Koronaavaayiras: Indiyaatti weerarri Covid-19 heeruma umurii malee babal’ise

Ijoollee durbaa duubatti gargalanii dhaabatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Eerumni umurii malee erga weerara koronaavaayirasiitii haalaan dabaleera

Raaniin shamarree ganna 13, barattuu kutaa 8 dha. Maatiinshee heerumsiisuuf jennaan falmatteetu isaan dhaabsiifte.

Indiyaa keessatti sochiin yoo ugguramu manneetiin barnootaa cufaman. Abbaan Raanii dhukkuba TBn rakkatan yoona kana ture mucaa isaanii heerumsiisuuf kan murteessan.

Indiyaa keessatti ijoollee ganna 18 gad jiran heerumsiisuun yakka dha. Haa tahu malee biyyattii keessatti gaa’elli umurii malee lakkoofsa guddaa qabutu raawwata. Addunyaarras lakkoofsi kun tokko sadaffaa dha.

Akka UNICEF jedhutti yoo tahe ijoolleen miiliyoona 1.5 tahan ganna 18tiin gaditti heerumu. Bara kana immoo daran hammaateera. Dhaabbatni tola-oolaa Chaayildlaayin’ jedhamu hanga ji’a Adooleessaa ijoolleen maatiin dirqamaan nu heerumsiisuufi jedhan isaaniitti bilbilan lakkoofsi isaanii 17n dabaleera.

Sababii uggura sochiitiin namooti baayyeen hojii isaanii idilee dhabaniiru kanaaf hojii al-idileerratti bobba’aniiru.

Mootummaan immoo godaantonni miiliyoona 10 tahan hojii dhabuurraan gara qe’ee isaanitti deebi’aniiru jedha. Maatiin baadiyyaa jiraatan ijoollee dubaraa isaanii heerumsiisuun ala filannoon akka hin jirre yaadu.

Biyyattiin Waxabajjii keessa sochii haa jalqabduyyuu malee hojii fi barumsi akkuma cufameen jira. Diinagdeen biyyattiis gadi-bu’aa jira.

Haalli kun ijoollee rakkoo keessa galcheera. Manneetiin barnootaa ijoolleef bakka baqaa turan cufamanii jiru, duraan ijoollee kana kan tiksu barsiisota isaanii ture.

Akshiin Eed keessa ka hojjetan Saamiitaa Kaanjoow,’’ hawaasa harka qalleeyyii keessa dubartoonni akka baratan hin jajjeebeefamu. Dubartoonni barnoota erga addaan kutaniin booda deebisanii jalqabuuf maati isaanii amansiisuun irra jiraata,’’ jedhu

Qabsoo ijoollee

Hiriyyaan Raanii kan heerumte barana dha.Ishees maatiin ishee heerumsiisuuf heerumsiisuuf akka tahe yoo bartu gara sarara bilisaa ijoollee gargaarutti bilbilte. Dhaabbatni tola oolaa tokko poolisoota waliin tahuun gaa’ela kana dhaabsiseera.

Kana booda abbaan Raanii lubbuun darbe,’’barnooti yeroo jalqabu mana barumsaa deemuu akka qabdu yaaddi haa tahu malee itti gaafatamummaan maatii bulchuu narra bu’eera,’’ jetti

Ijoolleen dhiiraa immoo maatii isaanii deeggaruuf warshaalee gargaraa keessatti akka hojjetan ni dirqamu. Hindii keessatti ijoollee hojii humnaa hojjechiisuun dhorkaa tahus, qorannoon bara 2011tti adeemsifame ijoollee Hindii miiliyoona 260 keessaa miiliyoonni 10 hojii humnaa hojjetu.

Paankaaj Laal mucaa isaanii ganna 13 warreen namoota seeraan ala daddabarsanitti kennan, galii otoo hin qabaatiin ijoollee shan soruu hin dandeenye.

Mucaa isaanii fageenya km1000tti erganii warshaa keessa akka hojjetu taasisaniiru. Ji’atti doolaara 68 argata. Mucaan isaanii haala kana keessa galuun isaa isaan gaddisiisa.

‘’Ijoolleen guyyaa lamaaf hin nyaanne. Kanaaf nama seeraan ala tahettin mucaa koo kenne,’’ jedhu.

Geejibni biyya keessaa daangefamus warreen ijoollee seeraan ala daddabarsan garuu hojii isaanii hin dhaabne.

Waggaa 25f ijoollee warreen daddabarsitoota irraa baraaraa turan, amma haalli kun hammaachuu dubbatu.

Warreen namoota daddabarsan matta’aa kennaniitu mana hidhaarraa bahu. Maatiin immoo dhimmi akkasii poolisiitti akka hin himneef ni doorsifamu.

Paankaaj garuu akka carraa otobisiin mucaa isaanii qabatee deemu lafa tursiisaa akka galu taasifameera.

‘’Mucaa koo dadhabaa taheen erge. Kana booda duguuggaa haxaawwateellee nayaata malee gara hojii hin erguun,’’ jedhu.