Ertiraan 'kaartaa qondaalonni waraana Itoophiyaa qabatanii mul'atan' jette irratti deebii kennite

Madda suuraa, DIFFENCE FORCE
Ertiraan qondaaltonni waraanaa olaanoo Ityoophiyaa tibbana kaartaa Asabi fi naannoo ishee Itoophiyaa keessatti hammatame agarsiisu qabatanii mul'achuun dubbii barbaadudha jette.
Kunis 'aggaammii' ta'e jedhee qondaalota mootummaa Itoophiyaan Ertiraa irratti raawwatamu jechuun himatte.
Ministirri beeksisaa Eertiraa, Yamanee Gebremeskel, toora miidiyaa hawaasaa X irratti ibsa ijjannoo biyyattii akka maxxansanitti, taateen kun xiyyeeffannoo harkisuu qofaa utuu hin taane, dubbii barbaachadha jedhe.
Suuraan kaartaa kanaa Dilbata darbe gama toora miidiyaa hawaasaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa irratti wayita qondaaltota olaanoon waraana Itiyoophiyaa qabatanii argaman kan qoodamee ture.
Ergasii garuu suuran sun haqameera.
BBC'n dhimma kana irratti odeeffannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaarraa argaachuuf yaaliin taasise ammaaf hin milkoofne.
Gaazexaan biyya keessaa Reporter jedhamu akka gabaasetti, humni waraanaa Itoophiyaa kaartan sirna eebbaa irratti mul'ate sun 'sirri hin turre'' jedheera.
''Waan dogoggoraan raawwatame malee, ijjannoo humna waraanas ta'e kan dhabbatichaa miti,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dilbata darbe loltoonni ji'ootaf lenjii ajaja duula addaa fudhataa turan eebifamuu isaanii Humni Waraanaa Itoophiyaa kan ibse.
Loltootni kunneen ulaagaalee calallii loltummaa bu'uuraa fi komaandoo leenji'uun humna komaandoo, humna qilleensaa, humna addaa fi farra shororkeessummaa akkasumas humna eegumsaa rippaabilikaa waliin walitti makamuuf kanneen leenji'an ta'uu ibseera.
Sirna kana irratti kaartaan suuraan Asabi fi naannoo ishee Itoophiyaa keessatti hammachiise jedhame wayita akka kennaatti kennamu kan mul'ate yoo ta'u ergasii dhimmi kun ijoo dubbii ta'ee ture.
Kaartichi yeroo MM Itoophiyaa dabalatee qondaaltonni olaanoo Itoophiyaa ejjennoo biyyattiin buufata galaanaa ishee waggoota 30 dura dhabde deebifachuu qabdi jedhu bal'inaan beeksisaa jiranitti mul'ate.
Dhimmi gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan kaaste Ertiraa waliin wal-gaarreffannaa keessa ishee galcheera.
BBC Monitaring halli kun yaaddoo waraanaa duraanuu biyyoota gidduu jiru caalatti hammeessuu akka danda'u sodaan jiraa jedhe.
Waraanni Itoophiyaa kaartaa buufata doonii kana of keessatti hammate dhiyeessuun walitti bu'insa hammeessuf sababa ta'uu danda'aa xinxala jedhu kaa'era.
Biyyootni lamaan erga MM Itoophiyaa Abiy Ahimed gara aangotti dhufanii michooman illee sababa gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaan dhiyeessa jirtuun diinummaan isaan giddu jiru hammaataa deeme.

Madda suuraa, Reuters
Ministirri beeksisaa Eertiraa dhimma kana irratti akka ibsanitti "Qondaaltonni waraanaa olaanoo Itoophiyaa jalqaba bara haaraa 2026tti weerara of eeggannoo hin qabnee fi ajandaa waraanaa qabun dhiyaataniiru"jedhan.
Ministeerichi fedhiin aanga'oota Itoophiyaa "ittigaafatamummaa kan hin qabnee fi balaafamaadha" jechuun qeeqan.
Paartiin Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru odeeffannoo sobaa fi olola summii qabu facaasaa jira jechuun himataniiru.
''Qarqara galaanaa abbaa biyyummaa Eertiraa footoshopiin kaartaa Itoophiyaatti dabaluun seera idil-addunyaa ifatti kan cabsuu'' jechuun ibsan.
Buufatni doonii Asaab kan Itoophiyaan irra deddeebiin gaaffii irratti kaasaa jirtu hanaga Eertiraan mootummaa walaba ta'uun of labsitutti buufata galaanaa guddicha Itoophiyaa ta'ee tajaajilaa ture.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi qondaalotni Itoophiyaan buufata doonii kara dogoggoraan Itoophiyaarraa fudhatamuu fi deebi'uu akka qabu ejjannoo qabataniiru. Kun garuu karaa nagaan qofa akka ta'u irra deddeebin ibsaa turan.
Haa ta'uu malee, gabaasni barruu Fooreeyin Poolisii jedhamuun tibbana maxxanfame muddama gama diiploomasiifi humna waraanaa Eertiraafi Itoophiyaaa jidduutti mudataa dhufeen, bara 2026tti waraana ka'uu mala jedhu keessaa tokkoo waraan Itoophiyaa fi Ertiraa giddutti ka'u ta'uu akka danda'u raagera.
Biyyoottan lameen kana jidduutti walitti bu'iinsi umamus Gaanfa Afriikaa kana rakkoo hamaa keessa buusa jechuun akeekkachiiseera.
Barrichi himata Finfinneefi Asmaraa jidduutti deddema ture irraa ka'uu raaga isaa kan kenne ta'uu fi yeroo xiyyeeffannoon addunyaan walwaraansa Sudaan irra jirutti ta'uun isaa ammoo gaga'ama caalu fiduu akka danda'u ibse.















