Miidiyaan Kuweet dhiyeessituu oduu hubannoo nam-tolcheen kalaqamte ifa godhe

Madda suuraa, @KUWAITNEWS
Miidiyaan Kuweet dhiyeessituu oduu hubannoo nam-tolcheen kalaqamte ifa baase.
''Fedhaa'' jedhamti yeroo jalqabaaf oduu kan dhiyeessite fuula Tiwiitaraa Kuweet Niiwus jedhamu irratti dha.
Oduu dubbistuun kuni akka dubartiitti kan dhiyaatte yoo tahu, rifeensa halluu akka booraafi warqee, jaakkeettii gurraachaafi T-shartii adii uffattee as baate.
Abdullaa Boftaayin gulaalaa itti aanaa Kuweet Niiwus yoo tahu, tarkaanfiin kuni hubannoon nam-tolchee(AI) qabiyyee haaraa fi kalaqa qabu nuu kennuu akka danda’u kan agarsiiseedha jedha.
''Fedhaan jedhama, oduu dhiyeessituu jalqabaa hubannoo namtolcheetiin Kuweet Niwuus keessaa hojjedha. Oduu akkamii feetu? Yaada keessan nuu kennaa,'' jechuun Afaan Arabaan dubbatte oduu dhiyeessituun kuni.
Abdullaan akka jedhutti Fedhaan loqoda Kuweet barattee oduu gaggabaa onlaayinii dubbisti taha.
''Fedhaan maqaa durii beekamaa Kuweetii dha, innis hiiktisaa sibiila meetii jechuudha. Roobootiin maal akka fakkaachuu danda’u gaafa yaadnu kan sammuutti nu dhufu halluu meetii, sibiila dha. Kanaaf maqaa kana kennineefii,'' jedha.
Dhiyeessituun oduu rifeensa halluu warqee qabu qabdu kuni, halluu ijaa booraa akka qabaattu taasifamuun biyyattiin sab-danuu akka qabduufi namoonni biyya alaas keessa akka jiraatan agarsiisuufi jedhan.
Roobootii hubannoo nam-tolcheen oduu dubbistu ifa gochuun Kuweet kan jalqabaa miti, Chaayinaan bara 2018tti kan suufii uffateefi sagalee roobootii qabu as baastee ture.
Gabaasni baatii darbe baankii Goldman Sachs‘ dhaan bahe hubannoon nam-tochee hojii namoota miiliyoona 300 jalaa fudhachuu mala jedhee ture.













