Hundeessaan Apple hubannoon nam-tolchee oduu sobaa adda baasuu rakkisaa taasisa jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Hundeessitoota Apple keessaa tokko kan tahe Istiiv Wuuzniyaak hubannoon nam-tolchee - AI odeeffannoo sobaa fi jette jettee adda baasuu kana ammaarra rakkisa taasisa jechuun akeekkachiise.
Obbo Woozniyaak teekinolojiin kuni ''kanneen badii dalaganiin'' to'atamuu danda'a sodaa jedhu qaba.
Af gaaffii BBC'f kenneen qabiyyeen hubannoo nam-tolcheen dalagamu ifatti beekamuufi qajeelfamaanis hogganamuu qaba jedhe.
Namni kuni Iloon Maask fa'i wajjin tahuun samuudni AI humna guddaa qaban yeroof akka hin tolfamne xalayaa iyyatu Bitooteessa darbe namoota mallatteessan keessaati.
Obbo Wuuzniyaak nama teeknolojii Istiiv Joobs waliin kompiitara Apple kalaqe dha.
Haasaa BBC waliin taasiseenis faayidaa hubannoo nam-tocheefi yaaddoo qabu ibseera.
''Hubannoon nam-tolchee qooda fudhattoota gaarii hin taaneef saaxilamaadha, kanneen waa'ee eenyummaasaanii gowwamsan faa'a jechuu dha,'' jedhe.
Yaadni Hubannoo nam-tolchee jedhu sirna gochaa hubannoo ilmaan namaa barbaadu offin dalagu dha. Sagantaan kompiitaraa Chatbot jedhamu akka namaatti gaaffi gaafatameef deebii kennuufi sirna miya fakkiin itti agarsiifame adda baasu dabalata.
Obbo Wuuzniyaak hubannoon nam-tolchee miira gatii hin qabneef dhala namaa bakka bu'a jedhee hin amanu.
Garuu kanneen yaada gaarii hin qabnee akka nu amansiisan gochuu danda'a, ChatGPT' barreeffama, ''akkaan bareeda fakkaatu tolchuu danda'a'' jedhe.
''Ilmaan namaa itti gaafatamummaa fudhachuu qabu''

Madda suuraa, MOD
Qabiyyeen kamiyyuu kan hubannoo nam-tocheen tolfamuufi uummataaf dhiyaatu, jalqaba kanneen maxxansan harkatti ilaalamuu qaba. ''Waan hubannoo nam-tolcheen kalaqamuuf ilmaan namaa itti gaafatamummaa fudhachuu qabu,'' jedhe.
Dhaabota teeknolojii gurguddaa qajeelfamni itti gaafatamoo godhu jiraachuu qaba, ''kanaan ala waan fedhan dalaganii kan isaan gaafatu hin jiraatu,'' jedha.
''Humnooti qarshii qaban yeroo baayyee ni mo'atu, kuni nama gaddisiisa, kanaafis warreen to'achuu qaban hojii sirrii hojjechuuf dhiibbaan irra jiraachuu mala'' jedhe.
'Teeknolojii dhaabsisuu hin dandeenyu'
Obbo Wuuzniyaak carraawwan yeroo intarneetii kalaqamu nu jala darban amma hubannoo nam-tocheedhaaf barnoota nuu tahuu qabu jedhe.
''Teekinolojii dhaabuu hin dandeenyu,'' jedhee amana garuu namoonni yaalii sobaafi gowwomsaa odeeffannoo dhuunfaa isaanii fudhachuuf taasifamu akka adda baasan barsiisuu dandeenye jedhe
Hogganaan Apple ammaa, Tiim Kuuk fayyadama hubannoo nam-tochee irratti ''of eeggannoo gochuufi qalbeeffachuun,'' barbaachisaa akka tahe investarootatti hime.
''Hubannoo nam-tolchee akka waan guddaatti ilaalla oomishoota keenya wajjiin of eeggannoon wal-simsiisna," jedhe.












