Keebiliiwwan interneetii baatan akkamiin galaana qaxxaamuranii addunyaa waliin ga'u?

Madda suuraa, Getty Images
Teeknooloojiin addunyaa hunda walqunnamsiisuuf gargaaru interneetiin dhibbeentaa 95 kan caalu keebilii keessa yaa’a.
Kan hafe karaa saatalaayitiin daddarba.
Sararri interneetii baatee gola addunyaa addunyaa maraan ga’u (keebiliin interneetii) galaana jala deema.
Yeroo ammaa sararoonni interneetii gurguddoon 430 ta’an galaana keessa qaxxaamuruun addunyaa guutuuf tajaajila kennaa jiru.
Keebiliiwwan interneetii kunneen fageenya addunyaa hanga kiilomeetira miiliyoona 1.3 ni uwwisu.
Ardiin sarara interneetii haala kanaan addunyaatti naanna’uun wal hin qunnamne Antaarkitikaa qofa. Kanaaf interneetii karaa saatalaayitii kutaa addunyaa kaan irraa argata.
Interneetiin saatalaayitii ammoo keebilii maleessa. Neetwoorkiin saatalaayitii hawaa keessa jiru keessatti kuufame sarara interneetii malee gara dacheetti dhangala’a jechuudha.
Keebiliiwwan galaana jala deeman gosa lama: Kan telekominikeeshinii fi kan anniisaa elektirikii baataniidha.
Keebiliiwwan telekominikeeshinii dirra galaanaarra deemu, kan anniisaa eletirikii baatuu fi voolteejii guddaa qabu garuu qarqara gaalaanaatti tima jalatti awwaalama.
Jaarraa 20ffaa keessa keebiliiwwan hedduun Garba Atlaantikii qaxxaamuruun Ameerikaa fi Awurooppaa walqunnamsiisu turan.
Garuu hammi keebiliiwwan Garba Paasifikii keessa darbanii bara 1990moota keessa dabalee ture. Fakkeenyaaf bara 1998 fi 2003 gidduu keebiliiwwan interneetii dhibbeentaa 70 kan ta’an Paasifikii keessa turan.
Gabaan Eeshiyaa diinagdee addunyaa keessatti akkaan murteessaa ta’uun investimantii kanaaf sababa ijoo ta’eera.
Investimantiin sararoota interneetii fi telekominikeeshinii waggoota kurna hedduuf Atilaantikii fi Paasifik irratti erga babal’atee booda, jaarraa 20ffaa keessa biyyoota guddataa jiranitti babal’isuun eegalame.

Madda suuraa, Ingunn B Haslekaas/Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 2009 keebiliin jalqabaa biyyoota Baha Afrikaa interneetii addunyaatti qunnamsiisu tolfame.
Kubbaaniyyaan keebilii kana dhiyeessu SEACOM jedhama, dhibbeentaa 75 investaroota Baha Afrikaa fi Kibba Afrikaatu harkaa qabu.
Haata’u malee sababa saamtota galaanarraa pirojektiin kun ji’a tokkoof harkifatee ture.
Sararoota interneetii galaanaa fi garbarra diriirfaman kunneeniif kan sodaachisan saamtota galaanarraa qofa miti.
Shiboowwan xixiqqoon interneetii baatan pilaastika akkaan jabaa ta’een golgamanii kan deeman ta’anis, teessuma dachee galaanaa fi qurxummii guddicha mannisaa galaana ta’e - shaarkiin miidhaan irra ga’uun waan hin oolle.
Akkasumas yeroo garii dooniiwwan itti bu’uun miidhaa ni geessisu, hundaa ol ammoo walqoccolloon biyyoota guddatan kanneen akka Raashiyaa, Chaayinaa, Ameerikaa gidduutti hammaataa dhufe keebiloota interneetii baatan kunneeniif yaaddoo guddaa ta’eera.
Qondaalli waraanaa gameessi UK keessattuu wayita Raashiyaan addunyaa doorsisuu barbaadaa jirtu kanatti, keebiliiwwan kunneeniif eegumsi addaa taasifamuu qaba jedhan.
Qondaalli Humna Qilleensaa Marshal Sir Stuart Peach keebiliiwwan kunneen adda citnaan yookiin bakkaa bakkatti butamuun jeeqamnaan rakkoon diinagdee addunyaarraan ga’u akkaan ulfaataadha jedhan.
Keebiliiwwan kunneen iddoosaanii yoo gadhiisan yookiin ammoo muraasi yoo keessaa citan humni interneetii baachuu warra hafan irratti waan heddummaatuuf rakkoon interneetii ni mudata.
Biyyoota Afrikaa, Awurooppaa fi Eeshiyaaf handhuura kan ta’e buufati Aleksaandariyaa Masirii keessatti argamu, yeroo baayyee keebiliiwwan interneetiirratti rakkoo uuma.
Meeshaan doonii galaana jalatti gadi qabuuf gargaaru keebiliiwwan interneetii irraan dhiibbaa guddaa ga’a.
Rakkoon bakka kanatti mudatu Ardii Awurooppaa, Afrikaa fi Eeshiyaa miidha jechuudha.

Madda suuraa, Jean-Sebastien Evrard/Getty Images
Interneetiin waanuma qilleensa keessaa argannu nutti fakkaatu haala kanaan nu bira ga’a jechuudha.
Hedduun keenya wayita daataa mobaayilaa yookiin Wi-Fi fayyadamnu waan keebiliidhaan walqabatu nutti hin fakkaatu.
Garuu interneetii fi tajaajilli telekominikeeshinii nuti fayyadamnu hundisaa keebiliidhaan galaanarra qaxxaamuree nu bira ga’a.
Tibbana biyyoota Afrikaa kanneen akka Afrikaa Kibbaa, Naayijeeriyaa, Ayivoorii Koost, Laayibeeriyaa fi Burkinaa Faasoo keessatti tajaajilli interneetii adda citeera.
Gariin keebiliiwwan interneetii galaana keessa ce’anii dhufan irra miidhaan ga’een rakkoo mudateedha.
Dhiheenya kana erga atakaaroon garee Huutii Yaman fi warra lixaa Galaana Diimaarratti hammaatee, dhimmi keebiliiwwan interneetii gaalana qaxxaamuranii akkaan yaaddessaa ta’eera.
Warri Huutii biyyoonni lixaa Israa’el tumsu jechuun dooniisaanii karaa Galaana Diimaa darban haleeluu kan eegale erga waraanni Israa’el fi Gaazaa Onkoloolessa 07, 2023 eegaleeti.
Ergasii Ameerikaa fi UKn biyyoota lixaa kaan waliin waltumsuun haleellaawwan 30 ta’an Huutii irratti raawwataniiru.
Huutiin isa kana haaloo ba’uuf sarara interneetii kutuu danda’a sodaan jedhu addunyaa walga’eera.
Yaman, Galoo Galaanaa Adan to'atanii kan jiran gareen Huutii, keebiliiwwan interneetii eessa akka jiran sakatta’anii akka adda baasan ibsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Yaman, kan beekamtii UN qabu gareen kun keebiliiwwan kominikeeshinii, kan interneetii dabalatee, Galaana Diimaa keessa qaxxaamuruun biyyoota Awurooppaa fi Eeshiyaa walqunnamsiisan adda kutuuf dhaadataa akka jiru ibseera.
Mootummaan Yaman akeekkachiisa kana kan dabarse erga fuulli Telegram kan garee Huutiin hidhata qabu, danaa keebiliiwwan Galaana Diimaa keessa jiran agarsiisu maxxanseeti.
Gareen Huutii keebiliiwwan galaanarraa kutuuf humna qabaa? Gaaffiin jedhu ni ka’a.

Madda suuraa, Getty Images
Gareen kun iddoo guutummaatti to‘atee jiruu fi ulaa Galaana Diimaa taate Bab al Mandab irratti gocha kana akka raawwatu dhaadateera.
Keebiliiwwan hedduun karaa kanaan qaxxaamuru, garuu dirra galaanaarraa meetira dhibba tokko keessa seenanii argamu.
Yoo meeshaadhaan ta’e malee daaktuun keessa gadi lixxee harkaan kutuu hin dandeessu.
Kana gochuu kan danda’an Ameerikaa fi Raashiyaa qofa.
Keebiliiwwan Huutiin kutuuf dhaabatu kun interneetii addunyaa keessaa harka 17 baatu.
Doonii ittiin gadi seenan, meeshaa ittiin kutan fi dandeettii bakka keebiloonni jiran sirriitti adda baasuu gaafata.
Kana gareen Huutii dhabuu danda’a, garuu gareen kun kophaa hin jiru.
Waggoota kurna tokkotti siquuf humna waraanaa Sa’uudii Arabiyaa, UAE, Israa’el, US, UK danda’ee kan dura dhaabbate tumsa Iraaniini.
Ammas Iraan tumsaa jirti. Garuu teekniki kun Iraaniifis qormaata guddaadha, gama siyaasaanis kana raawwachuun biyyattiif balaa guddaadha.












