Dhibeen sukkaaraa maali?, akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?

Madda suuraa, Getty Images
Dhibeen sukkaaraa (Diabetes) dhukkuba hamaa waggaatti namoota miliyoona tokkoo ol ajjeesaa jiru, kan namni kamuu ittiin qabamuu danda'udha.
Dhibeen kun wayita qaamni namaa sukkaara (gilukoosii) dhiiga keessa jiru caccabsuu dadhabu, hammi sukkaaraa dhiiga keessatti yoo baay'atu kan uumamudha.
Dhukkuba onnee tasaa, istirookii, ijji jaamuu, kaleen hojii dhaabuu fi harki ykn miilli namarraa akka citu dabalatee rakkoolee fayyaa hedduu namatti fiduu mala.
Wayita ammaa rakkoo fayyaa addunyaa irratti hammaachaa jirudha. Addunyaarratti namoonni miliyoona 422 ta'an dhibee sukkaaraa (diabetes) waliin akka jiraatan tilmaama. Lakkoofsi kun bara 1980 kan turerra dachaa afuriin dabaleera jedha WHO.
Rakkoon dhibeen kun namarratti fidu hamaa ta'us, namoonni dhukkubicha qaban walakkaan ofirratti hin beekan.
Dhukkuba kana haala jireenyaa jijjiiruun qofa ofirraa ittisuun ni danda'ama. Akkamiin yoo jettan kunooti:
Dhibee sukkaaraa maaltu fida?
Wayita nyaata nyaannu qaamni keenya kaarboohaayidireetii caccabsee sukkaara (gilukoosii)tti jijjiira. Hoormooniin insuliinii jedhamu rajiijii keessatti omishamu seelonni qaama keenyaa humna argachuuf sukkaara kana akka xuuxan ajaja kenna.
Dhibeen sukkaaraa kan uumamu wayita hormooniin insuliin jedhamu kun omishamuu dhabu ykn sirnaan hojjechuu hanqatudha. Kun sukkaarri dhiiga keenya keessatti akka kuufamu godha.

Madda suuraa, Getty Images
Gosootni dhibee sukkaara maal fa'i?
Gosoota dhibee sukkaaraa hedduutu jira.
Dhibee sukkaara gosa 1 kan jedhamu wayita rajiijiin insuliinii omishuu dhaabu, gilukoosiin ykn sukkaarri dhiiga keessatti yoo kuufamu kan uumamudha.
Kuni maaliif akka ta'e saayintiistonni deebii sirrii hin qaban garuu qaccee sanyiin walqabachuu hin oolu ykn ammoo infeekshinii rajiijiin insuliinii akka hin omishne godhuun dhufuu mala jedhu.
Namoota dhibee sukkaara qaban keessaa dhibbeentaa 10 kan ta'an gosa 1 kana qabu.
Dhibee sukkaara gosa 2 kan jedhamu ammoo wayita rajiijiin insuliinii gahaa omishuu dhabu ykn hormoonichi sirnaan hojjechuu wayita hanqatudha.

Madda suuraa, Getty Images
Gosti 2 kun yeroo hedduu kan mul'atu ga'eessotaa fi namoota dullooman irratti yoo ta'u, dargaggeeyyii furdina qaamaa akka malee qaban, kanneen irra hedduu taa'anii dabarsan fi namoota saba murtaa'ee keessaahuu Kibba Eeshiyaa irraatti ni hedduummata.
Dubartoonni ulfaa sababa hammi insuliinii rajiijiin isaanii omishu isaaniifi mucaa isaaniif gahaa ta'uu dhabuurraa kan ka'e gosa dhibee kanaan qabamuu danda'u.
Qorannoowwan adda addaa akka agarsiisanitti dubartoonni ulfaa dhibbeentaa 6 hanga 16 gahu dhibee sukkaara wayita ulfaa uumamee erga dahaniin booda baduun ni qabamu.
Dubartoonni kun hamma sukkaasaa qaama isaanii keessa jiru nyaataan, sochii qaamaan, insuliinii dabalataa fudhachuun akka dhibee gosa 2tti hin guddanne to'achuu qabu.
Mallattooleen dhibee sukkaaraa maali?

Madda suuraa, Getty Images
Mallattooleen dhibee sukkaaraa baratamoon:
- baay'ee dheebochuu
- yeroo kaanirra baay'ee fincaa'uu, keessaahuu galgala
- baay'ee dadhabuu
- ulfaatina qaamaa akkanumaan hir'isuu
- infeekshinii afaan keessatti uumamu, deddeebi'ee dhufu
- qulleessanii ilaaluu dhabuu
Akka tajaajilli fayyaa biyyaalessaa Biriitish (NHS) jedhutti mallattoon dhubee sukkaara gosa 1 kan mul'atu umurii ijoollummaa ykn ga'eessummaa irratti mul'atuu eegalee hammaachaa deema.
Namoonni gosa dhibee sukkaaraa 2 kanaaf caalatti saaxilamoo ta'an kanneen umuriin isaanii ganna 40 ol ta'an, fira ykn maatii dhibee sukkaara qaburraa kan dhalatan, ulfaatina qaamaa guddaa kan qaban akkasumas sanyiin isaanii Kibba Eeshiyaa, Chaayina, Afro-Kariibiyaan ykn ammoo gurraacha warra ta'anidha.
Dhibee sukkaaraa ittisuun ni danda'amaa?
Dhibeen sukkaaraa qaccee sanyiin ykn ammoo sababoota naannoon wal qabataniin dhufuu mala garuu ammoo namni tokko hamma sukkaaraa qaama isaa keessa jiru nyaata fayyaa qabeessaa fi haala jireenyaa si'ataa ta'een to'achuu danda'a.

Madda suuraa, Getty Images
Nyaata warshaa keessatti omishame (processed food) dhugaatii mi'aawoo fi daabboo qamadii ykn paastaa hir'isuun ykn dhiisuun tarkaanfii isa jalqabaati.
Nyaatni fayya qabeessi kuduraa fi muduraalee, nyaata midhaanii, zayita fayyaaf gaarii ta'an, gosoota qurxummii zayita qaban fa'i.
Garaagarummaa sa'aatii wal-fakkaataan nyaachuu fi yoo quufan nyaachuu dhaabuu.
Ispoortii fi sochiin jabina qaamaa hamma sukkaaraa dhiiga keessa jiru xiqqeessuuf nu fayyada. Ogeeyyin torbeetti sochii ispoortii sa'aatii 2 fi daqiiqaa 30 gorsu.

Madda suuraa, Getty Images
Ulfaatinni qaaama kee xiqqeessuun hamma sukkaara qaama ke keessaa gadi buusuuf si gargaara. Torbanitti .0.5kg hanga 1kg hir'isuun gaariidha.
Akkasuma sigaaraa xuuxuu dhiisuu fi hamma kolostiroolii dhiiga keessaa xiqqeessuun dhibee onnee xiqqeessuuf gargaara.
Dhibeen kun dhibee biroo akka qaroo dhabuu, istirookii, kalee fi dhibee onneef nama saaxiluu danda'a.
Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa akka jedhetti bara 2014 keessa adunyaarraa lakkoofsi namoota dhibee sukkaaraan qabamanii miliyoona 422 gaheera.















