Pirezidantoonni Masriifi Somaaliyaa mariidhaaf Asmaraa galan

Isaayaas Yoo Al Siisii simataniitti

Madda suuraa, MIE

Pirezidaaantoonni Masriifi Somaaliyaa waliin mari'achuudhaaf magaalaa guddoo Ertiraa Asmaraatti walgahan.

Dureewwan biyyoota sadaniifi aanga'oonni kanaan dura qofaa qofaa mariifi dowwannaa taasisaa kan turan yoo ta'u, amma garuu pirezidantoonni biyyoota sadanii Asmaraatti wal gahaniiru.

Dowwaannaa hojii kanaaf dursanii kan Asmaraa gala pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad, yeroo waggaa hin guunnee keessatti yeroo arfaffaaf Asmaraa deemuu isaaniti.

Pirezidantiin Masrii Abdal Fattaah al-Siisiin ammoo jilasaanii waliin haaluma affeerraa Pirezidantii Isaayaas Afawarqeetiin taasifameefiin har'a Asmaraa galunsaanii Ministirri Beeksiisaa himan.

Itoophiyaafi bulchiinsi Somaaliilaand kan ofiishee akka bulchiinsa walabaatti ilaaltu jidduutti haala fayyadama ulaa galaanaa irratti erga waliigalteen wal hubannoo mallataa'een booda pirezidantichi dowwannaadhaaf gara Asmaraatti yoo imalan kun yeroo arfaffaadhaafi.

Pirezidant Hasan Sheek Mohaammad Roobii galgala Onkkololeessa 9, 2024 wayita Asmaraa galaniitti affeerraa mootummaan Ertiraa taasiiseefiin ta'uu Ministirri Beeksiisaa Ertiraa Yemanaanaa Gabra Masqal toora X isaanii irratti barreessaniiru.

Pirezidantichi wayita jilasaanii waliin buufata xiyyaara idil-addunyaa Asmaraa qaqabaniittis Pirezidanti Isaayaas Afawarqiitiin simmanaan taasifameefiira.

Dureewwan lamaanis walita'insa biyyoota lamaan jidduu jiru cimsuudhaaf akkasumas dhimmoota qaxanichaafi idil-addnuyaa irratti akka mari'atan Minisirri beeksiisaa himaniiru.

Walitti dhufeenyi Itoophiyaa waliin qabdu akka laaffatee kan himamu Ertiraan, pirezidantii Somaaliyaa kan waliigaltichaan booda Itoophiyaa waliin muddama keessatti argaman irra deeddebiin keessummeessaa jirti.

Mootummaan Ertiraa daandii qilleensa Itoophiyaa balaliinsa gara Asmaraatti taasisuu wallakkeessa Fulbaanaatiin booda akka adda kutuuf murteessuu baatii Adooleessaa erga ibseen booda, daandiin qilleensichaas osoo yeroon jedhame hin qaqabiin dura sababii rakkoolee na mudataniiru jedHeetiin balaliinsa adda kutuu ibsuunsaa ni yaadatama.

Erga waraanni Itiyoo-Ertiraa kan namoonni hedduun itti lubbuu dhaban dhumeen booda, balaliinsii gara Asmaraatti taasifamu adda citee erga tureen booda ALI Adooleessaa 2010 keessa deebiisee eegalunsaa ni yaadatama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni lamaan yeroo ammaa daangan biyyoota lamaan wal-qunamsiisu hunduu cufaa yoo ta’u, walitti dhufeenyi dippilomaasii Itoophiyaafi Ertiraa fooyya’ee ture waliigaltee Piritooriyaa booda deebi’ee qabbanaa’era.

Muddamni Gaanfa Afrikaa yeroo gara yerootti hammaataa deemee, Itoophiyaafi Somaaliyaa akkasumas Itoophiyaafi Masirii gidduutti muddamni cimeera.

Walitti dhufeenyi Ertiraa, Masiriifi Somaalitaa jabaataa deemun kan mul’ate, yeroo walitti dhufeenyi Itoophiyaafi Ertiraa laaffataa dhufettiidha.

Itoophiyaan Somaalilaand waliin wa’aee ulaa galaanaa irratti walii galtee mallatteessuu hordofee, Somaaliyaan baay’ee dheekkamte. Kuni ammoo naannichatti muddamni akka hammaatu taasise.

Mootummoonni Itoophiyaafi Somaaliyaa dubbii jajjabaan wal-qoccoluu itti fufaniiru. Kuni waraana kallattii ykn al-kalattiitti isaan geessuu mala yaaddon jedhus jira.

Gama biraan ammoo sababa Hidha Guddichaa Itoophiyaan ijaaraa jirtuu Itoophiyaa wajjin atakaaroo yeroo dheeraa keessa kan turte Masriin Somaaliyaa wajjin walii galtee wal-ta’iinsa waraanaa waliif mallatteessun deeggarsa waraanaa Somaaliyaaf taasisuu eegaluunshee Gaanfa Afrikaa yaaddoo dabalataa keessa galcheera.

Pirezidantiin Masrii

Madda suuraa, MIE

Pirezidaant Isaayasifi Pirezidaant Al-Siisii

Madda suuraa, MIE

Itoophiyaan walii galtee karra galaanaa biyya akka walabatti of yaamtu Somalilandi waliin taasisuu ishee hordofee Masriin meeshaa waraanaa xiyyaraa fi dooniidhaan Itoophiyaa waliin waldhabdee keessa kan jirtu Somaaliyaaf marsaa lamaan erguu hordofuun gaanfa Afrikaatti muddamni uumameera.

Tumsa waraanaa biyyoota lamaaniin yaadda'aa kan turte Itoophiyaan tarkaanfii gaanfa Afrikaa tasgabbii dhabsiisuuf fudhatamaa jiru callistee akka hin ilaalle beeksiftee jirti.

Mootummaan Somaaliyaa ''humnoota alaa naannicha tasgabbii dhabsiisuu barbaadan waliin hojjechaa jirti'' jechuunis himatteetti.

Hogganaan Tajaajila Basaasaa fi Ministirri Dhimma Alaa Masrii torban muraasa dura Asmaraatti argamuun ergaa Pirezidaantii Al-Siisii Pirezidaantii Isaayyaasif dabarsan irratti mari'achuun gabaafame.

Torban muraasa dura hogganaan Tajaajila Basaasa Waliigalaa Masrii Abbaa Kamel fi Ministirri Dhimma Alaa Badir Abdellatii haala nageenyaa fi siyaasaa naannichaa yeroo ammaa, akkasumas hariiroo kana cimsuu ilaalchisee pirezidaantii Ertiraaf ergaa dabarsaniiru.

Anga'ootni olaanoo Masrii ergaa Pirezidaantii Al-Siisii Pirezedaantii Isaayyaasitti dhiheessuun Asmaraatti yeroo mari’atan Somaaliyaaf deeggarsa qaban kan ibsan yoo ta'u, dhimmicha irratti gama Itoophiyaatin waanti jedhame hin jiru.