Itoophiyaafi Somaaliyaan waliigaltee 'seenaa qabeessa' taasisuu Turkiin himte

MM Abiy Ahimad, Pirezidantii Turkii Reseeph Xayyiib Erdogaan fi Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu erga muddamni uumame waggaaf deema

Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu waliigalteen ''seenaa qabeessa'' taasifamuu Pirezidantiin Turkii Reseeph Xayyiib Erdogaan himan.

Dureen biyyoota lamaanii yeroo jalqabaaf Ankaaraatti guyyaa Roobii marii taasisan irratti Erdogaan jaarsummaan hirmaataniiru.

Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin raawwatte Somaaliyaa waliin erga ishee buusee waggaaf deema.

Erdogaan dhibdee kana xumuruuf dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa waliigaluu isaanii ibsuun Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamud fi Ministira Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad jajataniiru.

Erdogaan walii galtee taasifame kanaaf hoggantoota biyyoota lamaanii galateeffachuu ibsa waloon gaazexeessitootaf kennaniin ibsanii, waldhabdee isaanii furuufis walii galuu isaanii beeksisaniiru.

Biyyoota lamaan gidduu ''... jalqabbii haaraa taasisuuf tarkaanfii jalqabaa fudhanneerra" jedhan Erdogaan.

Abdiin Ankaaraa inni guddaan "golee Afrikaa" Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti nagaa fi tasgabbii uumuudha jedhan.

Turkiin waliigalteen kun tumsaa fi badhaadhina walkabajuu irratti hundaa'eef bu'uura cimaa kan uumu ta'uu amantaa qabdis jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waldhabdee Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti uumamu furuuf tattaaffii Turkiin goote kan jajatan yoo ta'u, biyyi isaanii yeroo hunda "michuu dhugaa Itoophiyaa ta'uun" itti fufti jedhan.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimadis tattaaffii Turkii kan jajatan yoo ta'u, marii nagaa jaarsummaa Ankaaraan taasifame ''marii maatii'' biyya isaaniifis ta'e biyya ollaa Somaaliyaaf bu'aa mo'ataa ("win-win") argamsiise jedhan.

Akka Labsii Ankaaraatti, gama lachuu haala mijeessituu Turkiin hanga baatii Guraandhala 2025tti marii teeknikaa eegaluu fi ji'a afur keessatti akka xumuramu waliigalaniiru.

Biyyoonni lachuu walabummaa naannoo Somaaliyaa kabajuu mirkaneessuu irratti walii galuu fi Itoophiyaanis karaa nagaan ulaa galaanaas argachuu akka dandeessu beeksisaniiru.

Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf Somaalilaand kan Somaaliyaa irraa addaan bahuu labsite waliin waliigaltee erga raawwatte booda waldhabdeen Itoophiyaa fi Somaaliyaa hammaate.

Turkiin waldhabdee biyyoota lamaanii gidduu jiru furuuf hojjechaa turteetti. Kana duras mariin taasifamaa ture.

Itoophiyaan erga Ertiraa waliin walitti buute as buufata Asab dhiisuun buufata Jibuutiitti dhimma bahaa jirti.

Ertiraan Itoophiyaarraa walabummaa argachuun Itiyoophiyaan kallattiin Galaana Diimaa fi buufata doonii ijoo akka dhabdu taasiseera.

Itiyoophiyaan ergasii biyya ulaa galaanaa hin qabne ta'uu isheen dandeettii daldala fi dinagdee ishee irratti dhiibbaa uumeera.