Saayinsii: Qorannoon dhiigaa si'a tokkootiin akaakuu kaansarii 50 ol adda baasu argame

Ogeessa fayyaa qorannoo dhiigaa taasisaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Osoo mallattoon kaansarii tokkollee hin mul'atiin dura qorannoo dhiigaa baayyee haala salphaa ta'een gaggeeffamuun akaakuuwwan kaansarii 50 ol adda baasuun akka danda'ame qorattoonni beeksisan.

Kana waan ta'eef qaama keessatti seelota kaansarii nama qabsiisuu danda'an osoo sadarkaa jalqabaarra jiranii adda baasuu ni dandeessisa jedhameera.

Ogeessonni akka jedhanitti, argannoon qorannoo kun dhibee kaansarii yeroodhaan wallaanuuf, akkasumallee fayyisuufillee abdii akka uumeera.

Gareen hojii qorannoo kana irratti hirmate akka eerutti, bu'aan qorannoon argame kun bu'aawwan qorannoo kaansarii agarsiisan harka dhibba keessaa 99 ol sirri ta'uu isaa hubataniiru. Hata'u malee, bu'aan isaa dogogora akka hin qabaanneef mirkaneessuu ni barbaachisa jedhameera.

Hakiimonni qorannicha dhukkubsatoota irratti yaalaa kan jiran yoo ta'u, qorannoo dabalataa akka barbaachisu ammoo barruun wallaansa kaansarii irratti hojjetu ibseera.

Qorannoon kun seelota kaansarii fidan irra darbee qaccee sanyii hidda dhiigaa keessa jiran keessatti jijjiiramoota keemikaalaa uumaman kan qoratudhaa.

Qorattoonni dhaabbilee qorannoo gara garaa keessaa babbahan namoota kaansarii qabaniifi hin qabne 4,000 ol ta'anirraa saamuda fudhachuun ture qorannoo kan gaggeessan.

Yeroo yaalii qorannoo kana keessattis kaansarii marrumaanii, sombaafi gadameessaa dabalatee akaakuuwwan kaansarii 50 ol hirmaachiseera.

Yaaliin qorannoon kan irratti taasifame keessaa harka dhibba keessaa 96 kan ta'an irratti bu'aan qorannoon argame sirriidhumatti gosa kaansarii jiruu kan agarsiise akka ta'e himameera.