Faayidaalee qurunfudii kanneen beektuu?

Qurunfudii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qurunfudii

Qurunfudiin akka mi'eessituu nyaataa fi dhugaatii kanneen akka shaayii fi kanneen birootti bal'inaan faayidaaf oola.

Mi'eessituu kun garuu dhandhama gaarii qabaachuun olitti bu'aa fayyaas ni qaba jedhu oggeessonni.

Sanyiin mi'eessituu qurunfudii jedhamuun beekamu kunis maqaa saayinsii 'Syzygium aromaticum' jedhamuun beekama.

Qurunfudiin albuudota akka ayirenii, kaalsiyeemii, maagniziyeemii fi qabiyyee keemikaala qaama keenya fayyadan of keessaa qaba.

Qurunfudiin qoricha aadaa keessattis yeroo dheeraaf dhukkuboota sirna hargansuu, dhukkubbii qoonqoo fi qufaa fa'aa wayyeessuuf oola.

Ogeessi sirna soorataa, Dr Maatiyu Tobossi, BBC Afrique'tti akka himanitti, yeroo baayyee namoonni hojii sibiilaatiin walqabatuun miidhaman qurunfudii akka fudhataniin gorsamu jedhan.

"Namoonni hojii silbilaarratti bobba'an guyyaa guyyaan akka qurunfudii sooratan gorsina" jedhan.

Qabiyyee soorata qurunfudii

Vitaamin E'n qurunfudii keessatti argamu sirna ittisa qaamaa ykn madinummaa qaamaa cimsuuf gargaara

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Vitaamin E'n qurunfudii keessatti argamu sirna ittisa qaamaa ykn madinummaa qaamaa cimsuuf gargaara

Qurunfudiin mi'eessituu dhandhamaa fi foolii urga'u fi qabiyyee soorata nafni keenya barbaadu qaba.

Gosa albuudootaa qurunfudii keessatti argaman keessaa tokko ayireniidha.

Fakkeenyaaf, qurunfudii giraamni 100 ayirenii milii giraama 11 of keessaa qaba.

Akkasumas albuudota sirna narvii fi maashaa cimsuuf barbaachisoo ta'an kaalsiyeemii fi pootaasiyeemii of keessaa akka qabu dubbatu oggeessonni fayyaa.

Akkasumas, vitaamin E'n qurunfudii keessatti argamu sirna ittisa qaamaa ykn madiinummaa qaamaa cimsuuf gargaara.

Qurunfudiin qabiyyee soorataa farra- dullumaa fi gubaatii qaamaa hir'isan of keessaa qaba. Qurunfudiin faayidaalee fayyaa hedduu biroos qaba.

Farra kaansarii

Qurunfudiin amma farra oksideeshinii waan qabuuf kaansariin akka hin qabamnee fi guddina gosoota kaansarii muraasaa ni gufachisa jedhu Dr Tobos.

Kanaaf, qabiyyee qurunfudii keessatti argamu seelii kaansarii hir'isuuf fayyada.

Doktarri kun namoonni daandii maddii bakka aarri konkolaataa itti heddumatu oolan, guyyaa guyyaan qurunfudii akka sooratan gorsan, keessattu namoonni hojii sibilaa dalagan qurunfudii akka sooratan gorfamu jedhu.

Mi'eessituun kun qorraa fi infiluweenzaa ittisuudhaan gurra, funyaaniii fi qoonqoofis faayidaa qaba.

Qurunfudiin zayita 'eugenol' jedhamu, kan akka farra-infiluweenzaa fi farra- jarmii ta'e of keessaa qaba.

Gabaabumatti, qufaa, rakkoo biroonkaayitii fi infiluweenzaa wayyeessuu oola. Sababa amala farra-baakteeriyaa qabuun gubaatii qaamaa hir'isuufis ni gargaara.

Wal'aansa dhukkuba sirna hargansuu baakteeriyaatiin dhufuufis qabiyyee gargaaru of keessaa qaba.

Qurunfudiin shaayii waliin dhuguun ni danda'ama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qurunfudiin shaayii waliin dhuguun ni danda'ama

Fayyaa afaanii

Qurunfudii dhukkuba dirinyii ilkaanii sababa qulqullina afaanii eeggachuu dhabuurraa maddu ofirraa ittisuuf ni gargaara.

Qurunfudii alanfachuu ykn shaayii wajjin danfisanii dhuguun ni danda'ama.

"Hirdii fi jinjibila waliin walitti dabaluudhaan soorachuun dhukkubbii hir'isuuf gaariidha," jedhu oggeessi fayyaa kun.

Bullaa'insa soorataaf

Ogeeyyiin dhimma soorataa kun, guyyaatti qurunfudii lama soorachuun bullaa'insa nyaataaf gaariidha jedhu.

Bullaa'insa soorataa garaacha keessatti ni fooyyessa, inzaayimoota bullaa'insa soorataas ni daddammaqsa.

Fedhii saal-qunnamtii dabaluu

Qurunfudiin rakkoo walqunnamtii saalaa hir'isuudhaaf qoricha gaariidha, fedhii walqunnamtii saalaa namootaa ni dabala.

Attamiin fayyadamuun danda'ama?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qurunfudiirraa faayidaa argachuuf haala adda addaatiin qopheessuun itti fayyadamuun ni danda'ama akka oggeessa sirna soorataa kanaatti.

Fakkeenyaaf tumuudhaan bishaan danfeetti naquun daqiiqaa shaniif akka turu taasisanii dhuguun ni dana'ama.

Akkasumas akka shaayitti erga danfisameen booda daqiiqaa 15'f akka qabbanaa'u taasisuun dhuguun ni danda'ama.

Qurunfudii tumamaa bishaanitti makuudhaan guyyaatti yeroo lama ykn sadii fudhachuun fayyinaaf murteessaadha jedhu ogeessi kun.

Kana malees, haala zayitaatiin qophaa'udhaan qaama ykn gogaa miidhame irratti dibuun akka faayida qabu himu.

Qurunfudiin faayidaa fayyina namootaaf qabuun maddiittis, nyaannii fi kuduraalee akka osoo hin badiin turu gochuun ni oola jedhu.

''Qurunfudiin kiloo tokkoo waan yeroo dheeraaf akka turu barbaaddan kiilogiraama 100 akkuma jiruutti yeroo dheeraa tursiisuuf ni gargaara. Sirna nyaataa-qonnaa yeroo dheeraadhaaf tursiisuuf ni gargaara'' jedhu Dr Maatiwu Toboos.

Walumaagalatti, qurunfudiin qabiyyee infekshinii ittisu, kaansarii ittisu, dhukkubbii hir'isu, fedhii saalqunnamtii kakaasu, kan foolii badaa balleessuu, sirna bullaa'insa nyaataa si'eessuu, maashaalee dadammaqsuu fi dadhabbii ittisu, dhiibbaa dhiigaa gadi buusuu akkasumas bookee buusaa fi ilbiisota kaan ittisuf gargaaruudha.

Qurunfudii tumamaafi ijasaa

Madda suuraa, Getty Images

Of- eeggannoo barbaachisan

Rakkoo fayyaa armaan oliitti kaafaman wal'aanuuf qurunfudiitti gargaaramuun dura hakiima mariisisuun ni gorfama.

Qorichoota kan akka qoricha dhibee sukkaaraa (antidiabetics) wajjiin walitti dhufeenya qabaachuu danda'a.

Qurunfudii garmalee baayyisanii soorachuun fayyaa namaa miidhuu danda'a. Gogaa namoota muraasa rifaasisuus danda'a, rakkoo sirna nyaataas uumuu danda'a.

Akkasumas, yoo garaachi keessan madaa yoo qaba ta'es qurunfudii soorachuun baayyee hin gorfamu.

Kana malees, dubartoonni ulfaa, dubartoonni harma hoosisanii fi daa'imman umriin isaanii waggaa 6 gadii qurunfudii akka hin sooranne gorfamu.

BBC

Odeessaalee biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.