Kooroonaavaayiras fayyaa addunyaaf yaaddessaa jechuun DhFA labse

Madda suuraa, Getty Images
Vaayirasiin haaraa Kooroonaavaayirasii Chaayinaa keessatti ammas tamsa'aa kan jiru yoo ta'u, fayyaa addunyaaf yaaddessaadha jechuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa labsee jira.
''Sababni guddaan labsii kanaa waan Chaayinaa keessatti ta'aa jiru osoo hin taane, waan biyyoota biroo keessatti ta'aa jiruuni'' jechuun hogganaan Dhabbata Fayyaa Adunyaa Dr Teediroos Adhaanoom himaniiru.
Yaaddoon kan jiru biyyoota eegumsa fayyaa laafaa qabaniifi.
Gama biraatiin Ameerikaan lammiileen ishee gara Chaayinaatti akka hin imalle beeksiftee jirti. Warreen Chaayinaa jiran ammoo maloota imalaa daldalaatiin akka ba'an akeekkachiifte.
Yoo xiqqaate namoonni 213 Chaayinaatti kan du'an yoo ta'u, 10,000 kan ta'an ammoo vaayirasichaan qabamaniiru jedhamee shakkama.
Namoonni 98 biyyoota 18 biroo keessatti kan qabaman yoo ta'u, du'aatiin hin galmoofne. Baay'inni namoota kunneeniis Chaayinaa magaalaa Wuuhaan deemanii kan turanidha.
Anga'oonni Chaayinaa tarkaanfii gurguddoo fudhataniif galata guddaa kan galchan Dr Teediroos, daldala Chaayinaa taasifamu hir'isuuf sababni hin jiru jedhaniiru.
Biyyoonni muraasniifi dhaabbileen daldalaa muraasni daangaa cufuurraa hanga tajaajila dhaabuutti ga'anii jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Labsiin kana maaltu adda godha?
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa labsii hatattamaa fayyaa kan labsu yeroo yaaddoon fayyaa guddaan addunyaa irratti mudatuufi tatamsa'inni dhukkuboota jiraatudha.
Kana dura dhukkuboonni shan yaaddoo fayyaa addunyaa jedhamuun labsamanii turan:
- Swine flu, Siwaayin Filuu, 2009 - Vaayirasiin 'H1N1' jedhamuun beekamu kun addunyaarratti tamsa'uun namoota 200,000 ajjeesee jira.
- Pooliyoo, 2014 - 2012'tti baduuf dhiyaatee kan ture ta'us 2013'tti lakkoofsi isaa dabalee ture.
- Ziikaa, 2016 - Ameerikaatti vaayirasiin kun tamsa'uu isaatiin DhFA yaaddessaadha jechuun labsee ture.
- Iboolaa, 2014 and 2019 - Labsiin jalqabaa Hagayya 2014 irraa hanga Bitootessa 2016 ga'ee kan ture yoo ta'u, namoota 30,000 hubuun, 11,000 kan ta'an galaafateera. Inni lammaffaan ammoo bara darbe DR Koongootti yeroo mudatetti labsame.

Madda suuraa, Chung Sung-Jun
Chaayinaan akkamiin dandamataa jirti?
Vaayirasichi Tiibeet ga'eera jechuun, guutummaan Chaayinaatti tatamsa'eera jechuudha. Hanga yoonaatti namoota shakkaman keessaa 9,692 vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'eera.
Kutaan biyyattii Hubeeyi kan magaalaan Wuhaan keessatti argamtuufi vaayirasichi keessaa madde, du'aatii galmaa'an keessaa heddumminni achitti yoo ta'u, naannoon sanatti guutummaatti sochiin akka dhaabbatu taasifameera.
Magaalaan sun guutummaatti kan ukkaamfamte yoo ta'u, tajaajila imalaa irratti tarkaanfiin gargaraa fudhatamee jira.
Ummanni naannoo Hobeeyi hanga itti himamutti hojii isaanii mana ta'uun akka dalagan akeekkachiifamanii jiru.
Dinagdeen Chaayinaa, inni guddichi sadarkaa lammaffaa addunyaa kanaa, sababa biyyoonni hedduun lammiileen isaanii garasitti akka hin imalle labsaa jiraniif, hubamaa jira.















