Sukkaara fayyadamuu dhiisuun dura qabxiilee ijoo hubatamuu qaban

Sukaara fallaana waliin

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dhiheenya kana keessa dargaggoonni hedduun sukkaara baayyinaan fudhachurraa of qusataa dhufaa jiru.

Kunis sababoota hedduurraa ka’a. fakeenyaaf, jijjiirama haala jireenyaa fi sorata kaarboohaayideetii xiqqaa qaban gargaaramurra kan ka’e ta’uu danda’a.

Akkasumas , tarii sababni ijoon balaa sukkaara baay'isuun fayyaa keenyarratti fidu ta'uu danda'a. Sukkaara xiqqeessanii gargaaramuun faayidaa qaba.

Hamma kaalorii soorata soorannuu hir'isuun ulfaatina qaamaa hir'isuuf kan gargaaruu yoo ta’u, fayyaa ilkaanii eeguufillee ni fayyada.

Kaarboohayidireetii sukkaara dabalate waa heddurraa arganna, sukkaarri uumamaan soorata akka firuuktoosii pirootiinirraa argamu fi laktoosii aannanirraa argamu keessatti ni argama.

Ogeessi fayyaa waliigalaa Dr. Abdirahmaan Dhiblawe BBC'tti akka himanitti, sukkaara hanga gorfame ol fayyadamuun ulfaatina qaamaa dabaluu danda'a.

''Furdina garmalee qabaachuun dhukkuboota hedduuf nama saaxila, dhukkuboonni akka sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, dhukkubbii buusaa sababa furdina garmaleerraa maddee fi dhukkuba onnee nama saaxila,'' jedhan.

Qaamni keenya sukkaara barbaadaa?

Sukaara maakiyaatootti yoo naqamu

Madda suuraa, Getty Images

"Waanti ijoon qaamnif hangamitu barbaachisu isa jedhu. Qaamni keenya sukkaarri hin barbaachisu jechuu hin dandeenyu, sammuun keenya sukkaaratti ni fayyadama.

''Qaamni sukkaara yoo hin qabaanne sammuun keenya pirootiinii fi cooma irraa sukkaara tolfata. Kanaaf sukkaara qaamaaf barbaachisaa ta'us hammi hayyamamu yeroo hunda daangeffamadha,'' jedhu.

Sukkaara idilee(adii), shaayii, bunaa fi wantoota biroo irratti dabaluu dhiisuu qabnaa?

"Sooranni keenya irra caalaan isaa sukkaara irraa kan tolfame ta'uu namoonni ni dagatu. Yoo isa qofaayyuu soorataan sukkaara baay'ee qaba," jedhu.

Gosti sukkaara qaamni keenya hojii isaa hojjechuuf barbaadu gilukoosii jedhama. Doktooronni akka jedhanitti qaamni keenya anniisaa guddaa gilukoosii irraa argata.

Garuu qaamni nyaata akka coomaa, pirootiinii fi kaarboohayidireetii caccabsuun uumamaan kana waan hojjatuuf nyaata keessan irratti gilukoosii dabaluun hin barbaachisu.

Faayidaa sukkaarri qaamaaf qabu

Foon

Madda suuraa, FINMAIL

Sukkaarri sammuu keenyaaf akkuma barbaachisaa ta’e qaamaaf faayidaa biroo qaba.

“Anniisaa irraa arganna, ni deemna, sammuun keenya dammaqaa ta’a” jedhan hakiimni kun.

Sukkaarri miira gammachuu nama tokkoo ni dabala, akkuma hakiimni jedhe, qaamni anniisaa irraa argata.

Namni tokko dhiphinni yommuu itti dhagahamu sukkaarri miira sana jijjiiree gammachuu akka argamsiisu doktooronni ni dubbatu. Sukkaarri qaama qulqulleessuufis kan oolu yoo ta'u, gogaa du'e qaama irraa kaasa.

Hariiroo sukkaaraa fi dhukkuba sukkaaraa gidduu jiru

Dhiiga yoo fudhattu

Madda suuraa, Getty Images

Namoonni sukkaara baay'inaan sooratdhukkuboota akka dhukkuba sukkaaraa, dhukkuba onnee, fi kaansariif saaxilamu...garuu sukkaara qofaan kan dhufu ta'uu dhiisuu danda'a.

Dr. Diblawey akka jedhanitti, wantoota biroo hedduun dhukkuboota kana fiduu danda'u.

"Dhukkubni sukkaaraa karaa hedduudhaan kan mul'atu yoo ta'u, kallattiin sukkaaraan kan dhufu miti.

Dhibeen sukkaara dhalootaan dhufuu danda'a. Sooranni ulfaatina nama tokkoo yoo dabale dhangala'aan insuliinii maddu ni hir'ata," jechuun ibsan.

Dhukkubni sukkaaraa gosa lama qaba. gosa 1ffaa fi 2ffaa qaba.

Akka hakiimonni jedhanitti, gosti dhibee sukkaara 1ffaan sukkaara idilee soorachuun kan dhufu osoo hin taane, qaama insuliinii oomishu, wanta sukkaara to'atu rajiijii keessatti argamu, kan sirna ittisa qaamaatiin dhabamsifamuun walqabata.

Garuu gosti 2ffaan sukkaara baay’ee kallattiin ykn nyaataa fi dhugaatii nuti gargaaramnu kan dhufu ta’uu danda’a.

Sukkaara yeroo dhiiftu maaltu ta'a?

Namoonni sukkaara dhuguu dhiisan dhukkubbiin mudachuu mala. Isaan keessaa mataa dhukkubbii, dadhabbii ykn jijjiirama miiraa fa’aa dabalata.

Sababni isaas jijjiirama sammuu nuti dubbanneen walqabata.

''Humna dhabuu, hubannoon xiqqaachu, gammachuu dhabuu, dafqa baay'ee si mudata,'' jedhan.

Sukkaarri dhiibbaa kana fidu sukkaara idileeti, sukkaara namtolchee nyaata keenya keessatti argamudha.

Namni hundinuu sukkaara gargaaramuu dhiisuu danda'aa?

Dr Abdirahmaan Dhiblaawe akka jedhanitti, namoonni sukkaara baay'ee fayyadaman ni jiru, garuu isaan hin miidhu.

"Ummanni keenya baay'inaan baadiyyaa jiraatu. Tarii Shaayiitti sukkaara baayyisanii dhuguu malu, garuu baay'ee deemu," jedhu.

Namoonni, dheerinaafi ulfaatina isaanii ilaallatanii, sukkaara hir’isuun barbaachisaa ta’uu fi dhiisuu hakiimaan mariyachuu akka qaban gorsaniiru.