Koroonaavaayiras: 'Aniifi inatalli kiyyaa bahuu dandeenya garuu haatii warraa kiyyaa hin baatu''

"Haatii warraa kiyyaa of cimsuuf yaalaa jirti garuu baayyee akka yaaddooftu beekamaadha."
Yoo xiqqaate namoonni 213 Chaayinaatti kan du'an yoo ta'u, 10,000 kan ta'an ammoo vaayirasichaan qabamaniiru jedhamee shakkama.
Kana malees balaan dhukkuba kanaa maatii addaa baasaa jiraachuun namoonni mudannoon kun irra gahe ni dubbatu.
Oggeessii softiweer fi lammii Biriitish kan ta'e Jeef Sidilsi namoota maatii isaaniin adda bahuuf murtee baayyee cimaa ta'e taasisuuf dirqaman keessaa tokkoodha.
Innis haatii warraa isaa lammii Chaayinaa taate biyyaa bahuuf seerri biyyaatti waan dhorkeef mucaa isaa kan waggaa 9 waliin haadha warraa isaa dhiisee biyyatti deebii'uuf dirqame.
Biyya ormaa jiraachuu
Sidilsii fi haati warraa isaa Siindiin, kan lammii Chaayinaa taatee, kabaja bara haaraa Chaayinaa maatii waliin dabarsuuf mucaasaanii qabatanii gara mandara Hubeey jedhamtu imalanii ture.
Hubeey naannoo namoonni 3,500 ta'an mallattoon dhukkuba kanaa irratti argameedha; keessattuu magaalaa Wuhan bakka dhukkubichi itti eegaleedha.
Bulchiinsi kunis lafa jireenyaa namoota kuma 10 ta'aniif baayyeen isaanii ammoo lammiilee biyya alaafi barattoota. Biyyoonni hedduunis bakkichaa lammilee saanii baasuu karoorsuu ibsaaniiru.
Haaluma kanaanis Ameerikaafi Jaappaan lammiilee isaanii dhibbaan lakkaa'aman xiyyaaraan baasaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Sidilsi fa'iis gara biyyaatti deebii'uuf Guraandhaa 1 qaqabaa jira. Garuu ammoo sababii dhukkubichaatiin erga aanga'oonni tamsaasa vaayirasichaa ittisuuf buufata qilleensa waan cufaniif balaliinsii Wuhaan irraa ka'u haqameera.
Kanaafuu Sindiin Uk keessa jiraachuuf hayyama bara 2018 keessa argattulleen, balaliinsa lammiilee Biritish naannichaa baasuuf taasifamuun bahuu akka hindandeenyee qondaaltoonni Qontsilaa Biritish itti himan.
Balaliinsi kunis Kamiisa ganama kan taasifamu ta'a.
"Waajjirri Dhimma Alaa xiyyaaraan kan baafaman lammiilee Biritish qofaa ta'u natti hime. Sababii aanga'oonni Chaayinaa lammilee isaanii biyyaa akka bahan hin eeyyamiiniif jecha,'' jechuun haalicha BBC'tti hime Sidil.
"Kanaafuu aniifi intalli kiyyaa kan waggaa 9 fi paasportii Biritish qabdu haadha warraa kiyya dhiifnee bahuu, ykn sadan keenyayyuu waliin turuuf murteessuun qaba.''
Chaayinaan namoota lammummaa biyyoota lamaa qaban biyyoota hin fudhanne keessaa tokkodha.
'Lolaa imimaanii'
Maatiin Sidil fa'iis adda bahuu filatan, kunis murtee gadda olaanaa kan umuu ta'unsaa beekamaadha.
"Kunis murtoo baayyee badaadha,'' jedha Jeef Sidil wayita attamiin akka vaavirasichi maatii isaa akka adda baasee yoo himu.
"Mucaa keenya kan waggaa sagalii haadhaan akka adda baatu taatee jirti. Hangam akka turuu eenyutuu beeka?''
"Mucaa kiyyaa dhugaatti lolaa imiimaanii keessa turte. Isheenis baayyee miidhamte jirti.''

Madda suuraa, Getty Images
Haalicha ittuu kan hammeesse ammoo qonsilaan Biriitish mucaa kee waliin gara buufata xiyyaaraa Wuhaanitti deemii balaliif qophaa'i jechuu isaaniiti.
''Daandii fageenya sa'a sadii fi afurii konkolaataan deemamudha. Daandiin garuu cufameera. Gara sanatti imaluu hin dandeessu'' jedhe Sidil.
Abbootii taayitaa Chaayinaa waamnee konkolaataadhaan akka darbinuuf ilaalchi dippilomaatii addaa nuuf haa taasifamu jenneerra.
Garuu Biroon dhimma alaa waan kana raawwachuu akka hin dandeenye nutti hime jedha.
Biiroon Dhimma alaa ammoo dhimmi Sidiliif maatii isaa qondaaltota Chaayinaaf ibsamuu himan. Ammaaf garuu Sidilsii fi maatiiwwan kaan lammummaa Chaayinaa qaban murtee onnee namaa cabsu fudhachuuf dirqamaniiru jedhe.














