Dhiira caala dubartootni maaliif gaa'ila diiguuf gaaffii dhiyeessu?

Madda suuraa, Getty Images
Gaa'ila ofii diiguun(wal-hiikuun) ji'ootaa hanga waggootaa fudhachuu danda'a. Gaaffii wal-hiikuu dhiyeessuutti ammoo dhiiraa fi dubara yeroo walbira qabnu, dubartootni harka hedduun caalmaa agarsiisu. Odeessi kun maaliif dubartootni dhiira caala warra wal-hiikuuf iyyata dhiyeessan akka ta'an ibsa.
Ameerikaa keessatti bulchiinsa shantammannuu keessatti badii malee gaa'ila hiikuun hayyamamaadha. Kanaanis dubartootni waliikuu gaafatan 70% ta'uu akka malan tilmaamni jira.
Dubartoota Yinivarsiitii ykn koollejjii galanii keessaammoo lakkoofsichi gara %90 ol siqaa jedhama. Qorannoon ONS akka agarsiisutti ammoo UK fi Weels keessatti bara 2019 keessa gaa'ila diiguuf kan gaaffii dhiyeesse dhibbeentaan 62 dubartoota.
Amma biyyoota Lixaa keessatti gaa'iila diiguun salphachaa dhufeera. Fakkeenyaaf UK'n namootni gaa'ila isaanii diiguu fedhan iyyatni isaanii akka fudhatamuuf badii qaamni biraan raawwate dhiyeessuun dirqama akka hin taane murteessiteetti.
Kun namootni yaada gaa'ila isaanii diiguu qaban waayee sababa dhiyeessanii osoo hin rakkatiin kallattiin waan fedhan akka raawwatan hiree kennaaf. Qajeelfamni haaraan kun dubartootni isa amma duraarra wal-hiikuuf iyyata galchan akka dabalan taasisa.
Ofii dhiira caala dubartootni maaliif gaa'ila isaanii diiguuf iyyata galchu?
Deebiin gaaffii kanaa hedduu ta'uu mala. Kaan warreen wal-fuudhan lameen akkamiin miira isaanii walii eegu ykn walii hin eegan kan jedhuun wal qabata jedhu. Gariin ammoo sababootni walxaxoon jiraachuu himu. Isaan keessaa tokko barbaachisummaa walabummaati.
Hawaasa hedduu keessatti gaa'ila ofii diiguun dhiyoo kana baratamaa dhufe.
Fakkeenyaaf UK keessatti bara 1914 dura gaa'ila diiguun wan beekamu hin turre. Barkurnee isa jalqabaa jaarraa 20ffaa keessa namni gaa'ila isaa diigu gaa'ila 450 keessaa tokko qofa ture gidduugaleessaan. Amma UK keessatti waggaa waggaan giduugaleessan gaa'illi 100,000 ni diigama. US'tti ammoo gaa'iloota jiran keessa walakkaan isaa dhumni isaa wal-hiikuudha.
Gidduugala Misooma Barnootaa US keessatti oogeettii xiinsammuu kan taate Heidi Kar wal-hiikuun dabaluun isaa dubartootni bilisummaa barbaaduu isaanii waliin walirra bu'uun isaa waanuma eegamuu jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
''Bilisummaan diinagdee dubartiin tokko gaa'ila ishee diiguu dura waan akkaan ilaaluun ishee barbaachisuudha, kophaas haata'u ijoollee wajjiin dubartii tokkoof gaa'ila diiguun ulfaataadhaa.
Ofiin karaa maallaqa argatan qabaachuutu barbaachisa'' jedhu. Gaa'iloota hedduu keessa dhimma maallaqaan walqabatee dubbiin akka jabaatus dubbatu.
Ammoo dubartootni ofiin maallaqa argachuuf hojii hojjitti jabaachuun isaanii gaa'ila gammachuu irraa hin qabne dhiisanii akka bahan sababa ta'uu dubbatu.
''Dhimmi qabeenya ittiin jiraattuu ishee dirqisiisuu yoo baate gaa'ila abbaan warraa rakkisaa itti ta'eefi fedhiin ishee keessatti hin eegamne keessaa bahuun dhimma wal-hiikuu akkaan jajjabeessudhas'' jedhu.
''Aadaafi bakka jireenyaan osoo hin daanga'iin dubartootni diinagdeen of gargaaruu danda'an, garri caalaan isaanii kan barnoota olaanaa argatan, warra diinagdeen ofiifi ijoollee ofii gargaaruun isaan rakkisu caala gaa'ila isaanii diiguuf gaaffii dhiyeessu'' jedhu Kar.
Miiraafi dhimmoota hawaasummaa
Diinagdeen of danda'uun qofti dubartootni dhiirota caala gaaffii gaa'ila ofii diiguu dhiyeessuu isaaniif sababa miti. Dubartootni hedduun gaa'ilatti seenuun dura miira namni jaalatan eeguuf ilaalchisee wanti sammuu keessaa qaban kan dhiirri eeguun yeroo madaalamu olaanaadha. Kunimmoo gaa'ila keessatti hamma eegame yeroo ta'uu didu akkasum dhiira caala dubartoota miidha, gaddisiisa.
Ameerikaa keessatti dhimma gaa'ilaa irratti warra wal-fuudhan gorsuuf hayyama kan qabaniifi dhibdee furuu irratti kan ispeeshalaayiz godhan Gilza Fort-Martinez, dhiironni dubartootaan gaditti hubannoo miira waan qabaniif haadholiin warraa gargaarsa akka dhabanitti of ilaalu kanaafis dhimma miira isaanii fi kan maatii eeguurratti hedduu dhama'u jedhu.
Kana jechuun ammoo dubartootni dhiira caala hariiroo isaanii keessatti mallattoolee rakkoo jabaa hubachuun, yeroo baayyee fi irra deddeebiin irratti akka mariyatamufi malli akka godhamuuf yaada dhiyeessu. Kun gaafa akkaan irra deddeebi'u ammoo gara gaaffii wal-hiikuu dhiyeessuutti ce'a jedhu ogeettiin kun.
Dubartootni gaa'ila keessatti gammadoo hin taane gaa'ila isaanii hiikuuf yeroo murteessan gaaffi isaanii qaama dhimmi ilaalutti kan dhiyeessaniif inni guddaan dhimma qabeenya wajjin jiruuf furmaata waan barbaadaniif ta'uu dubbatu.
UK'n dhiyoo kana warri wal-hiikuuf iyyata galfatan badii qaama isa biraa akka dhiyeessan gaafachuu dirqisiisaa gochuu dhabuu isheetiin dhimmi wal-hiikuu dabaluu mala jedhamus erga seera haaraa kanaa dhiira moo dubaratu irra iyyata galfata kan jedhu ammatti ifatti adda hin baane.
Gaa'ila diiguuf iyyata galfachuun kaaniif adeemsa gammachuu dhabuu waggootaa ta'us kaaniif ammoo dhimma qabeenya qooddachuuti.
Wanti ifa jiru garuu hangi galii dubartootaa dabaluun, dhiiraaf dubara gidduu hubannaan miiraa jiru bal'achuun, dhamaatiin mana keessaa kan wal hin madaalle ta'uufi kaanis sababoota wal-hiikuun akka dabalaa deemu akeekaniidha.















