wuhaan bakka dhukkubichi itti eegale irraa imalan qofaatu dhorkamee ture.
Chaayinaarraa waan haaraa maaltu jiraa?
Aanga'oonni akka jedhaniitti, bulchiinsa Hubee keessatti dhuma Sanbataa kaleetti du'aatiin 45 kan biraa galamaa'eera. Kunis lakkoofssa namoota hanga ammaatti dhukkubichaan du'anii 304 qaqabsiiseera.
Biyyatti guutuutti namoonni vaayirasichaan faalaman haaraan 2,590 galmeeffamaniiru. Haaluma kanaanis lammiileen biyyaatti 14,380 ta'an vaayirasichaan faalamusaanii TV biyyattii Komishinii Fayyaa Biyyaaleessaa waabeffachuun himeera.
Tilmaamni Yunivarsitii Hongi Kongi garuu lakkoofsi kun kan aanga'ootaan jedhamee kanaan baayyee ol ta'u mala. Magaalaa Wuhaan qofaarraa namoonni kuma 75 ta'an vaayirasichaan faalamu himu oggeessoonni.














