Itoophiyaan akkamiin ulaa galaanaa dhabde?

Ministira Muummee Abiy Ahimad fi Ministira Muummee duraanii Mallas Zenaawwii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan bara bulchiinsa Mallas Zenaawwii ulaa galaanaa dhabde
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Gaaffiin guddaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiru gaaffii ulaa galaanaati.

Waggaa dura Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad gaaffii kana erga dhiheessan booda Gaanfa Afrikaatti muddamni dhalate.

Sababa kanaan hariiroon Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu muddama seenees ture, jiras.

Ta'us, Itoophiyaan karaa nagaan gaafachuu hin dhiisu jechuun irra deddeebiin beeksisteetti.

Waggoota kurna muraasa dura ulaa kan qabdu Itoophiyaan akkamiin dhabde?

Itoophiyaan biyya ummata hedduu osoo qabduu karra galaanatti ishee baasu hin qabnedha.

Yeroo dheeraaf gaaffiin kuni mootummaan ka'ee hin beeku, inumaa lagatamaa ture.

Ministira Muummee Abiy Ahimaditu waan kana jijjiire.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gaaffiin isaanii garuu biyyoota Gaanfa Afrikaa ummataafi dinagdee xiqqoo qaban bir'achiise.

Karra galaanaa dhabuun hidhaa keessa nu kaa'e jedhu aangawoonni Itoophiyaa.

Kanaaf sochii amma itti jiran akka uggura jalaa bahuutti ilaalu.

Itoophiyaan Galaana Diimaa itti dhiheenyaan osoo jirtuu karra galaanatti ishee baasu dhabuun lammiilee biyyattiif gaaffiidha.

''Itoophiyaan ulaa galaanaa kan dhabde dogoggora nuyi hojjenneeni,'' jedhu qondaalli duraanii waraana Itoophiyaa BBC'n dubbise.

Lt. Jeneraal Yohaannis G/Masqal, dhaloonni ani keessa ture buufata ykn ulaa galaanaa ilaalchisee ''dogoggora seenaa hojjetanii darban'' jechuun dubbatu.

''Dhimmi ulaa galaanaa akka boombii yeroo isaa eeggatee dhohu awwalamee [time bomb]ti. Jaallan keenyatu dogogora seenaa kana hojjete,'' jedhanii amanu.

''Durumaaniyyuu murtoon sun sirrii hin turre. Dogogora yeroo isaa eeggatee dhohu bara sana dalagametu haala amma keessa jirruuf nu saaxile.

''Jalqabumayyuu qabinsi isaa akkas tahuu irra hin turre," jechuun murtoo MM duraanii Mallas Zeenaawwii fi jaallan isaanii yeroo sanaa qeequ.

Buufatni doonii Itoophiyaaf haaraa hin turre.

Waggootaaf buufata doonii Asabiin fayyadamaa turte.

Hanga bara 1993tti Itoophiyaan Galaana Diimaatti balbalashee banattee gadi bahuun ittiin ol galti ture.

Daldalaafis tahe buufata humna waraana galaanarraaf yaaddoo hin qabdu ture.

Haa ta'u malee, bara 1993 dhaabate.

Kunis, Ertiraan lola waggoota 30 booda Itoophiyaarraa walabummaa waan gonfatteefi.

Walabummaan Ertiraa Itoophiyaa Galaana Diimaarraa fageesse.

Xinxalaan garuu Ertiraan Itoophiyaarraa yeroo walabummaashee argattu dhimmi ulaa galaanaa deebii akka hin arganne ibsu.

''Itoophiyaa ulaa galaanaa argachuu dandeessii, Ertiraan maal fudhatti [kan jedhu] waliigalteen akkasii hinturre.

Waliigalteen namoota qabsoo hidhannoo keessa jiran gidduun malee dhaabbata bu'uura godhachuun hinraawwanne,'' jedhu xinxalaan Gaanfa Afrikaa Dr Nagaraa Guddataa.

Paartilee mormituu dabalatee qaamolee adda addaa biyya keessaan murtoon kun qeeqamaa turus Mallas yeroo sana dursa kan kenninu nageenyaafi jechuun Eertiraa waliin wal dhabdee biraa keessa galuu akka hin barbaanne himan.

Ejjennoon Mallasii fi deeggartoota isaa yeroo sana Itoophiyaan daangaa Eertiraa keessa buufataalee jiran irratti murteessuuf aangoo seera qabeessa hin qabdu kan jedhu ture.

Jeneraal Yohaannis qaamaa hoggansaa fi dhaloota murtoo sana fudhatee tahuu himuun ofii isaaniis akka gaabbiitti kaasu.

Garuu addatti dhimma ulaa galaanaa irratti ofii murtoo dabarsan hin qaban.

Walumaa galaan murtoo hoggansi yeroo sanaa fudhatetti gaabbuu dubbatu.

Akkasumas waraanni daangaa biyyoota lamaan gidduu ture, Ertiraan waan hunda ija shakkiin akka ilaaltu godheera jedhu xinxalaan BBC'n dubbise.

Itoophiyaan biyya guddoo waan taateef ulaan galaanaa akka ishee barbaachisu himti

Madda suuraa, Getty Images

Ajandaa dagatamee Gaanfa Afrikaa waliin gahe

Bulchiinsi ADWUI, dhimma ulaa galaanaa waan itti hin bu'amne godhe.

Dhaaba kana keessammoo olaantummaa kan qabaachaa ture TPLF dha.

Kunis ta'u, paartileen siyaasaa, hayyuuleen akkasumas artistoonni gaaffii ulaa galaanaa kaasaa turan.

Walleen sirbamaa, kitaabni waa'ee Asab barreeffamaa ture.

Siyaasa baras tureen kunneen ija gaariin ilaalamaa hin turre.

Paarlaamaa Itoophiyaa keessattis ajandaa guddaa tahuun irra caalaa miseensa paartilee mormituu akka Pirofeser Mararaa Guddinaa fi Lidatuu Ayyaalewu fa'aa irraa ka'aa ture.

Haa tahu malee, ergasii Obbo Mallas Zeenaawwii akka dhimma biyyaalessaa Itoophiyaatti dhimma ulaa galaanaa kaasanii hin beekan.

Bulchiinsi MM Abiy waan kana bu'uurarraa jijjiire - waa'ee ulaa galaanaa ifatti dubbachuu qabna, nuuf mala jedhan.

Kuni battaluma Gaanfa Afrikaa waliin gahe.

Gaaffiin guddaa Itoophiyaa keessa jiru dhimma ulaa galaanaati.

Dhimmi waggootaaf lagatamaa ture ajandaa biyyaa darbees ijoo dubbii Gaanfa Afrikaas ta'e.

Ertiraa, jibuutii, Somaaliyaa … kan yaaddoo hin himanne hin jiru.

Waliigalteen bulchiinsa Somaalilaand waliin taasifamemmoo ittuu Somaaliyaa waliin muddama uume.

Biyyoonni Itoophiyaa waliin dhimma qaban biyyoota kana waliin dhaabachuu eegalan – Masrii eeruun danda'ama.

Itoophiyaan muddama waggaa tokko booda Somaaliyaa kan Somaalilaand qaama kiyya jettu waliin araara buusteetti.

Muddamni Ertiraa waliin garuu deebi'ee eegale.

Itoophiyaan amma maaliif muddamte?

Itoophiyaan gaabbii keessa jirti fakkaata. Qondaalli waraanaa Itoophiyaa kana mirkaneessu.

Angawoonni Ertiraa Itoophiyaa ulaa dhabsiisuu akka milkaa'inaatti ilaalu, jedhu xinxaltoonni.

Waggaa 20 booda biyyoonni lamaan araara yoo buusan wanti yaadame tokko Itoophiyaan buufata Asab ni fayyadamtiidha.

Daandii ijaaruun eegalee ture. Dureewwan dhaqanii daawwataa turan.

Itoophiyaan humna galaanaa ishee deebistee ijaaruus eegalte.

Adeemsa keessa garuu, harkifataa adeeme.

Ministira Muummee duraanii Itoophiyaa Mallas Zenaawii

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo waraana Tigraay Ertiraan mootummaa Ertiraa gargaartus waliigalteen nagaa mallattaa'e garuu ishee hin gammachiifne.

Itoophiyaa ulaa Galaana Diimaatti na baasu fedha jechuun immoo hariiroo ittuu hammeesse.

Inumaa waraanni biyyoota lamaan gidduu ka'a jedhamee sodaatamee ture.

Itoophiyaan garuu gaafachuu hin dhiisu, garuu marii qofan barbaada jette.

Itoophiyaan maaliif barbaadde? Wantoonni ijoo jiru.

Dhimmichi dhimma dinagdee qofa miti jedhu xinxaltoonni.

Daldalli Itoophiyaa 95% ta'u karaa Jibuutiin seena. Maallaqa guddaas itti baafti.

Itoophiyaan filmaata biraa barbaadde.

Kanatti balbala hedduu rukutaa jirti.

MM Abiy dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jechuunis kan ibsan.

Garuu, ulaa galaanaa daldala qofaaf barbaadde miti.

Biyyattiin doonii waraanaa lama - Masawaafi Asab qabduun humna galaanaa cimaa qabdi ture.

Amma humna Galaanaa ishee ijaaruu barbaaddi.

Kanaaf falli maali?

Jibuutinis ta'e Somaaliyaan Itoophiyaaf buufata doonii kennuu fedhu.

Garuu, buufata waraanaa eeyyamuu hin barbaadan.

Ta'us, biyyooti Lixaafi kaan fagoo dhufanii Jibuutiifi Somaaliyaa keessatti buufata ijaarrataniiru.

Tarii, bulchiinsi Tiraamp Somaalilaandiif beekamtii kennee jijjiirama laata?

Moo waan haaraa dhalachuu danda'a?

Ammatti garuu wanti mirkanaa dhimmi ulaa Itoophiyaan gaafattu muddama uumuu isaati.