Heerumni umurii malee maaliif naannoo Amaaraatti heddummate?

Suuraa shamarree dibaabee jalatti fuulli aguugame

Madda suuraa, Eric Lafforgue/Art in All of Us

Motummoota Gamtomaniitti Dhaabbanni Daa'immanii (UNICEF) qorannoo bara 2019 gaggeesseen aanaalee Itoophiyaa heerumni umurii malee keessatti bal'inaan mul'atu 50 keessaa 23 naannoo Amaaraatti argamu.

Haaluma walfakkaatunis heerumni umurii malee bal'inaan Naannoo Amaaratti raawwatamaa jiraachu BBCtti kan himan Biiroo Dhimma Daa'immaniifi Dubartootaa naannichaatti Daarektara Babal'iina Sochii fi Hirmaannaa Dubartootaa Simaachaw Daanyeeti.

Koronaavaayirasiin walqabatee manneen barnootaa cufamunsaa lakkoofsi kun akka caalaa dabale himan.

Haaluma kanaanis A.L.I bara 2012tti heerumni umurii daa'imaa 1,700 ol naannichatti raawwatamusaa beeksiisaniiru.

Lakkoofsi kunis kan argame ragaa qaamoolee dhimmichi yaaddoo itti ta'een kan jedhan Daarektarichi, sirni ragaa qindaawaan waan hin jirreefuu baayy'inni isaa kana qofaadha jechuun rakkisaa ta'u himu.

Heeruma umurii malee [ijoollummaa] irra caalaan itti gaafatamummaa jalaa bahuuf jecha dhoksaan kan raawwatamu waan ta'eef, haala kanaan osoo hin beekamiin kan hafan hedduun akka jiraatanilleen ni himu.

Covid-19 biyyattii keessatti mudatee manneen barnootaa cufamuun ijoolleen gara manaatti osoo hin deebii'iin dura, naannichatti heerumni daa'immanii hir'ataa akka ture Obbo Simaachaw himaniiru.

''Kunis dhimma qorannoon mirkanaa'eedha. Haalli hir'inasaa mataansaa saffiisaa ture. Garuu erga sababii Covid-19n manneen barnootaa cufamaniin booda barnoonni osoo hin eegaliin turuu danda'a yaada jedhuun hawwasichi heeruma daa'immanii kana raawwataa jiru,'' jedhan.

Weerara koronaavaayirasitiin walqabatee lakkoofsi daa'imman umurii malee heeruman dabalaa dhufnaan, qaamooleen sochii ittisa dhukkubichaarratti hojjatan achumaan waa'ee heeruma daa'immanii irratti ragaa walitti qabuun hawaasa bira akka gahu taasisan jedhu.

Yaalii caasaalee mootummaa gubbaa hanga dakaa jiran keessatti hubannoo cimsuuf taasifameen dargaggoon tola oltoota ta'an hirmaachisuun danda'ameeras jedhu.

Musuurroota

Madda suuraa, Gettyimages

Ibsa waa'ee suuraa, Sababii COVID19 manneen barnootaa cufamuun dura heerumni umurii malee hir'achaa ture

Manneen barnootaa deeebii'anii saaqamuun walqabatee, barattoonni bara darbee barnootarra turan hundi gara barnootaatti akka debii'aniif yaaliin taasifamaa jiraachuu kan himan Daarektarichi, erga barattoonni deebii'aniin booda ammoo heeruma daa'iimmanii irratti ragaan dabalataa akka walitti qabamu himan.

Naannichatti bakkeewwan heerumni daa'immanii keessatti baayyatu adda baasuuf qorannoon akka barbaachisu Obbo Simaachaw ibsanii, dhiheenyatti qorannoon gaggeeffamee jiraachu baatulleen haaluma ragaa qabaniitti, ''Walloo Kaabaafi Kibbaa, Goojjaam Bahaa fi Gondar Kibbaa keessaatti bal'aa ta'uU mul'isa,'' jedhan.

Godina Goojjaam Bahaatti aanaalee heerumni daa'immanii itti baayyata jedhamuun adda baafaman keessaa Aanaan Dabaayi Xilaat tokko.

Aanichatti heerumni daa'immanii yeroo gara yerootti haalaan dabalaa jira kan jedhan ammoo aanichatti Itti gaafatamtu Waajjira Daa'immanii fi Dubartootaa Aaddee Natsaanati Zallaqaati. Kanaafis 'hanqi'na hubannoo' hawaasa keessa jiru sababii tokko jedhu.

Duraan karaa barattootaafi barsiiftootaan ragaan argamaa akka ture himanii, manneen barnootaa cufamunsaanii gama Kanaan dhiibbaa taasisuu ibsan.

Gaa'illi ijoollummaan akka hin raawwatamneef yeroo gara yerootti sochiin hubannoo hawaasaa cimsuu kennamaa turuufi kannaanis haalaan hir'atee aka ture dubbatu.

Haaluma ragaa hawwaasa irraa isaan qaqabuutiin gaa'illiwwaan akka hafan fi kaan ammoo yeroo biraatti akka darban taasifaman jiraachulleen ni yaadatu.

Bakkeewwan ''baddaa'' aanichatti argamaniitti haalli kun kan baayyatu ta'uu BBCtti himaniiru.

Waggoota shan bara 2012-2017tti jiraniitti heruma ijoollummaa fi dhaqna qabaa shamarranii hambiisuuf sadarkaa biyyaaleessaatti kallattiin kaa'amee ture.

Akka Biiroo Dhimma Daa'immaniifi Dubartoota Naannoo Amaaraatti, A.L.I bara 2017tti naannichatti heeruma umurii malee hambisuuf hojjatamaa jira.

Covid-19 Itoophiyaa galunsaa erga himamee booda naannichatti gaa'illi 500 ol akka hafan kan taasifaman yoo ta'u, kanneen keessaa 350 kan ta'an erga raawwatamanii boda akka hafan taasifaman.