Daa'imman jahan Jiddugala Gondar Xagadeetti maaliif butamanii ajjeefaman?

Danaa naannoo Amaaraa, Gondar agarsiisu

Naannoo Amaaraa jiddugala Gondar Aanaa Xagadeetti daa'imman saddeet ukkaamfamuun butaman keessaa ja'an isaanii ajjeefamuu, Itti-gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanaa Xagadee Obbo Ishatee Aragaawwii BBC'f mirkaneessaniiru.

Daa'imman kunneen A L I Mudde 10, 2012 guyyaa keessaa naannoo sa'aatii 6:00 irratti ukkaamfamanii butaman namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen yoo ta'u laga Maayidaaraa jedhamu keessa horii tiksaa osoo jiranii ta'uu dubbatu Obbo Ishateen.

Daa'imman umuriin isaanii 10-16 ta'an kunneen erga qabamanii booda gara Aanaa Taach Armaacaw geeffamaniiru.

Daa'imman kunneen gara Taach Aarmaacaw geeffamanii guyoota 10'f erga ugguramanii tursiifamanii booda Mudde 19 cimdii cimdiidhaan hidhamanii saddettan isaanii keessaa ja'a rasaasaan rukkutamanii ajjeefamaniiru.

Daa'imman ajjeefaman keessaa tokko maatii isaa gargaaruuf jecha mana namaatti qacaramee horii tiksuun hojjeta ture.

Daa'imman keessaa kan lubbuun hafe tokko ammoo rasaasaan madaa'ee wal'aanamaa kan jiru yoo ta'u kan biraan ammoo gara hallayyaatti waan konkolaateef warra isa ukkaamsee bute jalaa miliquu danda'eera.

Odeeffannoo kanallee qaama ilaallatuuf kan hime daa'ima kana akka ta'e Obbo Ishateen himu.

Qaamoleen nageenyaa Aanaa Xagadeefi Taach Armaacaw daa'imman badan akka jiran eeruun erga isaan gahee booda barbaadaa turuu dubbatu aanga'aan kun.

"Bakki sun daandiirraa kan maqedha. Ganda Kokeraam jedhamu duruu 'dahoo shiftotaadha' jedhama. Achi geessaniiti kan ajjeesan," jedhan Obbo Ishateen.

Daa'imman kunneen kan butaman Aanaa Xagadeerraa waan ta'eef xiyyeeffannaan qaamolee nageenyaa gandoota naannoo sana keessa jiran keessa barbaaduu ture.

Daa'imni miliquu danda'e kuni dhukaasa itti bananillee miliquu waan danda'eef eeruu qaamolee nageenyaaf kennuu danda'eera.

Obbo Isheetuun odeeffannoo daa'ima du'a jalaa miliqerraan argadhe jedhu waabeeffachuun akka dubbatetti, namoonni ukkaamsanii daa'imman butan kunneen gara maatii ijoollee kanaatti bilbiluun maallaqa fidaa jechuun sodaachisuun fudhachuuf karoorfatanii ture.

Warreen daa'imman ugguran kun daa'imman ugguran kana gadhiisuuf tokko tokko isaaniitti qarshii kuma 100 ol kan gaafatan yoo ta'u hanga qarshii kuma 50 ttilleen gadi bu'uun waliigaluu isaanii hogganaan kun ni dubbatu.

Walumaa galatti maatiin daa'imman saddeetiif qarshii kuma 500 hanga kuma 700 akka kaffalaniif gaafatamanii turan.

Maatiin sagalee isaanii qaama mootummaatti dhageessifachuu irraa kan hafe maallaqa gaafataman sana kaffaluu dadhabuu isaaniirraa kan ka'een ijoolleen isaanii ajjeefamaniiru.

Reeffi daa'imman ajjeefamanii ja'an eeruu daa'ima miliqeetiin qaamonni nageenyaafi hawaasni waliin ta'uun bakka itti ajjeefamanii kaafameera.

Guyyaa har'aa Xagadee Ganda Gabreelii Bataskaan Gabreeliitti sirni awwaalcha isaanii raawwatameera.

Namoota ajjeechaa kana raawwataman ilaalchisuun kan gaafataman Obbo Ishateen, "Shiftaa aanichaa ykn shiftaa Taachinyawu Aarmaacaw jedhama.

''Haa ta'u malee, abaluudha jedhamee wanti qulqullaa'e hin jiru," jedhaniiru.

Yeroo ammaa kana qaamoleen nageenyaa hawaasa naannichaa waliin ta'uudhaan shakkamtoota qabuuf adamsaa jiru jedhan.

Gochi akkasii kun naannoo sanatti daa'immanirratti raawwatamuun isaa kan jalqabaa ta'ulleen namoota ga'eessota ta'anirratti garuu "namoonni ilaalcha Seexanaa qaban" jedhan kun maallaqa fidaa jechuun ukkaamsuun haaraa miti jedhaniiru.

"Ajjeechaan kun yeroo jalqabaa ta'ullee, ugguranii maallaqa fudhachuun garuu waan haaraa miti."

Kanaan dura ugguruun namoonni maallaqa fudhachaa turan to'annoo jala oolfamanii hidhaan hanga waggaa 25'tti murtaa'uus ni yaadatu.

Naannoo sanatti to'annoon nageenyaa adda ta'e humna raayyaa ittisaan, poolisii addaafi milishoota gandaan hanga gara gammoojjiitti bu'uun bobbaafame akka jiru ibsaniiru.

Presentational grey line

Butamuun irra deddeebiin mudataa jira

Bakkeewwan Naannoo Amaaraa Godina Gondar Lixaa argaman keessatti oduu waa'ee namoota butamanii dhagahuun kan baramee fakkaata.

Namoota balaa ukkamsuu kanaaf saaxilamtoota ta'an keessaa tokko konkolaachiftoota.

Ahimad Yimaam konkolaachisaa Ayisuzii fe'umsaati. Ahimad waggoota sadan darbaniif Matammaa irraa gara Shinifaa- Fogaraatti shaqaxaa fi saliixa deddeebisaa akka ture dubbata.

Torban lamaan dura Matammaarraa ka'uun gara Foogaraatti shaqaxaa fi namoota fe'ee osoo imalaa jiruu, hidhattoonni jaha konkolaataa dhabsiisuun, isa, gargaaraa isaa fi imaltoota lama ganda Shiifaan jedhamuutti ukkaamsuu isaanii BBC'tti himeera.

Ahimad harka namoota isa ukkaamsanii jala guyyoota sadiif turuu himuun, akkuma ukkaamsaniin gara gaara Amooraa jedhamuutti geessuu dubbata.

Haa ta'u malee, bakka isaan itti ukkaamsaman irraa fageenya daandii miilaa sa'aa lamaarratti humni raayyaa kaampii buufatee jiraatulleen eenyumtuu akka hinqaqqabiiniif ibsa.

Akka ukkaamsaman maatiin isaafii hirriyaansaa poolisii fi bulchiinsa ganda Gandawuyaatti iyyachuusaanii ibsee, wayita sanattis deeggarsa omaa akka hintaasifneef dubbata.

Hidhattoonni kunneenis gocha ukkaamsuu kana kan raawwatan ganama keessaa sa'aatii 12 irratti ta'u kan himu Ahimad, erga gara Gaaraatti geeffamaniin booda namoona hin hidhatiin kan biraa sadii argusaa dubbateera.

Daandiirra akkuma dhaabsiisanii konkolaataafi isaanillee erga sakkata'aniin booda maallaqa gahaa akka hin argannee dubbatee, erga gara gaaraatti geeffamaniin booda mataa mataatti qarshii kuma 300 akka kanfalaniif gaafatamu yaadata.

Mariifi kadhannaa baayyeen booda qarshii kuma 120 kanfalee gadhiifamu hima.

Haalli mariin itti taasifameefi maallaqichi attamiin akka kennameef gaafatamee, ''akka maatii keenya waliin haasofnuuf gara konneekshiniin mobaayilaa argamuutti nu geessu turan'' kan jedhe yoo ta'u, maallaqa kanfalees obbolessi isaa hanga bosonaatti dhufuun harkatti kaffaleef jedheera.

''Polisiin ykn namni biraa qabatee kan dhufee yoo ta'e, akka na ajjeessan waan nutti himaniif obboleessi kiyyaa qofaasaa bosonatti dhufuun isaan keessa tokkotti kaffale,'' jedheera.

Ahimad gargaaraa isaatiif ammo kuma 15, kan isa waliin imalaa ture tokkoof immoo qarshii kuma 70 kanfaluun gadhiifamusaanii dabalee himeera.

Tibba hidhaarra tureettis akkaawwii xiqqoofi bishaan kubbaayyaa tokkootiin turusaa himee, isaan alatti namoonni qarshii kuma 250 kanfaluun bahan jiraachu akkasumas namoonni 10 ukkaamfaman keessaa lamaansaanii guyyoota lama dura qarshii kuma 400 kanfaluun bahusaanii himeera.

Haaluma walfakkaatunis torban tokko dura konkolaataan Quwaaraa irraa gara Gondariitti imalaa ture tokko bakka Nafaas Gabayaa jedhamuutti namoota eenyummaansaanii hinbeekamneen ukkaamamee namoommi jaha butamusaanii himamee ture.

Dhimma kanarratti ragaa dabalataa argachuuf bulchiinsa naannichaatiif bilbillulleen, yeroodhaaf qorannoorra jirra jechuun ragaa osoo nuuf hinkenniin hafaniiru.