Tumsa waraanaa Itoophiyaafi Chaayinaa duuba maaltu jira?

Ministirri Muummee Chaayinaa Li Qiang fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimed Fulbaana 05, 2024 Beejingitti wayita wal argan

Madda suuraa, Abiy Ahimed

Hariiroon Chaayinaan biyyoota Afrikaa waliin qabdu daran guddataa jira. Hariiroo kan daldalaatiin alattis, biyyoota Afrikaa hedduu waliin keessumaa ammoo, kanneen dhiyeessitoota boba’aa ta’an waliin waliigaltee tumsa waraanaa cimaa qabdi.

Chaayinaan Itophiyaadhafis michuu daldalaafi investimentii cimtuudha. Walii galtee tumsa waraanas kan waliin qaban yoo ta’u, Fulbaana15, 2024 walii galtee tumsa waraanaa isaanii cimsuuf isaan dandeessisu waliif mallatteessaniiru.

Waayita biyyootni ollaa tokko tokko Itoophiyaa waliin atakaroo keessa seenuun muddamni gaanfa Afrikaa keessatti cimaa dhufetti tumsi waraanaa Chaayinaan Itoophiyaadhaf taasiste kun ammoo xiyyeeffannoo guddaa argateera.

Jalqaba baatii Fulbaana darbe keessa qondaaltonni waraanaa Ityoophiyaa fi Chaayinaa fooramii nageenyaa fi waraanaa idil-addunyaa Chaayinaa Beejiing Xihangishan 11ffaa gaggeefame ture madditti mari'achuun waliigalticha kan mallatteessan

Ajajaa walii galaa human waraanaa Itiyoophiyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi komishiinara Komishinii Waraana Giddugaleessaa Chaayinaa (CMC) Jeneraal Liyuu Zhenli tumsa waraanaa biyyota lamaani kana kan mallatteesse.

Tumsi kun fedhiin chaayinaan Itoophiyaa irra qabdu dabalaa jirachuu kan mul’isuu fi Itoophiyaan dandeettii ittisa ishee fi ga’ee isheen nageenyaaf tasgabbii gaanfa afrikaa tiksuu irratti qabdu kan cimsudha.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad jalqaba baatii Fulbaanaa darbe pireezdaantii Chaayinaa Shii Jiinping waliin wal arguun mari’ataniiru. Keessumaa deeggarsa gama hedduu Chaayinaan Itoophiyaaf taasiftuu fi gurgurtaa meeshaalee waraanaa Ityoophiyaaf dhiyeessitu irratti marii taasisaniiru.

Dr. Abiy Yaa'ii Tumsa Chaayinaa fi Afriikaa (FOCAC) bara 2024 Beejiingitti gaggeeffame irratti hirmaachuuf Wayita chaayinaa dhaqanitti ture kan Pireezidaantii Chaayinaa Shii Jiinping waliin kan dubbatan.

Shiin hariiroon Chaayinaa fi Ityoophiyaa fakkeenya tumsa michoomaa Chaayinaa fi Afrikaa ta’uu maricha irratti ibsan.

Pireezidaantiin Chaayinaa shii Jiin piingi fi MM Itoophiyaa Abiy Ahimed Fulbaana 03, 2024 Beejingitti wayita wal argan.

Madda suuraa, AFP

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimadis “Itiyoophiyaan deeggarsa gam hedduu Chaayinaan itti fufiinsaan taasiftu hedduu dinqisiifatti”jechuun deeggarsa biraalle akka biyyatti irraa eegan ibsaniifi ture.

Itiyoophiyaan erga waggoota dhiyoo asii qormaata keessoo walitti bu’iinsa naannolee addaa addaa keessa tureen waraanan miidhamu dabalataan, haalli amma Somaaliyaa fi Masrii waliin itti jirtu gara waraanatti geessuu mala sodaa jedhu uumeera.

Wayita kanatti wali galteen tumsa waraana taasifamuun Itoophiyaaf akkaan barbaachisadha. Somaaliyaan ammoo Chaayinaan bu'aa isheef dhimma Somaaliyaa irratti dhibbaa gochaa akka jrtu himatte.

Tumsi waraanaa taasifame kun maal fa’aa akka qabate bal’inaan ibsamuu baatullee Itoophiyaan dhiyeessi meeshaalee waraanaa, dandeettii teeknooloojii waraanaa sadarkaa olaanaa fi leenjii waraanaa Chaayinaa irraa akka argattu taasisuu danda’a.

Itoophiyaan ammoo fedhii Chaayinaan naannoo Gaanfa Afrikaatti qabdu eegsisuu fi qooda fudhattoota naannawaa biroo waliin walitti dhufeenya gaarii fi dantaa ishee eegsisu uumtu keessatti Itoophiyaan deeggarsa dippilomaasii fi kan biroo kennuudha.

Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa qofatti osoo hin taane Gamtaa Afrikaa (AU) keessattillee dhageettii qabdu fayyadamtee dhiibbaa uumuu dandeessu, Chaayianan hojii dippilomaasii, nageenyaa fi dinagdeetiin fedhii guddaa irraa qabdi.

Itoophiyaaf abdii akkamii qaba? Somaaliyaan maal jette?

Qondaaltota olaanoo waraana Ityoophiyaa fi Chaayinaa walii galtee tumsa waraanaa booda.

Madda suuraa, Embassy of Ethiopia in Beijing

Waliigalteen waraanaa Ityoophiyaan Chaayinaa waliin yeroo waldhabdeen biyyota ollaa waliin dabaletti taasisuun Itoophiyaaf haara galfiidha.

Tokkoffaa humna ittisa ishee ni cimsa. Meeshaa waraanaa bittaanis ta’ee deeggarsaan Chaayinaa irraa akka argattu taasisuu mala.

Kana malees tumsa teeknooloojii waraanaa sadarkaa olaanaa, leenjii, fi deeggarsa dippilomaasii Chaayinaa irraa argachuun ishee balaa nageenya ishee irra gahu danda'u hanga tokko akka qolattu taasisa.

Itoophiyaan walii galtee ulaa galaanaa somalilandi walii taasifte hordofee Somaliyaa fi Masriin Itoophiyaa irratti himanna adda addaa dhiyeessurra darbee waraanaaf qophaa’aa kan jiran ta’uu gabaasaaleen kan mul’isan. Waldhibdeen kun ammoo muddama Gaanfa Afrikaa daran hammeessee jira.

Kana malees, Somaaliyaan, Masrii fi Turkii waliin waliigaltee waraanaa seenuun Itoophiyaaf qormaata guddaadha. Ertiraanis garee kana waliin dhabbachuuf ijjannoo akka qabdu agarsiiftuwwaan hedduun jiru.

Yeroo muddamaa akkanatti michuun dhihoo dafee Itoophiyaa qaqqabuu fi deeggarsa godhu yoo jiraatte Chaayinaadha. Chaayinaan Fedhii dinagdeen ala gama humna waraanaan naannawa gaanfaa Afrikaatti cimsachuu barbaadi.

Kun yaada Somaaliyaa fi Masriillee gara waraanatti deemuu jedhu jijjirsisuu danda'a. Kana malees waltajjiwwaan idil addunyaa aadda adda irratti, mana maree nageenyaa UN dabalatee himannaan Masrii fi Somaliyaanis dhiyeeffataa turan hedduun fudhatama hin argannee.

Kun ammoo Somaaliyaanis ta'ee masriin ejjennoo duraan qabatan akka laaffisaa dhufan agarsiiftuwwan muraasadha.

Jaarsummaa Tarkii fi IGAD'n jalqabames hin goolabamne. Tarii biyyota kanneen waliin hariiroo gaarii kan qabdu Tarkiin dubbiin kun karaa nagaan akka furmaata argatu gochuu dandeessii kan jedhutu eegama.

Gama biraan sochiin Somaaliyaan loltoota Itoophiyaa kumaan lakkaa’aman bara 2006 irraa kaasee al-Shabaab loluurratti ishee gargaaraa turan baaftee humnoota Masirii ergama nageenyaa Gamtaa Afrikaa (AU) haaraa jalatti bakka buusuuf gaafatte kan itti fufu yoo ta'e muddamni jiru kun caalatti hammatee wal waraansa fiduu mala.

Yeroo meeshaaleen waraanaa Masrii irraa gara Somaaliyaa geeffamaa turetti, Loltoonni Itoophiyaa Somaaliyaa keessa jiran buufataalee xiyyaaraa Somaaliyaa naannoo Geedoo jedhamu keessa jiru hunda ta'chuun gabaafamaa tureera

Chaayinaan Itoophiyaarraa fedhii akkamii qabdi?

Kaartaa fi Alaabaa Itoophiyaaf Chaayinaa

Itoophiyaan bakka dhaabbileen Chaayinaa baay'een keessatti oomishaa jiranii fi pirojeektota gurguddoo Itoophiyaa akka daandii fi daandii baaburaa dhaabbilee chaayinaan hojjataman heddu keessatti argamtuudha.

Anga'oonni Chaayinaa Itoophiyaan "riqicha" Inishiyeetiivii Beeltii fi Daandii fi misooma Afrikaa gidduu jiru jechuun ibsu.

Yeroo ammaa dhaabbileen Chaayinaa pirojektoota invastimantii hedduu gara doolaara Ameerikaa biiliyoona 5tti dhiyaatan Itoophiyaa keessatti hojjechuu fi carraa hojii biyya keessaa walakkaa miliyoonaa ol uumuun tumsa dinagdee isaanii haaromsaa jiru.

Fooramii Tumsa Chaayinaa fi Afriikaa (FOCAC) Fulbaana 4-6, 2024tti Beejingitti gaggeeffamee ture madditti Itoophiyaa fi Chaayinaan waligalteewwan aaddaa 17 mallatteessuu gabaasa miidiyaalee mootummaatiin ba’an kan mul'isan.

Chaayinaan biyyoota Afrikaatif deeggarsa maallaqaa doolaara biiliyoona 50 ol akka taasistuu fi carraa hojii miliyoona tokkoo ol uumuuf waadaa galteetti.

Hariiroo fi michuu daldala alaa Afrikaa waliin qabdu tooftaa fi fayyadamummaa waloo ta’uu kan ibsitu Chaayinaan xumura jaarraa kanaatti ummanni addunyaa 40 % ta’u Afrikaa keessa akka jiratu eerti. Kanaafis Afrikaan egeree diinagdee addunyaa qabachuun ishee akka hin oolletu ibsama.

Biyyoonni Afrikaa 50 ol UN keessa jiran, Chaayinaa deeggaruun Chaayinaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee idil-addunyaa biroo keessatti dhiibbaa uumuuf akka itti fayyadamtuuf sagalee fi deeggarsi biyyota afrikaa ishee barbaachisa.

Kanaaf fedhiin Chaayinaan Afrikaa keessatti qabdu fedhii dinagdee qofa osoo hin taane siyaasaas kan dabalatu dha