Namoonni tokko tokko uumamaan maaliif herreegan dadhaboo ta'u?

Madda suuraa, djedzura/Getty Images
Mee gaaffii herreegaa kana waliin haa hojjannu. Qotee bulaan tokko qe'eesaatii horii gosa sadi qaba: Horiinsaa kuni hundi hoolota, sadiin alatti. Hunduu reettidha, afuriin alatti. Hunduu fardeeni, shaniin alatti. Qotee bulaan kun tokkoon tokkoo horii meeqa qaba?
Deebiinsaa farda tokko, reettii lamaafi hoolota sadi.
Namoonni tokko tokko herreega akka salphaatti yeroo hojjatan kaan ammoo maaliif akka du'aa sodaatu?
Uumamni gahee mataasaa qabaatus, xiin-sammuufi nannoonis murteessadha.
Qorannoo lakkuuwwaniirratti taasifame
Yuunivarsiitii Landanitti qorattuu qaccee sanyiifi xiin-sammuu kan taate Pirofeesar Yuuliyaa Koovaas namoonni tokko tokko barnoota herreegaa maalif akka sodaataniifi hojjachuu dadhan qorannoo gaggeessiteetti.
Qorannooshee lakkuuwwan wal-fakaataniifi wal-hin fakkaanne 10,000 ta'an irratti kan gaggeessite yoo ta'u, wantoonni akka uumamaafi naannoo keessatti guddatanii akkamitti dandeettii barachuusaanii irratti dhibbaa akka fidu baruufi qorannicha kan gaggeessite.
"Amaloota siinsammuu qoranne hundarratti lakkuuwwan wal-fakkaatan (identical twins) lakkuuwwan wal-hin fakkaanne caalaa tokko. Kanaaf dandeettii herreegaa wal-fakkaataa qabu. Kuni kan ibsu haalonni mana keessaa waan hundumaa akka hin ibsineedha. Qacceen sanyii waan gumaachu qaba jechuudha," jetti Prof. Yuuliyaan.
Akka ogeettiin qaccee sanyiifi xiinsammuu kun jettutti, manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessattiifi yeroo dargaggummaatti dandeettiin uumamaan herreega barachuu dhibbeentaa 50-60 ta'a.
Kuni kan agarsiisu, "uumamniifi naannoon keessatti guddatan baay'ee murteessaa ta'uu isaati" jetti.
Haala keessatti guddatan (environment)
Haala keessatti guddannu yaada keessa galchuunis baay'ee barbaachisaadha.
Kuni mana baruumsaa gaaritti barachuu ykn hojii manaa irratti deeggarsa barbaachisu argachuu qofaan kan daangeffamuu miti. Waan akka tasaa nu mudatu ykn nu qunnamus ta'uu danda'a. Fakkeenyaf, waan akka tasaa reediyoo irraa dhageenyeen fedhiin ilaalchafi fedhiin keenya jijjiiramuu danda'a akka Prof. Yuuliyaan jettutti.
UKtti kan argamu Loughborough University tti qorattuu dandeettii herreega hubachuu kan taate Dr. Iro Zyeenduu Dervuu ammoo namni hunduu beekaa herreegaa ta'uu baatullee, dandeettii herreegaa fooyyeffachuu akka danda'u ibsiti.
Akka isheen jettutti, namni dandeettii herreegafi lakkoofsan wal-qabatan dabaluuf yaadi, ilaalchi, miirri gahee guddaa qaba.
"Herreega alaalumatti sodaachuun" dandeettii fooyyeessuu irratti dhiibbaa waan qabuuf namoonni herreega hojjachuu nan danda'a jedhanii amanuu akka qaban himti Dr. Iroon.
'Herreega sodaachuu'
Mudannoowwan sirii hin taane, kanneen akka herreegan qabxii gadaanaa galmeessuu, hiriyoota daree keessa jiran waliin wal-bira qabuun "ati herreega hin dandeessu" jedhamuun fa'aa ilalcha "ani herreega hin danda'u" jedhu nama keessatti uumuu akka danda'us ibsiti.
"Yaaddoon herreegaa herreega jibbuutti nama geessa, kuni ammoo herreega hojjachuu dadhabuufi ani kana booda herreega waan jedhamu hin danda'u jedhanii akka of amansiisan nama taasisa," jetti.
Kuni ammoo kutaa sammuu keenyaa bakka yaaduun itti gaggeeffamurratti dhiibbaa uuma.
Dandeettii lakkaa'uu uumamaan sammuu namaa keessa jiru (built-in sense for numbers)
Pirofeesar Biriyaan Batarwoorz Yuunivarsiitii Kolleejjii Landanitti dandeettii yaaduu niwuroosaayikolojii irratti kan hojjatu yoo ta'u, qorannoo gaggeesseen dhalli namaa uumamaan dandeettii lakkoofsaa akka qabu bira gahuu ibse- ijoolleen takkaa lakkoofsa hin lakkoofne illee dandeettiin lakkoofsaa keessa jira jedha.
Garuummoo, "namoonni tokko tokko dandeettiin keessa isaanii jiru sirriitti bahee hin hojjatu" jedha. Kana jechuun namoonni akkasii rakkoo diskalkuliyaa jedhamu qabu jechuudha.
Diskalkuliyaa jechuun lakkoofsafi hanga waan tokkoo hubachuufi shallaguu dadhabuudha. Akka Prof. Biriyaan jedhutti namoonni %5 ta'an rakkoo lakkoofsa hubachuufi shalaguu qabu.
Muuxannoo idiladdunyaa
Pirofeesar Yuuliyaa Koovaas qorannoo Sagantaa Gamaaggama Barattoota Idiladdunyaa (PISA) bara 2000 irraa kaasee sirna barnootaa biyyoota garaa garaa gamaaggamuuf kan hundaa'e akka fakkeenyatti kaasti.
Sagantaan kun barattoota biyyoota garaa garaa umuriinsaanii 15 ta'e irratti qorannoo kan gaggeessu yoo ta'u, dandeettii herreegaa, dandeettii dubbisuufi dandeettii saayinsii isaan qaban kan gamaaggamuudha.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkaataa gamaaggama sagantaa PISA kanaatti, "barattoonni Chaayinaafi kan biyyoota Baha Eshiyaa tokko tokko akkasumas kan Fiinlaand sadarkaa duraa irra turan," jetti Pirofeesar Yuuliyaa Koovaas.
Biyyoota barattoonni isaanii dandeettiifi gahuumsa olaanaa agarsiisan irraa maal baranna?
Chaayinaatti pirofeesara herreegaa kan ta'e Jiyaangxi biyyattii keessatti barnoonni herreegaa "beekumsa bu'uuraa, dandeettii bu'uuraafi shaakala herreegaa bu'uura" ta'e irratti akka xiyyeeffatu ibsa.
Chaayinaa keessatti barnoonni akkasumas barsiisonni heddu kabajamu. Barsiisonni Chaayinaa guyyatti baruumsa tokko ykn lama caala waan hin barsiifneef yeroo qophii gahaa qabu.
Fiinlaand biyyoota barattoonni heddu herreegatti cimoo ta'an keessati.
Pekka Rasanen University of Turku keessatti pirofeesara ikonomik sosiyoolojiiti. Fiinlaand keessatti barnnoonni herreegaa wantoota bu'uuraa irratti akka xiyyeeffatu hima.
Biyyattii keessatti barsiisan tokko ogummaa barsiisummaatiin eebbifamuuf waggaa shan barachuu akka qabuufi hojiin barsiisummaa gita hojii akkaan barbaadamaa ta'uus hima.












