Waldhabdee TPLF፡ 'Edaa dureewwan keenyaa hin beeknu turre'

Dabratsiyoon Gabramikaa'elii fi Geetaachoo Raddaa

Madda suuraa, TPLF/DW/TIG TV

Ibsa waa'ee suuraa, Dabratsiyoon Gabramikaa'elii fi Geetaachoo Raddaa

Baatii darbe keessa garee TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'el (Dr) dursan, miseensoota dhaabbichaa yaa'ii 14ffaa TPLF qoodiinsa aanga'oota olaanoo jidudutti gaggeeffame irratti hin hirmaatiniifi kanneen bulchiinsa Yeroo Tigraay keessatti argaman miseensoota koree jidduugalaa keessaa kaasuu beeksiisee ture.

Pirezidantii bulchiinsa yeroo naannichaafi ittaanaa dura taa'aa dhaabbatichaa Obbo Geetaachoo Raddaa dabalatee miseensoota koree jidduugalaa 17, komishiinii to'annoo dhaabichaa, irra jiraan aanaalee kibbaa fi kibba baha Tigraay akkasumas kutaaleen magaalaa Magaala Maqalee osoo yaa'ii kanarratti hin hirmaatiin hafan.

Yaa'ii falmisiisaan boordii filannoo biyyaaleessatiin beekkamtii hin argatiin kana hordofuunis pireezidantiin bulchiinsa yeroo naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaa TPLF bakka hin bu'#an jechuudhaan aangoorraa akka bu'an gareen Dabratsiyoon fa'i ibse

Waliigaltee Piritooriyaa waraana naannichatti waggoota lamaaf tureetti dhuma kan godhee hordofuun Ministira Mummee Abiyiin ifatti kan mudaman Obbo Geetaachoo Raddaan aangoorraa kaasuudhaaf TPLF aangoo qabaa gaaffii jedhu keessa seeneera.

Bulchiinsi Obbo geetaachoon dursu gamasaatiin ibsa baaseen, ''fonqolcha mootummaa ifaa'' jechuun balaaleefachuun, garicha irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatuu fi ''miidhaa'' sababii kanaatiin qaqabu kamiifu ittigaafatamaa akka hin taanee beeksiise.

Rakkoon gareewwan nutu bakka bu'oota TPLF isa sirriidha jedhan jidduutti mudatee kun rakkoo nageenyaa hordofsiisuu danda'a jedhamuun yaaddoo uumeera.

Taajjabdoonni naannicha keessatti argaman BBCn dubbisees, ajandaan hoggansa dhaabichaa qoodaa jiru kunis akka gara ummaataatti akka hindabarreefi ummata irratti haala rakkiisaa umuun akka hin oollee wantoonni agarsiisan jiraachu himu.

Garaagarummaa bal'ataa dhufe

Waliigalteen Piritooriyaa waraana naannichatti waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabuudhaan sagaleen rasaasaa akka dhaabbatu taasisuusaatiin alattis ummanni marfama keessa ture tasgabbii akka argatu dandeessiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tajaajjilliiwwan bu'uura jedhaman kan akka baankii, ibsaa, bishaan, geejjibaa duraan adda citanii ture amma ummanni deebiisee akka argatu taasifameera.

Ummatichi ijoolleesaaniifi, firootasababii waraanaatii dhaban awwaalachuufi gadduudhaaf carraa argateera.

Balaan waraana ummata gara miiliyoona tokkoo ajjeessee jedhame kanaas ammalleen naannicha keessatti mul'ataa jira.

Bu'uuraaleen misoomaa waraanichaan barbadaa'an ammalleen hin suphamne. Buqqatoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman ammalleen gara qe'esaaniitti kan hin deebiine yoo ta'u, buufataalee dahanoo yeroo keessatti haala rakkiisaa ta'een jiraataa jiraachu dubbatu.

Haala waliigaltee piritoriyaatti naannooleen Tigraay tibba waraanaatti to'annoo jala oolfaman amma humnoota raayyaa ittisa federaalaatiin alaa harkatti argamu.

Wayita ammaa yeroo rakkooleen ummata naannichaa hin furamiiniitti, dureewwan TPLF waldhabaa jiranis maqaa waliigaltee Piritoriyaatiin guyyaa guyyaan kakatan illeen, ummanni naannichaa garuu dhimma dursaa isaanii miti'' jedhu jireettoonni BBC Tigrinyaan dubbiseen.

Ummanni waraanaan miidahmeefi naannicha oolchuudhaaf fiigurra boromtaa waliigaltichaarraa kaasee, waldhabdeen jidduusaanii jiru irri caalaa fi wal dhabaa dhufeera.

garaagarummaan keessoo gareewwan lamaan jidduutti mudatees yero mootummaan waloo yeroo hundeeffame irraa kaasee akka ta'e kanneen keessoo dhaabichaa beekan BBCtti himan.

Dr Dabratsiyooniif Geetaachoo

Madda suuraa, TIGRAY TV

'Hoggantoota keenya hin beeknu turre'

Erga TPLF Maqalee to'atee booda yeroo intarneetiin hin jirretti kaadiroonni odeeffannoo ummataa dhoksuuf yaalaa turuu saaxilaa turee fi xiinxalaan siyaasaa TPLF qeequun beekamu Fitsum Birihaanuu "Ani hoggantoota hin beeku ture" jedha.

Kanaafis akka sababaatti kan dhiyeesse, iccitii hooggantoonni TPLF yeroo ammaa saaxilaa jiran wabeeffachuuni.

''Hanga ammaa isaan iccitii isaanii ofii baasanitti eenyu akka na geggeessaa ture hin beeku.Iccitiin isaan ifa godhaa jiran kan isaanii qofa miti, kan keenyas, kanaaf tasumaa isaan hin beeknu," jedha.

Waldhabdeen garee TPLF lamaan gidduu jiru bal'achaa dhufuu hordofuun "iccitii" gareen tokko waa'ee garee isa biraa saaxilaa jiru dursee ummata biratti beekamuu akka qabus ibsa.

Hoggantoonni TPLF wal qoqqoodanii miidiyaa adda addaa irratti bahuun iccitii wali wali isaanii kuffisuu fi amanamummaa walirraa fudhachuuf yaalii gochaa jiru.

Hoggantoota Ertiraa waliin walitti dhufeenya dhoksaa qabu jechuun walii waliiisaanii himataa jiru.

Waraanni Eertiraa garee Raayyaa Ittisa Itoophiyaa deeggaruun waraana Tigraay irratti hirmaatee yakka waraanaa fi sarbama mirga namoomaa raawwachuu gareen qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee falmitoonni mirga namoomaa, gabaasa isaanii keessatti saaxilaniiru. Mootummaan Ertiraa himannaa kana hin fudhatu.

Warri yakka waraanaa yeroo waraanaa raawwatameef itti gaafatamummaan akka jiraatu fi miidhamtoonni haqa akka argataniif gaafataa turan dhimmi kun akka isaan hin "qaaneffachiifne'' dubbata jiru.

Jiraataa magaalaa Shiree indasillasee fi maanguddoo biyyattii ganna 87 kan ta'an obbo Argay Ayele yeroo magaalaan isaa waraana Itoophiyaan qabamte ajajoota waraana Itoophiyaa waliin wal arguun balaa namoota nagaa irratti mul'ate dubbachuu keessatti gahee olaanaa taphateera.

''Haalli nu mudachaa jiru kan duraanii caalaa hammaataadha. Ijoolleen kun [hoggantoonni TPLF] madaa fi gaaga'ama qabsoo gama ummata isaaniitiin dhufe akka irra deebi'aniif ni hojjatu jennee abdachaa turre, kan jedhan Manguddoon kun, haala ummataaf ifa hin taaneen wal walii isaanii ciniinuun balaa keessa nu galchaniiru" jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.

Wal qoqqoodinsi amma TPLF keessatti mul'achaa jiru akkaan isaan mufachiisus dubbatu.

Hoggantoonni TPLF naannoo adda addaa keessa naanna'anii hawaasa waliin yommuu mari'atan "qonnaan bultoonni naannoo keenyaa 'bara kana midhaan gaarii haa oomishnuu, haa guddifnu, nyaannu, daldallu, nagaa nuuf buusaa" jedhanii isaan kadhachaa jiru, Garuu isaan gurrarra hin yaanee,'' jechuun BBC'tti himaniiru.

Jiraattuun magaalaa Maqalee kan ta'an Birtukan Haftuu Yaadni ''waraana daa'immanii fi haadholii hedduu galaafatetti deebi'uu dandeenya'' jedhu akka isa yaaddesse BBCtti himeera.

"Yeroo waraanaa tokkoo taanee,amma haala tasgabbii akkasii keessatti qoqqoodamna jedhee yaadee hin beeku" jedhu.

Guyyoota dhiheenyaatti ALI Fulbaanaa 27, 2017 gareewwan TPLF lamaa jidduutti ibsiiwwan cimaan akkasumas humnootiin TPLF akeekkachiisa kennuunsaanii hordofuun ummata magaalichaa irratti yaaddoo akka uumee odeeffannoon BBCn argate ni agarsiisa.

Jiraattoonni tokko tokkoos maallaqasaanii baankii keessaa baasuudhaan Maqaleerraa gara Finfinneetti dabarfachaa akka jiran odeeffannoon tokko tokko ni agarsiisu.

Aanga'ooat TPLF

Madda suuraa, TPLF

Jiraattoonni BBC dubbise waldhabdee namoota siyaasaa jidduutti umammee dhiibbaan inni ummata irratti uumuu akka isaan yaaddeesse dubbatu.

Lixa Tigraay aanaa Qaaftaa Humaraairraa buqqaafamun waggoota sadan buufata yeroo Shiraaroo keessatti dahatanii akka argaman kan dubbatan Obbo Asaffaa Gabra Hiyoot, ‘‘qoodiinsii akkasii aanga’oota jidduutti umamu abdii nama kutachiisa’’ jedhu.

Baatii darbeerraa kaasee namoonni haaraan buqqaafamuun naannoolee kanneenitti gara buufata dahannoo yeroo sanaa dhaqaa akka jiran ibsanii, kanaanis waliigalteen Piritooriyaa hojiirra ni oolfama jedhamee eeguun ‘‘waan hin taaneedha’’ jedhu.

Jiraataan magaalaa Aksuum Obbo Kibroom Yitibaarak gamasaanitiin, waldhabdeen amma jiru ‘‘kufaatii olaanaadha’’, badii kee, badii kiyya jechuun wal dhabuun isaanii ummata dhiphina keessa galcheera’’ jedhu.

Yeroon ittaanu sodaachisaa kan itti ta’e Kibroom, ‘‘carraan keenya maaliidha? Deebiinee gara yeroo badaatti seenuuf jirraa laataa?’’ jechuun gaafata.

Itti dabalunis ‘‘osoo qaama alaa ta’e diina jetta. Hoggantoonni kaayyoonsaanii maaliidha? Aangoo malee kaayyoo biraa kan qaban natti hin fakkaatu’’ jedha.

Namoota gaddarra jiran

'Itti gaafatamummaa jalaa miliquuf'

Garaagarummaan gaggeessitoota TPLF gidduutti uumame ajandaa uummataa miti jedhee amana Fitsum Birhaanaa.

Dhimoonni waliigaltee Piritooriyaa irratti ka’an hojiirraa oolchuun boodatti harkifatee akka jiru kaasun, “amma dhukaasni yoo jiraachuu baates lolli jira” jedhee amana.

Bu’uuraalen fayyaa manca’an osoo hin ijaaramaniifi namoonni qe’eerraa buqqa’an qe’eesaanitti osoo hin deebi’in kuni uumamuunsaas akka isa gaddisiisu dubbata Fitsum.

Haalonni gara waraanatti geessan, akkaatan waraanichi itti gaggeeffameefi xumurame akkasumas haalonni waraana booda turan qoratamanii itti gaafatamummaan jiraachuu akka qabaatuf Fitsum waamicha dhiyeessa.

Garee TPLF lachuu akka hin deeggarre kan dubbatu Fitsum, “lamaanuu aangorra turuu osoo hin taane mana murtiitti dhiyeeffamuu qabu” jedha.

Gaggeessitoonni TPLF garee lamatti wal-qoodan kun uummata Tigraay waraanatti erga oofanii booda amma immoo gandaan qoodaa akka jiranis hima.

“Itti gaafatamummaan yoo jiraate nagaan jiraachuu qaba. Isaan kana waan beekaniif uummata gandaan qoodanii walitti buusuf jedhu. Yoo milkaa’ef ammoo deebinee marfama keessa galla,” yaaddoo jedhu qaba.

Obbo Aragaayi Ayyalaa gama isaanin gaggeessitoonni TPLF, “Garaagarummaa isaan gidduu jiru furanii waliin yoo nu gaggeessan fedhii keenya. Yoo waliin ta’anii nu gaggeessuu hin daneenye ammoo…aangoo gadi dhiisuu qabu” jedhu.

Walgahii TPL duraanii

Madda suuraa, TPLF

Furmaata

Humnoonni nageenyaa naannoo Tigraay dhimmicha xiyyeeffannoon hordofuu qabu jechuun furmaanni isa akka ta’e amana Kibroom.

“Walii galanii yoo itti fufan gaaridha, kana yoo hin taane qaamoleen nageenyaa bifa uummata irraan rakkoo hin geenyen tarkaanfii fudhachuu qaba,” yaada jedhu qaba.

Fitsum Birhaanaa ammoo mootummaan hunda hammate akka hundaa’u yaada furmaataa dhiyeessa.

Waldaa Beektota Idiladdunyaa Tigraay dabalatee kanneen Mootummaa Yeroo Tigraay keessatti qooa fudhatan hunduu dhiibbaa TPLF jala akka jiran eerun, mootummaan waloo uummanni Tigraay hundi bakka na bu’a jedhee amanu hatattamaan hundaa’uu qaba jedhee amana Fitsum.