Somaaliyaa, Ertiraafi Masriin 'Itoophiyaarratti wal tumsuuf' waliigalan

Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuud, kan Masrii Abdul fattaah al Siisii fi kan Ertiraa Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, Eritrean Information Ministry

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammuud, kan Masrii Abdul fattaah al Siisii fi kan Ertiraa Isaayyaas Afawarqii

Hooggantootni Masrii, Somaaliyaa fi Ertiraa, kan sadanuu Itoophiyaa waliin rakkoo keessa galan, magaalaa guddoo Ertiraa Asmaraatti walgahaniiru.

Yaa'iinsaanii kun raawwatamuu ilaalchisee ibsi Asmaraarraa bahe ''birmadummaa kabajuu...tokkummaa daangaa biyyoota naannichaa eeguu'' yaada jedhu qaba.

Yaadni kun Itoophiyaa ilaallata. Keessumaa sochii ulaa galaanaa argachuuf jalqabdeen dhibdee Somaaliyaa waliin galte wajjin walqabata. Ammoo ibsichi ifatti maqaa Itoopphiyaa hin dhoofne.

Dhibdeen Itoophiyaa waliin ji'oota dura eegale Somaaliyaan michummaashee Masriifi Ertiraa waliin akka jabeessitu dhiibeera. Masriifi Ertiraan ammoo yeroo dheeraaf biyyoota Itoophiyaa waliin rakkoo qabaniidha.

Amma muddamni ture kun bal'atee garee lolaatti ce'aa yaaddoo jedhu uumeera.

Inistitiyuutii Qo'annoo Tarsimoo Gaanfa Afrikaa keessatti daayireekatara kan ta'an Hasan Kaneenjee hariiroon biyyoota sadan kanaa ''tumsa waloo Finfinneerratti godhameedha'' jechuun BBCtti himan.

''Akka natti fakkaatutti jibba jiru walitti fiduun Finfinneerratti dhiibbaa jabeessuuf yaalii godhamuudha'' jedhan.

Ministirri Odeeffannoo Somaaliyaa waliigalteen tumsa nageenyaa Ertiraa fi Masrii waliin Asmaraatti raawwatame ''Itoophiyaa miidhuurratti kan xiyyeefate miti'' jechuun BBCtti himaniiru.

''Addis Ababa waliin ollaadha, yeroo dheeraaf wal tumsaa turre hanga hooggansi isaanii wanta naannicha jeequ qabatanii ka'anitti. Ta'uyyuu nuti ammallee nagaaf dhaabbanna, mariin Asmaraatti gaggeeffame wanta Itoophiyaa waliin walqabatu qaba jennee hin amannu'' jedhan Daawud Awiis.

Suurri xumura marii aanga'oota sadanii booda mootummaan Ertiraa gadhiise Pirezidant Isaayyaas Afawarqii, Abdal Fattaah al-Siisii fi Hasan Sheek Mohaammud waliin harka wal keessa naqatanii jiraachuu agarsiisa.

Ibsi waloo biyyoota sadanii ammoo Somaaliyaan humnoota Itoophiyaa qollifachuun shororkeessummaa wayita loltu, daangaa lafaa fi bishaaniishee wayita eeggattu tumsa gochuuf waliigaluu eera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ibsi kuni hogganooti sadeen, ‘’dhaabota mootummaa Somaaliyaa fooyyeessuun danqaa keessoofi alaa akka qolattu akkasumas waraana biyyaalessaa jabeessuun shororkeessummaa akka faccistu deeggaruuf,’’ waliigalaniiru.

Siisiin yeroo jalqabaafi kan Asmaraa daawwate, pireezidantiin Somaaliyaa garuu waggaa kana qofa yeroo sadii garas deemaniiru.

Itoophiyaan waggoota dheeraaf walitti fufinsaan mootummaa Moqaadishuu garee hidhataa al-Shabaab, al-Qaayidaa hidhata qabu loluu irratti deeggaraa turte.

Haa tahu malee Itoophiyaan Somaalilaand biyya walabaa ofiin jettu waliin hulaa galaanaa fayyadamuuf waliigaltee wal-hubannoo mallatteessuun Somaaliyaa dheekkamsiiseera. Somaaliyaan Somalilaand ammallee qaamshee akka taatetti fudhatti.

Finfinnee fi Kaayiroon garuu waggaa kudhanii oliif sababa Hidha Haaromsaa Guddicha laga Abbayyaa irratti ijaaramuun wal-dhibdee jabaa keessa jiru.

Masriin ijaarsi hidha kanaa hamma bishaanii gara biyya isheetti yaa’u hir’isa jechuun akka balaatti ilaalti.

Baatii darbe dooniin Masrii meeshaalee waraanaa Somaaliyaatti geejibeera. Kunis xiyyaaroti waraanaa Masrii lama meeshaalee waraanaa Hagayya keessa geessuun booda dhagahame.

Bara 2018tti Itoophiyaa fi Eritiraan nagaa buusuuf waliigaluun booda MM Itoophiyaa Abiy Ahimad badhaasa Noobeelii Nagaa badhaafamaniiru.

Waraana Tigraayitti tureen Eritiraan mootummaa Itoophiyaa deeggaraa kan turte yoo tahu waraanichi Sadaasa 2022tti waliigalteen xumuramuun booda garuu hariiroon Itoophiyaa waliin qabdu qabbanaa’eera.

MM Abiy Ahimad biyyi isaanii Galaana Diimaa irratti buufata doonii barbaaddi jechuun booda hariiroon biyyoota lameen bakka duraattii hin deebine.