'Hubannoon nam-tolchee (AI) yeroo dhiyootti dhala namaa caalaa yaaduu danda'a'

Hubannoo nam-tolchee (AI)

Ogummaa hubannoo nam-tolchee (AI) beekamtii guddaa kan argate Ji'ofireey Hintan yaaddoo teeknolojiin kun gara fuuluraatti dhala namaarratti fiduu danda'uun kan ka'e hojii dhaabee jira.

Ji'ofireey Hintan abbaa hubannoo nam-tolchee jedhamuun beekama. Dhiibbaa teeknolojiin kun namarraan gahuu danda'u yaadda'uun amma hojii dhaabbata Google wajjin qabu adda kutee jira.

Ogeessi hubannoo nam-tolchee kun amma gann 75 ta'eera. Dhaabbata Google wajin walii galtee qabu adda kutuun hojii dhaabuusaa New York Timestti hime.

Saffisni hubannoon nam-tolchee ittiin guddataa jiruufi yaaddon innni gara fuulduraatti geessisu na sodaachise jechuun hojii kana keessatti hirmaataa turuusaattis gaabbuusaa hime.

Balaan chaatbootin hubannoo nam-tolchee (AI chatbots) geessisu "baay'ee sodaachisaadha" jechuun BBCtti hime.

"Amma [hubannoon nam-tolchee] nu caala yaaduu hin dand'an. Garuu dhiyootti nu caalu jedheen yaada."

Dr. Ji'ofireey Hintan diip larningfi kompitarri modeelii sammuu namaatin akka hojjatu (neural networks) irratti qorannoo gageessun nama ogummaa bal'aa kuufateedha.

Qorannoon isaa kuni ammoo maloota hubannoon nam-tolchee fayyadamu kanneen akka ChatGPT fa'iif karra baneera.

Qorataan xiinsammuufi saayintististii saayinsii kompiitaraa kun BBCtti akka himetti teeknolojiin chaatbootii yeroo dhiyootti odeeffannoo sammuun dhala namaa baachuu ni danda'a.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr. Ji'ofireey Hintan barruu New York Timesti akka himetti teeknolojii hubannoo nam-tolchee "waan badaaf" kan itti fayadaman akka jiran hima.

"Fakkeenyaf, namoonni ilaalcha hamaa qaban kanneen akka Puutin roobotii isaan fakkaatu akka uumamu gochuu danda'u jennee yaaduu dandeenya."

Dabaluunis, "Gosti dandeettii hubannoo nam-tolchee amma uumaa jirru kan kana duraa irraa baay'ee addaadha jedheen yaada.

"Nuti mala baayolojikaalati, isaan kun [hubannoon nam-tolchee] ammoo mala dijitaalati. Garaa garummaan guddaan maloota dijitaalan waan tokko si'a heddu koppiisaa hojjachuu dandeenya.

"Koppiiwwan kuni hundisaanii qopha qophaatti barachuu danda'u, garuu ammoo beekumsa isaanii battalumatti qoodu. Kana jechuun, nama 10,000 yoo qabaattefi isaan keessaa namni tokko waan haaraa tokko yoo bare, hundi isaanii waan sana ni beeku akka jechuuti. Chaatbootiwwan kunis bifa kanaan namni tokko kan beeku caalaa beekuu danda'an bifa kanaani," jedha Dr. Ji'ofireey Hintan