Bulchiinsi Obbo Geetaachoo Raddaa garee Dabrastiyoon irratti tarkaanfii akka fudhatu beeksise

Dabratsiyoon Gabramikaa'el (Dr) fi Obbo Geetaachoo Raddaa
Ibsa waa'ee suuraa, Dabratsiyoon Gabramikaa'el (Dr) fi Obbo Geetaachoo Raddaa

Bulchiinsi Yeroo Tigraay garee TPLF Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu naannicha keessatti seera cabsaa waan jiruuf tarkaanfii seeraa akka fudhatu beeksise.

Ibsi Bulchiinsa Yeroo kun kan bahe erga gareen TPLF kan Dr Dabarastiyooniin durfamu, pirezidantii bulchiinsa Yeroo Tigraayii fi aanga'oota naannichaa kaan aangoosaanii irraa kaasuu ilaalchisuun ibsa baasuu hordofeeti.

Wiixata Onkololeessa 7, 2024, gareen TPLF baatii tokkoon dura yaa'ii seeraan ala jedhame kan gaggeessee fi Dabrastiyoon dura taa'aadhaan kan filate ibsa baaseen, Obbo Geetaachoo dabalatee miseensoonni aabiine bulchiinsa yeroo, ittigaafatamtoota biiroo fi bulchiinsoota godinaa aangoorraa kaasuu beeksiise.

Waldhabdee aanga'oota TPLF jidduutti umamee hordofee, sababii yaa’ii jalqaba Adooleessa darbe gaggeeffameefi boordiin filannoo beekamtii hin kenniineef akkasumas aanga’oonni irra jiraafi miseensoonni hin deeggariinitiin paarticha keessatti qooddinis umamuunsaa ni yaadatama.

Yaa’ii waliigalaa sanarratti Dr Dabratsiyoon Gabra Miikaa’el dura taa’aummaasaatiin akka itti fufuuf filatamuun kan ibsame yoo ta’u, pirezidantiin bulchiinsa yeroo Obbo Geetaachoo dabalatee aangoo hoggansa TPLF irra kan turaniifi kanneen yaa’icha mormuun osoo hin hirmaatiin hafan aangoosaanii irraa kaafamuun alattis miseensummaa keessaa dhorkamanii ture.

Sababii kanaatiinis bakka bu’iinsa TPLFn namoonni hoggansa bulchiinsa yeroo Tigraay keessa jiran dhaabbicha keessaa waan dhorkamaniif itti gaafatamummaasaanii akka gadi dhiisaniif gareen Dabratsiyoon ibsaa turera.

Ibsa amma baheen Obbo Geetaachoo dabalatee aanga’oota bulchiinsa yeroo sadarkaalee garaa garaarratti argaman kaasuudhaan pirezidantiichaan alatti maqaa namoota wara kaan bakka bu’anii ifa godheera.

Kana hordofuudhaanis waajjiirri pirezidantii Bulchiinsa Yeroo naannichaa Wiixata galgala ibsa baaseen, muudamniifi aangoorraa kaasuun ibsa gareen Dabrastiyoon baasuun beeksiisee ‘‘fonqolcha mootummaa ifaadha’’ jechuun tarkaanfii seeraa akka fudhatu beeksiiseera.

‘‘Bulchiinsi yeroo Tigraay gochaa akkasii hin fudhatu kan jedhe’’ ibsi kun, sababii kanaatiinis bulchiinsi, dureewwan garee ‘‘humnoota badii’’ jedheen irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatu ibseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘‘Sababii kanaatiin miidhaa adeemsa keessa mudatan kamiifu adda durummaadhaan gareen kuniifi hoggansiichi itti gaafatamaa akka ta’e asuumaan ummata maraaf beeksiisuu barbaadna’’ jedheera ibsichi.

Haata’u malee waajira bulchiinsa yerootiin ibsi bahee kun tarkaanfii nan fudhadha jedhe maal ta’u akka danda’u hin ibsiine.

Waldhabdee gareewwan lamaan jidduutti umameen TPLF kan waggoota soddomaa oliif naannicha keessatti qaama siyaasaa qofaa cimaa ta’un ture keessatti qoodiinsa uumeera.

Waraana cimaa naannichatti wagga lamaaf aggeeggafamee ture hordofee nootummaa federaalaatiin walii galuudhaan kan hundeeffame Bulchiinsi Yeroo naannichaa osoo hin cimiiniidha kan TPLF jidduutti wal dhabdeen kun umami.

Waldhabdeen TPLF keessatti umamee kunis hoggansoota gara lamatti hiramuun keessatuu yaa’ii paartichaa 14ffaa gaggeessuurratti akka walii hin gallee taasiseera. Rakkinicha jidduuuttis yaa’iin dhaabbatichaa paartichaarratti qofaa osoo hin taane bulchiinsa yeroorrattis dhiibbaa taasiseera.

Boordiin filannoo Biyyaaleessaa Itoophiyaa yaa’ichi fudhatama hin qabu jechuusaatiin alattis, hoggantootaafi miseensoota TPLF Obbo Geetaachoo maddii hiriiran osoo hin hafiin seera qabeessa miti jedhaniinis, Obbo Geetaachoo ittaanaa dura taa’aa paartiichaa irraa kaasuudhaan Dr Dabrastiyoon dura taa’ummaan akka itti fufuu taasiseera.

Gareen Dabratsiyoon aanga’oonni buulchiinsa yeroo bakkasaaniitii kaafamuu ibsuudhaan, bakkasaaniitti namoota kan muude yoo ta’u, bakka Obbo Geetaachootti nama bakka bu’u kaa’uudhaaf mootummaa federaalaa waliin dubbataa akka jiran beeksiiseera. Dhimma kana ilaalchisee garuu mootummaa federaalaa irraa hanga ammaatti kan jedhame omtu hin jiru.