Naannoo Amaaraatti manneen barnootaa cufamuun gaa'ila umurii malee heddummeesse

Madda suuraa, Gettyimages
Naannoo Amaaraa godinaalee adda addaa keessatti sababii koronaavaayirasiitiin erga manneen barnootaa cufamanii as lakkoofsi shamarran umrii malee akka heeruman taasifamanii dabaluun ibsame.
Heerumni umurii malee dabalusaatiif raga qabna kan jedhan Itti gaafatamtuu Ittaantuun Waajjiira Dhimmoota Dubartoota, Daa’immaniifi Dargaggootaa Naannoo Amaaraa Aadde Salaamaawiit Alamaayyoo, keessattuu godinaalee tokko tokko keessatti taateen kun haalaan dabaluu himu.
Kanaan walqabatees duraan raga walitti qabataa kan turan adda duraan manneen barnootaafi qophiiwwan cidhaa irraa yoo ta’u amma sababii koronaavaayirasitiin manneen barnootaa waan cufamaniif, barattootiifi barsiiftonni wal hinargan.
Kana malees asababii labsii yeroo muddamaatiin akka qophiin gaa’iilaa akka hinraawwatamneef waan dhorkameef raga argachuuf rakkachu himu.
Kanaafuu karaa filmaata biraa kan ta’e garee ittisa koronaavaayirasii waliin ta’uun imala mana manarra deemamuun gaggeeffamuun, eeruun akka isaan gahee ittigaafatamtuu kun ni dubbatu.
Haaluma eeruu isaan gaheenis godinaalee Kibba Gondariifi Baha Goojjama keessatti rakkoo cimaan jiraachu ibsaniiru.
‘‘Godina Kibba Gondar aanaalee Simaadaa, Taachi Gaayintiifi Fogaraatti herumni ijoollummaa ballinaan gaggeefamaa jiraachu raga qabna. Baha Goojamittis keessattuu Aanaalee Shabal Barantaa Dabaayii Xilaat fi Gozaaman keessatti sochii cimaatu jira,’’ jedhan.
Daarektarri mana barnootaa Sadarkaa tokkooffaa Agaaminaa kan Aanaa Dabaay Xilaatiitti argamu ta’an barsiisaa Dasaalanyi Biitawu akka jedhaniitti, shamarrani daa’imummaan heerumsiisuun duraan darbaa darbee raawwatamaa ture amma manneen barnootaa cufamusaanitiin wal qabatee haala olaanaan gaggeeffamaa jiraachu BBC’tti himan.
‘‘Duraan karaa barattootaa ragaan walitti qabuun biiroo daa’immaniifi dargaggootaa fi qaamoolee dhimmisaa ilaallatu waliin ta’uun gaa’ilichi akka adda citu taasifama ture. Amma garuu raga argachu waan hindandeenyeefu, heruumni umurii malee raawwatamaa jira. Duraan ijoolleefi baratoota nuun gaha ture amma raga hinargannu,’’ jedhu barsisaa Dasaalanyi.
Akkasumas Aanaa DanaaYitti gaa’illi daa’immanii yeroo gara yerootti cimaa dhufeera kan jedha ittigaafatamtuun Waajira dhimmi daa’immaniifi dargaaggoota aanichaa Aaddee Natsaanati Zalaqa, dalabuu dhimmi kanaatiif rakkoon ‘qaawwa hubannoo’ hawaasicha keessa jiruudha jedhu.
Sababiin biraa manneen barnootaa cufamusaanitiin walqabate raga dhabamu himu.
Keessattuu Aanaa Dabaayi Xilaatti ‘naannawwa Dagaamaa jedhamuutti rakkinni shamarran umurii malee heerumsiisuu kan akka caalu himu.
Naannichatti heruma shamarranii umurii malee hambisuuf waggoota sadii l hojjatamusaa kan himan Aaddee Salaamaawiiti gama isaanitiin, bara 2019 qofaatti gaa’illiwwan umurii malee 5,800 ol haqamaniiru jedhan.
Humni Baha Gojjaam keessatti bobba’ees godinichatti cidhi 1,280 qophaa’u beeksiseera. Kanneen keessaayis ‘541 kan ta’an kan gaahiila umurii malee jedhamu’ ta’u barameera.
Isaan karoorafaman kanneen akka adda citaniif yaaliin taasifamu himanii, namoota 46 irrattis tarkaanfiin seeraa fudhatameera jedhan.
‘‘Aanaa Dabaayi Xilaatti gaa’illi 255 gadi hintaane raawwatamuuf ture. 221 kan ta’an adda yoo kutaman, 34 irratti ammo tarkaanfiin fudhatameera. Godinaalee biraarras rakkinni walfakkaatu jiraachuu baruuf xinxala taasifneerra. Baayyinnaan rakkinichi kan mullatu garuu Kibba Gondariifi Baha Gojjaam keessatti,’’ jedhan.
Gaa’illi kunis xin-sammuufi adeemsa baruu barsiisuu irratti dhiibbaa kan taasisu ta’u kan dubbatan Barsiisaa dasaalanyi ‘‘Sammuu daa’imman irratti dhiibbaa qabaata. Akkasumas gama adeemsa baruu barsiisuutiin haala itti fufiinsa gaa’ilasaaniin walqabatee, hirrachu akkoofsa barattootaafi hirmaannaa barattootaa irratti dhiibbaa qaba, jechuun himu.
Sababii koronaavaayirasitiin manneen barnootaa cufamusaaniifi namoonni akka walitti hinqabamne dhorkamuun, gaa’ila umurii malee kana to’achuuf danqaa uumeera jedhu.
Falli jiruu hubannoo hawaasaa cimsu akka ta’e kan himan Aaddee Natsaanatti, carraawwan argaman hundatti fayyadamuuf yaadu himu.
Aaddee Salaamaawiitti gama isaanitiin ‘‘Jalqaba maatiin sirrii akka hintaane hubachiisuun sirreessuudha. Isa bira dabarraan garuu tarkaanfii seerraatu fudhatama. Addabbiin seeraan kaa’ame jira, waggaa 3-25 gaha. Ammas qaamoolee haqaa waliin tarkaanfiin fudhatamaa jira,’’ jedhan.















