Wantonni nu marsanii jiran hundi intarneetiin walitti yoo hidhaman addunyaan maal fakkaati?

Madda suuraa, Getty Images
Aannan firiijii keessa keewwatan yeroo dhumu firiijiin isinitti yoo hime, hattuun dallaarraan yoo seenuutti mobaayiliin keessan yoo eeruu isiniif kenne, meeshaan haala qilleensaa naannawaa keessan jiru hubachuun ho'aafi qorra mana keessanii sirreessu osoo tolfattanii, konkolaataan keeessan daandii kamiirraan tiraaffikiin akka baayyatu hubachuun filmaata daandii osoo isinitti agarsiisee ...
Wantonni kunneen hundi waanuma lafarra hin jirre callisaniidhuma hawwan qofa miti. Tekinooloojiidhaan gargaaramuun waan dhugoomedha.
Amma tekinoloojiin wantota naanoo keessanitti argaman odeeffannoo karaa interneetii akka waliif dabarsuu danda'an gargaaru kan jalqabame bubbuleera.
Wantonni naannawaa isaanii arguudhaan, sagaleedhaan ykn sochiidhaan hubatanii odeeffannoo argatan waliif ni dabarsu.
Kun Internet of Things ykn IoT jedhama. Jiruufi jireenya, akkasumas hojii saffisaa, si'ataafi salphaa taasisa jedhamee abdatameera.
Internet of Things maalidha? Akkamiin hojeta? Maaliifis gargaara? jechuun hundeessaafi hoji-gaggeessaa Ayikong Laabs Geetinnat Asaffaa gaafanneerra.
Hundeessaa dhaabbata hubannoo nam-tolchee ykn Artiifishaal Intelijens (AI) fi dhimmoota kanaan walqabatan kan ta'e Geetinnat ibsuu kan jalqabu odeeffannoo naannawaa keenya jiranin ta'uu eeruunidha.
"...Wantonni arginu martinuu odeeffannoodha. Odeeffannoowwan kanneen wiirtuu kan ta'e gara interneetiitti fiduu yoo dandeenye odeeffannicha to'achuufi waan bu'aa qabuuf itti tajaajilamuu ni dandeenya."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sadarkaan jalqabaa sochiiwwan dubbisuun kan hojjetan (Sensors), kaartaa marsariitii (GPS) ykn wantota biroo odeeffannoo sassaaban waliin wal qabsiisuudha.
Sadarkaan lamaffaa, odeeffannoo kanarraa argannu malawwan qunnamtii gara garaa fayyadamuun gara kompiitara keenyaatti geessina.
Kanatti aansuun murtee odeeffannoo irratti hundaa'e dabarsuudha.
Dhimma kana sirriitti hubachuuf akka tolutti Geetinnat dhimmoota lama fakkeenya kenna. Isaanis, qonnaafi geejjiba.
Magaalaan galteewwan tekinooloojii ammayaatiin hojjetu (Smart City) hundeeffameera jennee haa kaanu. Konkolaataawwan, konkolaachiftoonni, imaltoonni, ambulaansonni ykn poolisoonni karaa Internet of Things odeeffannoo akka wal jijjiiran gochuu ni dandeenya.
kana gochuudhaaf, konkolaataa hangamitu karaa kanarra darbe? jechuun meeshaa lakkaa'u tolchuun ni danda'ama.
Dabalataan, kaameraa kaa'uu ykn tokkoo tokkoo konkolaataa keessa GPS kaa'uun ni danda'ama.
Bu'aa ba'ii daandichaa, akkasumas boollawwan ykn daandiiwwan yaratan meeshaa adda baasu tolchuun filannoo biraadha.
"Senseroonni kunneen odeeffannoo sassaaban gara qabee kompiitaraatti kan erganiifi kuusanidha. Isaan kana gara odeeffannootti jijjiiruudhaan isaan booda kompiitara keenya keessa gochuun gara odeeffannoo bu'aa qabutti jijjiiruudhaan waan jiru to'achuun ni danda'ama," jechuun ibsa Geetinnat.
Fakkeenyi lamaffaa qonnaadha.
Xiyyaarri nama-maleessa (Diroonii) irratti seensarii hidhuudhaan odeeffannoo sassaabuun ni danda'ama. Ho'a garggaaramee kaameraa suura baasu itti maxxansuudhaan ykn meeshaa omishaafi omishtummaa sakatta'u itti tolchuudhaan odeeffannoo sassaabuun ni danda'ama.
Dabalataanis, seensaroota lafa keessa awwaaluudhaa, jiidhinsa biyyoo ykn qabiyyee albuudaa safaruudhaan odeeffannoo gara kompiitaraatti ergu.
"... odeeffannoowwan kumaatamaan, miliyoonotaafi tiriiliyoonotaan lakkaa'aman haardiweeronni elektirooniksii sassaaban kompiitara tokkorra kaa'anii sana gara odeeffannoo faayidaa qabuutti jijjiiruu jechuudha," jedha ogeessi kun.

Madda suuraa, Empics
‘Internet of Things’
Internt of Things, akka fakkeenya jalqabaafi lamaffaa irratti arginetti sochii tiraafikaa to'achuudhaaf, akkasumas qonnaa si'eessuudhaaf gargaara.
Kun sekteroota biroo keessattis hojiirra oolaa jira.
Wantonni nu marsanii jiran walumaagalatti interneetii waliin walitti hidhamanii yeroon itti arginu dhiyoo fakkaata.
Ammas taanaan uummanni addunyaa garri caalu (bakka interneetii argachuun danda'amutti) yeroo caalu kan dabarsan elektirooniksiirrattidha. Waan hundas gara odeeffannootti jijjiiruun kan danda'amuufis kanaafidha.
Wanti lubbu-qabeeyyiifi Kemistirii keessa jiran osoo hin hafiin gara odeeffannootti jijjiiramaa jiraachuu dubbata Geetinnat.
"Atom, minerals, DNA, Neuro-data fi namoonnillee osoo hin hafiin gara tekinooloojii odeeffannootti jijjiiramaniiru.
Seenseroota sagalee, suuraafi sochiiwwan walitti makan fayyadamuudhaan namni naannawaa isaa gara kuusaa odeeffannootti akka jijjiiru ni eegama.
Fayyaa, barboota, daldala ykn bashannana akka amma beeknu kanatti itti hin fufu. Sirriitti jijjiirama. Wantonni har'a akka xiinootti ilaallu marti gara fuula duraatti qabeenya nama hundumaa ta'u.
Kanaaf fakkeenyi gaariin barri bilbilli mobaayilaa bilbila isa abbaa shiboo baayyee akka tuffatamu taasisuu isaati. Amma harka isaarra bilbilli kan hin jirre nama meeqadha?
Bilbilli kun wantota nu marsanii jiran waliin gara odeeffannoo wal jijjiiruutti ce'a.
Geetinnat addunyaa gara fuula duraatti eegu akkasiinidha kan ibsu.
"Bara interneetii, odeeffannoofi beekumsaa ta;uun isaa waan hunda jijjiira. Amma hanqina beekumsaa hin qabnu. Beekumsa gara qabeenyaatti jijjiiruudha kan nu hafe. Kunis gara fuula duraatti ni ta'a. Gara fuula duraatti addunyaan baayyee foyyoofteefi ifa taate akka ijaaramtu abdiin qaba."
Addunyaa ‘Internet of Things’ uumu
Bu'aawwan tekinooloojii jaarraa 21 gurguddoo jedhaman keessaa tokkodha. Hanga ammaatti wantonni Biliyoona torba ta'an ‘Internet of Things’ gargaaramuun akka walitti hidhaman kan ibsamu yoo ta'u, bara 2025tti Biliyoona 22 qaqqaba jedhamee eegama.
Wantota waliin qofa osoo hin taane namootaafi lubbu qabeeyyii biroo waliinis wanitti hidhuun ni danda'ama. Meeshaaleen haala fayyaa onnee namaa to'atan yeroo hidhamuuf meeshaa sana meeshaalee biroo waliin walitti hidhuudhuun ni danda'ama.
Lubbu-qabeeyyiin (beeylada +bineelda) yeroo socho'anitti meeshaa to'atu hidhameefiif odeeffannoo sassaabuun ni danda'ama.
Firiijii, konkolaataafi meeshaalee hunda interneetii waliin walqabsiisuun danda'ame jechuun, namoota, wantoota/meeshaaleefi adeemsa jiru gidduu walitti hidhamiinsi uumame jechuudha.
Wantonni walitti hidhaman odeeffannoo ni sassaabu, odeeffannoo wal jijjiiru. Addunyaan wantota qabatamoo ta'eefi addunyaan dijitaalaa marsariitii tokko ta'an jechuudha.
Yaadni isaa kan ka'e turullee seensarri wantonni ittiin odeeffannoo sassaaban salphaatti kan hojjetamuufi argamu ta'uu Internet of Things’ milkaa'aa taasiseera.
Walitti hidhamiinsi interneetii babal'achuu, Kilaawud Kompiyuutaring haalaan dabalaa deemuu, maashin leerning fi Artiifishaal Intelejensiin gara sadarkaa baayyee ol-aanaa ta'etti ce'uun isaa dhiibbaa gaariifi guddaa uumeera.
Meeshaalee neetiwoorkiitiin walitti hidhuun hojii saffisiisuuf gargaaraa jira. Yeroo qusachuudhaafis ta'e jireenya foyyaa'aa jiraachuudhaaf gahee akka qabu ogeessonni ni dubbatu.
Faallaa kanaan ammoo Internet of Things yeroo kamiyyu odeeffannoo baayyinaan sassaabuu karaa nageenya odeeffanootiin kan isaan yaaddessu beektonni damee kanaa irra deddeebiin yeroo qeeqan ni mul'atu.
Waliigalteen daangessu tokko osoo hin jiraatiin odeeffannoo dhoksuu barbaadnu osoo hin hafiin sassaabuu, sassaabees wantota/meeshaalee kaan waliin wal jijjiiruun isaa qeeqameera.
Meeshaalee gidduu odeeffanoon hundi karaa intereneetiitiin kan darbu yoo ta'e warri odeeffannoo soqanii cabsanii hatan salphaatti odeeffannoo dhuunfaa, dhaabbileefi biyyootaa saamuu danda'u.
Meeshaaleen hunduu interneetiin walitti hidhamanii meeshaa inni tokko hojjechuun isaa bu'a qabeessummaa isa kaaniif barbaachisaa ta'aa yeroo deemutti, meeshaa tokkittiin yarattee jennaan garuu hojiin waliigalaa ni diigama kan jedhu ammoo yaaddoo biraadha.

Madda suuraa, Getty Images
Yoom bira geenya?
Guddina tekinooloojiitiin addunyaan gama Lixaafi Bahaa kan Kibbaa dursanii deemuu isaanii ka'umsa godhannee Geetinnatiif gaaffii tokko dhiyeessine.
Itoophiyaa dabalatee addunyaan gara Kibbaa addunyaa kaan waliin karaa Internet of Things wal-qixa walitti hidhamiinsa ni qabaataa?
Deebiin isaa, "Afrikaan muuxannoo isa kamiin deemu kan jedhuyyu filannoo hedduu qabdi," kan jedhudha.
“... Imalli isaaniin waggoota dhibba isaan fudhate nuti yeroo gabaabbaa keessatti sababii hin qaqqabneef tokkoyyu hin jiru. Isa irra utaallee sadarkaa dinagdee biraarra carraan ittiin geenyu ni qabna," jechuun ibsa.
Kana kan jedhu sababii malee miti. Adeemsa tekinooloojii akka ragaatti eera.
Tekinooloojiin daangaa biyyooonniifi ardiiwwan ittiin uumaman irra qaxxaamura.
"Tekinoooloojiin daangaa bakkaa darbee kan deemudha. Miidiyaa hawaasaa, Kiriptookaaransiifi bu'aawwan tekinooloojii biroo daangaan tekinooloojiif akka hin hojjenne agarsiistuudha," jechuun ibsa.
Turullee addunyaa Internet of Things uumamtu keessaa kan hafu waan jiru hin fakkaatu.












