Qabxiileen ijoo Itoophiyaafi Somaaliyaan irratti waliigalan maal jedha?

Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud [bitaa], Pirezidantii Turkii Reseeph Xayyiib Erdogaan [gidduu] fi Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad

Madda suuraa, @RTErdogan

Ibsa waa'ee suuraa, Waliigalteen kuni jaarsummaa Pirezidantii Turkiin Ankaaraatti taasifame

Itoophiyaa fi Somaaliyaan muddama waggaa tokkoof isaan gidduu adeemaa tureefi Gaanfa Afrikaafuu yaaddoo uume furuuf waliigalaniiru.

Marii sa'aatii saddeetiif jaarsummaa Pirezidantii Turkiin Ankaaraatti guyyaa Roobii taasifame, Reseeph Xayyiib Erdogaan ''waliigaltee seena qabeessa'' jechuun ibsaniiru.

Itoophiyaafi Somaaliyaa dhibdee kan seenan erga Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin walii galtee ulaa galaanaa mallatteessan boodadha.

Turkiin ji'ootaaf ministiroota dhimma alaa biyyoota lamaan ofitti waamuun marsaa lamaaf marii taasiftuus dhimmichi furmaata hin arganne ture.

Ammammoo marsaa sadaffaan yeroo jalqabaaf bulchaan Itoophiyaa Ministirri Muummee Abiy Ahimad fi Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud bakka argamanitti waliigaluun dhagahame.

Dhaabbileen garagaraa kanneen akka Gamtaa Afrikaafi IGAD waliigaltee kana dinqisiifachuun gammachuu ibsaa jiru. Gamtaan Afrikaa osoo hin turiin akka hojiirra oolu dhaame.

Bulchitoonni lamaan marii sa'aatii saddeet fudhate booda waliigalteerra gahamuu isaaniitu ibsame.

Dureewwan lamaan gidduu mariin fuulaa fuulatti yoo taasifame jiraate garuu hin beekamu. Marii marsaa lamaan kana dura ministiroonni dhimma alaa taasisan qofaa qofaatti ture.

Qabiiyyeen waliigaltee kanaa garuu maali? Gama mootummaa Itoophiyaatti ifatti ibsi bahe jiraachuu baatus gama Somaaliyaa qabxiilee irratti waliigalan Ministirri Dhimma alaa biyyattii ibseera.

Erga waliigalteen raawwatame booda dureewwan sadanuu miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

'Garaagarummaan xumurame'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin Turkii waliigalteen kuni biyyoota lamaan gidduu ''nagaafi tumsa fiduuf tarkaanfii jalqabaa'' akka ta'u abdachuu dubbatan.

Ibsa kennameerratti Pirezidantiin Turkii fedhii Itoophiyaan karra galaanaa argachuuf qabdu ibsuun akkasheen argattu ''.. obboleessi kiyya Sheek Hasan deeggarsa barbaachisu hunda ni taasisa jedheen amana,'' jedhan.

Akkaataa waliigaltee kanaan, Itoophiyaan ''birmadummaa Somaaliyaa jalatti ulaa galaanaa amansiisaa, kan nageenya qabuufi waarawaa ta'e'' akka argattu waliigaltee taasisuun waliin akka hojjetan ibsameera.

Akkaatuma kanaan, biyyoonni lamaan ji'oota muraasa keessatti marii gaggeessanii xumuruun waliigalteef walitti dhufuuf waliigalaniiru.

Ministirri Muummee Abiy mariin kuni dhibdee biyyoota lamaan gidduu waggaa tokkoof adeemaa ture furuu isaa ibsaniiru.

''Itoophiyan ulaa galaanaa argachuuf fedhuun ishee carraaqqii biyyoota ollaarree kan fayyadudha. Fedhiin kuni wal tumsuun malee ija shakkiin ilaalamuu hin qabu,'' jedhan.

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud gama isaaniin, waliigalteen Ankaaraatti taasifame biyyoota lamaan gidduu ''garaagarummaa [ture] kan xumuredha,'' jedhan.

''Dureewwan Itoophiyaafi ummata Itoophiyaa waliin waliin hojjechuuf qophii ta'u,'' ibsani.

Qabxiilee ijoo irratti waliigalan

Biyyoonni lamaan jaarsummaa Pirezidantii Turkiin dhimmoonni ijoo irratti wal ta'an 'Labsii/Murtee Ankaaraa' sanada jedhuurratti ifa ta'eera.

Waliigalteen gama Daarektoreetii Kominikeeshinii Mootummaa Turkiin ifa ta'e kuni, dura aantummaan dhimma ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaafi Somaaliyaa wal dhabsiiseerratti xiyyeeffata.

Akkasumas dhimma waraana Itoophiyaa Somaaliyaan baatii Amajjii dhufu eegalee ergama eegalu keessaa akka bahu ibsite ilaalchisee qeeqa Somaaliyaan kaastes kan shaaru qaba.

Dhimmoonni ijoo irratti waliigalan kunooti:

  • Dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa birmadummaa, walabummaafi tokkummaa daangaa akkasumas seerota idil-addunyaa UN akkasumas Gamtaa Afrikaa jalatti eeraman kabajuuf waliigalaniiru.
  • Dhibdeewwaniifi dhimmoota falmisiisaa duubatti dhiisuun fuuladuratti badhaadhina waloof hojjechuufi wal tumsuuf waliigalaniiru.
  • Somaaliyaan aarsaa waraanni Itoophiyaa Gamtaa Afrikaa jalatti biyyasheetti bobba'e kanfaleef beekamtii ni kenniti.
  • Tokkummaa daangaa Somaaliyaa haala kabajeen Itoophiyaan ulaa galaanaa amansiisaa argachuun ishee faayidaa garaagaraa qabu biyyoonni lamaan beekamtii kennu
  • Biyyoonni lamaan qooda fudhannaa Turkiin dhuma ji'a Guraandhalaa keessa dhimmoota teknikaarratti marii taasisuu kan eegalan yoo ta'u, kunis baatii afur keessatti xumurama.
  • Birmadummaa Somaaliyaa jalatti Itoophiyaan ulaa galaanaa amansiisaa, kan nageenya qabuufi waarawaa akka argattu waliigaltee, kiraa fi tooftaawwan daldalaa dandeessisu waliin ta'un xumuruuf waliigalaniiru.
  • Biyyoonni lamaan deeggarsa Turkii simachuun hiikkaafi hojiirra oolmaa waliigaltee kanaan walqabatee garaagartee uumamu gama Turkiin mariifi karaa nagaa qabuun furuuf waliigalaniiru.

Hireen waliigaltee ulaa galaanaa attam ta'a?

Biyya ummata baay'ee qabaattee ulaa galaanaa hin qabne kan taate Itoophiyaafi bulchiinsi Somaalilaand waggaa darbe ture waliigaltee ulaa galaanaa kan mallatteessan.

Baatii tokko keessa hojiirra oola jedhamus hanga yoonaa hojiirra hin oolle.

Booda kana Somaalilaand keessatti filannoon haaraa taasifamee Pirezidant Musee Bihii, dorgomaa paartii mormituun mo'atamaniiru.

Qabiiyyeen waliigaltee sanaas ummataaf ifa ta'us baatu Itoophiyaan ulaa galaanaa 20km dheeratuufi daldala akkasumas humna galaanaaf tajaajilu akka argattu ibsameera.

Faallaan immoo Itoophiyan bulchiinsa Somaalilaandiif beekamtii akka kennitu ibsamee ture.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu akka "dhimma jiraachUufi jiraachuu dhabuutti" ilaalti

Madda suuraa, PM OFFICE

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuu akka "dhimma jiraachUufi jiraachuu dhabuutti" ilaalti

Somaaliyaan waliigalteen kuni birmadummaa kiyya sarba jechuun cimsitee mormite. Ambaasaaddara Itoophiyaas ari'un kan ishii Finfineedhaa waamtee turte.

Dhimma Hidha Haaromsaan dhibdee kan qabdu Masrii waliin waliigaltee waraanaas mallatteessiteetti.

Masriifi Ertiraan wal ta'un immoo walta'iinsa haaraa mallatteessite.

Somaaliyaan Itoophiyaa waliin taa'anii mari'achuufuu jalqaba waliigalteen ulaa galaanaa adda cituu qaba jechuun akka haaldureetti ibsaa turte.

Sababa kanatti mariin marsaa lamaaf Turkiitti taasifame fuulaa fuulatti osoo hin taane qofa qofaan taasifame ture.

Amma erga Itoophiyaafi Somaaliyaan jaarsummaa Turkiin waliigaluun isaanii ibsamee hiree waliigalteen ulaa galaanaa maal akka ta'u wanti beekamu hin jiru.

Qooda kana dura Turkiin biyyoota lamaan araarsuuf taasistu garuu bulchiinsi Somaalilaand yaaddoon akka ilaaltu ibsuun garuu ni yaadatama.

Biyyoota lamaan waliin hariiroo jabaa kan qabdu Turkiin, Gaanfa Afrikaatti humna siyaasaa irree cimsachaa jirtudha.

-----------------------------------------------------------

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.

BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp haaraa eegalleerratti hordofuu dandeessu.