Somaaliyaan gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaaf deebii kennuu dandeessii?

Madda suuraa, PRESIDENCY OF SOMALIA
- Barreessaa, Ameyu Etana
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo
Itoophiyaan ammallee ulaa galaanatti ishee baasu argachuuf sochii 'karaa nagaa kamuu' taasisuu akka itti fuftu ibsiteetti.
Waliigalteen waggaa dura Somaalilaand waliin taasifte erga Gaanfa Afrikaa raase booda Itoophiyaafi Somaaliyaan araara buusanii karaa nagaatiin marii itti fufaniiru.
Mariin marsaa biraas eegamu aangawaan Somaaliyaa tokko waan Itoophiyaaf yaadame dhihoo miidiyaatti dubbataniiru. Dhimmicharratti aangawoonni Itoophiyaa homaa hin jenne.
Gaanfa Afrikaatti olaantummaa cimsachuu kan feetu Masriin immoo irra deddeebiin biyyi qarqara bishaanii hin jirre Galaana Diimaa qarqara humna galaanaa ijaaruu mormiti.
Kunimmoo kan Itoophiyaan jettuun wal darba yookiin kan Itoophiyaan feetuun walitti bu'a.
Hireen Itoophiyaa maal ta'uuf deema?
Torban darbe Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii Ministira Dhimma Alaa Masrii Dr Badir Abdallaatii waliin yeroo mari'ataniitti dhimmi kaasan keessaa tokko waa'ee Gaanfa Afrikaafi Galaana Diimaati.
Akka miidiyaan Masrii Ahram Online jedhamu gabaasetti, aangawaan Masrii ergaa pirezidant Abdal- Fattaah al-Sisii irraa ergamees Pirezidant Isaayyaasitti himaniiru.
Yeroo Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu muddami ture Masrii, Ertiraafi Somaaliyaan tumsa waloo tolfatanii turan.
Eegasii booda jaarsummaa Turkiitiin araara kan buufatte Itoophiyaan Somaaliyaa waliin hariiroo cimsachaa jirti.
Torbanuma darbe keessa Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad erga nagaa buusanii yeroo duraatiif Moqadiishuutti imaluun Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud waliin kan mari'atan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ammatti waan irratti waliigalan ifa ta'us baatu dhimmoota garagaraatti waliin hojjechuuf waliigaluun isaanii ibsameera.
Waraanni Itoophiyaas ergama Gamtaa Afrikaa akkasumas waliigaltee biyyoota lamaan jalatti Somaaliyaa keessa akka turu waliigalamuu ibsameera, ta'us lakkoofsaan ifa hin taane.
Itoophiyaan muddama Somaaliyaa waliin qabdu furaa adeemaa jiraattus booda kana hariiroon Ertiraa waliin qabdu laafaa adeemaa jiruutu ibsama.
Inumaa xinxaltoonni haala amma jiruun biyyoonni lamaan walitti bu'uu malu jechuun dubbatu.
Dhimmoota akka walitti bu'an sababa ta'uu malu jedhan keessaa tokkommoo dhimma ulaa galaanaan walqabata.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad garuu kana dura Itoophiyaan 'yoo xuqamte malee biyya kamuu waraanuuf fedhii akka hin qabne' irra deddeebiin dubbataniiru.
Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Ayyaana Adwaa 129ffaa irratti ergaa dhimma kanaan walqabatu dhaamaniiru.
''Dhimma yerooti malee miseensa hawaasa Galaana Diimaa ta'un keenya waan hin hafnedha.
''Fedhiin biyyaalessaa keenya kuni karaa nagaan akka milkaa'u ni abdanna,'' jechuun dubbatani.
Somaaliyaan maal jette?
Waliigalteen waggaa dura bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan daangaa kiyya jettu waliin taasiste Gaanfa Afrikaatti muddama hamaa uume.
Erga Itoophiyaafi Somaaliyaan waliigalteerra gahanii booda dhimmi ulaa galaanaa hammana guddatee hin dhagahamu.
Kunis, ta'u Itoophiyaa barbaacha ulaa galaanaa akka hin dhiifne beeksisteetti.
''Itoophiyaan barbaachaafi gaaffii [dhimma] ulaa galaanaa hin dhiifne,'' jechuun dubbatani,'' Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa Amb. Nabiyaat Getaachoo.
''Carraaqqiin ulaa galaanaa amansiisaafi waarawaa argachuuf taasifamu karaa dippiloomasiifi naga qabeessa [akkasumas] kennanii fudhachuurratti kan bu'ureeffate,'' jechuun dhihoo dubbachuun isaanii gabaafameera.
''Pirojektoota istiraatejikii ummata Itoophiyaafi Somaaliyaa qixxee fayyadan irratti waloon akka hojjennu waliigalteerra geenyeerra,'' jedhaniiru.
Aangawoonni Itoophiyaa ifa godhanii dubbachuudhaas baatan dhimmi ulaa galaanaa aangawoota Somaaliyaa waliin dhimma mari'atamuu danda'udha.

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaafi Somaaliyaan jaarsummaa Turkiin yeroo araara buusan dhimmoota irratti waliigalan keessaa tokko akkana jedha:
''Tokkummaa daangaa Somaaliyaa haala kabajeen Itoophiyaan ulaa galaanaa amansiisaa argachuun ishee faayidaa garaagaraa qabu biyyoonni lamaan beekamtii kennu.''
Biyya ummata hedduu qabaattee ulaa galaanaa dhabde kan taate Itoophiyaan ammallee 90% ol buufata doonii Jibuutiin dhimma baati.
Jibuutii qofarratti xiyyeeffachuun immoo amansiisaa akka hin taane Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dubbataniiru.
Inumaa dhimmi ulaa galaanaa 'dhimma jiraachuufi dhabuuti' jedhanii dubbataniiru.
Masriin immoo kanneen karoora Itoophiyaa kanaan hin gammanne keessaati.
Kanneen dhimma nageenyaa Galaana Diimaa isaan ilaallatu kanneen daangaan isaanii bishaanitti dhihoo ta'e qofa jechuun ibsiti.
Somaaliyaan qarqara Garba Guddaa Hindiitti Itoophiyaaf tajaajila buufata doonii kennuu akka maltu aangawaa biyyattii waabeffachuun Bloomberg gabaaseera.
Ministir Di'eetaan Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Ali Mohaammad Omaar, dhimma kana TV Universal jedhamu waliin dubbachuutu gabaafame.
Biyyoonni lamaan marii itti fufuufi Waxabajjii keessa waliigalteerra gahuuf dalagaa akka jiran dubbatani.
''Waliigalteen suni buufata kam dhiheessuuf, Garba Guddaa Hindiirratti bakka kam akkasumas baasii hunda ibsa,'' jedhan aangawaan biyyattii.
Dubbiin isaanii kuni erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad torban darbe Mogadiishuu dhaquun marii taasisan booda kan dhagahamedha.
Haa ta'u malee, dhimma kanarratti gama Itoophiyaa wanti jedhame homaa hin jiru.
Itoophiyaaf ni ta'aa?
Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand waliin gaafa waliigaltee seentu dhimmi ijoo irratti wal ta'an Galaana Diimaa qarqara buufata doonii akkasumas humna galaanaa ijaaruuf ture.
Qabiiyyeen waliigaltee sanaa ummataaf ifa ta'us baatu Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km dheeratuu akka argattudha.
Faallaan immoo Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaandiif beekamtii akka kennitu ibsamee ture.
Baatii tokko keessa hojiirra oola jedhamus hanga yoonaa hojiirra hin oolle.
Pirezidantiin Somaalilaand MM Abiy waliin mallatteessan, Musee Bihii, filannoon haaraa taasifameen dorgomaa paartii mormituun mo'atamaniiru.
Eerga Itoophiyaafi Somaaliyaan jaarsummaa Turkiin waliigaluun isaanii ibsamee hiree waliigalteen ulaa galaanaa kanaa maal akka ta'u wanti beekame hin jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Gaanfa Afrikaatti biyyoonni jajjaboo addunyaa Jibuutii, Somaaliyaafi Keeniyaatti maandhee waraanaa tolfatanii, loltoota isaanii qubachiisaniiru.
Itoophiyaan fedhii naannichaa qabdu guuttachuuf humna galaanaa waggoota dheeraa dura adda diigame waggoota muraasa darban leenjisaa turte.
Haata'u malee, Somaaliyaanis ta'e Jibuutiin kana dura akka ibsanitti waan buufata dooniif ta'u malee lafa humna galaanaaf ta'u Itoophiyaaf kennuuf fedhii hin qaban.
Ertiraa waliin araarri yeroo bu'u dhimmi buufata Asabiis kanumaaf yaadamee ture. Ta'us, hin milkoofne.
Sababni ijoo aangawoonni Itoophiyaa gara Somaalilaand deemaniifis kanadha jedhu xiinxaltoonni.
Sababi biraa Jibuutin buufata Tajuuraa dhiheessituus Itoophiyaan diddeefis kana kan jedhan jiru. Gaaffii kanaaf deebiin ammatti argachuun ni dhiba.
Kanaaf kan Somaaliyaan dhiheessite kana Itoophiyaan fudhatteettii? Ammatti kana hubachuun ni rakkisa.
Garuu itti dhiheenya, amala bishaan yabalaafi toluufi kaaniin kana dura Itoophiyaan Galaana Diimaa ture kan gaafataa turte.
Akkaataa waliigaltee isaaniin Itoophiyaan birmadummaa Somaaliyaa osoo hin sarbiin ulaa Galaana Diimaatti baasuwoo argachuu dandeessii?
Kuni yoo aangawoonni Somaalilaand aangawoota Moqadiishuu waliin wal ta'an kan milkaa'u danda'udha. Ammatti waan kana akeeku hin mul'atu.












