Talaallii ittisa kaansarii gadameessaa eenyutu fudhachuu qabaa? Hangamis amansiisaadha?

Itoophiyaatti mucaan wayita talaallii HPV fudhattu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaan biyyoota Afriikaa talaallii HPV kennan keessatti tokko

Qorannoon haaraa bahe tokko dubartoonni talaallii HPV fudhatan carraan kaansanii gadameessaatiin qabamusaanii %90n akka hir'isu mul'ise.

Kaansariin gadameessaa mudaawwan fayyaa dubartoota miidhu keessaa sadarkaa 4ffaa irratti argama.

Waggaadhanis sababii kaansarii gadameessaa kanaatiin dubartoonni kuma 300 akka du'an tilmaamama.

Talaalliin HPV attamiin kaansarii gadameessaa irraa dhorka?

Talaalliin HPV dhukkuboota HPV gosawwan garaa garaa sagal ni ittisa. Isaan keessaayis kaansarii gadameessaa, kaansarii qaama wal hormaataa fi kaansariin mormaa ni eeramu.

Qorannichi akka jedhuutti, talaalliichi yoo xinnaate waggoota 10 HPVn dhukkubichaan akka hin qabamneef ni ittisa. Oggeessuun garuu talaallichi waggoota kudhaniin oliif illeen ittisu akka danda'u amanu.

Qorannoo sadarkaa olaanaatti hojjatame tokko akka jedhuutti, talaalliin kun carraa kaansarii gadameessaan qabamu %90n ni hir'isa.

Talaalliin kunis bara 2008 irraa kaasee biyya Ingliizii keessatti ijoollee shamarraniitiif kennamu kan eegale yoo ta'u, qorannoon kunis kan hojjatamee ragaadhuma biyya Ingiliizi keessaa walitti qabameen.

Talaallii fudhachu kan qabu eenyu?

Ijoolleen guddattoonni dhiiraafi shamarranii osoo HPV'f hin saaxilamiin dura talaaliicha akka fudhatan gorfama.

Kanaafuu dargaggoonni osoo quunnamtii saalaa raawwachuu hin eegaliin dura talaallii kana fudhachu qabu jechuudha.

Talaallichi hojjachuu kan danda'u yoo namni talaalame sun vaayirasichaaf hin saaxilamiin dura ta'e qofaadha. Nama tokkicha vayirasichaan qabame fayyisuun ammoo hin danda'amu.

HPV maaliidhaa?

HPV kunis 'Human papillomavirus' jedhamuun beekama. HPVn gosawwan vaayirasii 100 ol kan qabu yoo ta'u, yeroo baayyees namni vaayirasii kanaan qabame mallaattoo hin agarsiisu.

Yeroo tokko tokko garuu miila, harka, qaama wal hormaataa ykn afaan keessatti dhiitoon mul'chu danda'a.

Namoonni baayyeen osoo akka vaayirasichaan qabame hin baramiin dura qaamnisaanii vaayirasicha ittisa.

Gosti vaayirasii HPV miidhaa olaanaa qaqabsiisus, guddina seelii irratti miidhaa qaqabsiisuun alatti kaansariif nama saaxila.

HPV quunnamtii saalaatiin daddarbaa?

Namoonni haaluma salphaatiin vaayirasichaaf saaxilamu. Namaa namarraas tuxuqqaa gogaa qaamaatiin ni dadarba.

Namoonni gara %80 ta'anis vaayirasichaaf kan saaxilaman umurii gara waggaa 25tti.

Haata'u malee karaa sababii dhangala'aa quunnamtii saalaatiin namarra gara namaatti kan darbu waan hin taaneefu, akka dhukkuboota quunnamtii saalaa kan biraa karaa quunnamtii saalaatiin dadarba jechuun ni rakkisa.

Haata'u malee irra jireessaan karaa tutuqqaa qaamaa wayita quunnamtii saalaa raawwatamuun dadarba.

Talaalliin HPV hanga argamaadha?

Talaallii HPV

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhuutti, irra caalaan dubartoota kaansarii gadameessaatiin du'anii kanneen biyyoota galiin gadaanaa fi jidduu gala ta'e keessa jiraataniidha.

Biyyoota kanneen keessattis haalli hordoffii fayyaa cimaan waan hin jirreeffuu hanga sadarakaa cimaa irra gahamuutti kaansariin gadaameessaa hin beekamu.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hanga bara 2030tti vaayirasii kana addunyaa irraa gutummaa gutuutti balleessuuf karoora akka qabate bara darbe beeksiisee ture.

Itoophiyaa dabalatee biyyoota gara 100tti siqan keessattis talaallii kana argachuun ni danda'ama.

Ragaa hanga bara 2020tti walitti qabameen, biyyoonni guddatan kanneen %80 ta'an talaallicha yoo dhiyeessan, haalli kun biyyoota guddachaa jiran keessatti gadaanaadha.

Fakkeenyaaf biyyoota galiinsaanii jidduugala %30 fi biyyoota diinagdeen gadaanaa %25 qofaatu talaallicha qaba.

Afriikaan biyyoota dubartoonni hedduun keessatti kaansarii gadaameessaatiin qabaman keessaa sadarkaa lammaaffaa irratti argamti. Dhukkubni kaansarii gadaameessaa kunis ardittii keessatti dhiibeewwan namoota baayyee ajjeessan keessa tokko.

Haala gahaa ta'een qorannoon kaansarii gadaameessaa dursaan taasifamu dhabuun sababii isa duraati jedhama.

Wallaansa argachuun baayyee rakkiisaa ta'usaatiin alatti talaallii HPV fudhachuuf hayyamamoo ta'u dhabuunis ni mul'ata.

Jaappaan keessatti ijjoollee talaallii kana argachu qaban keessaa kan talaalaman %0.1 qofaadha.

Ruwaandaani bara 2011tti ijoolleen shamarranii talaallii HPV akka fudhataniifi qorannoo kaansarii gadameessaa dursaa akka taasisaniif duula biyyaaleessaa taasisuun Afriikaa keessaa biyya kanneen duraa keessaatti argamti.

Duulichi eegalamee waggaa tokko keessattis dubartoota 10 keessaa 9 talaaluun danda'ameera. Kanaanis Ruwaandaan biyyoota kaanifilleen akka fakkeenyaatti eeramti.