Qorannoo fincaaniin kaanserii fiixee gadameessaa baruu

Madda suuraa, Kuusaa saayinsii
Dubartootni meeshaa xiqqoo muka fakkaattuun dhibee kaanserii fiixee gadameessaa sakkatta'amuu hin barbaannee fi kanaanis mufatan amma fincaan isaanii irraa baruu akka danda'an qorannoon ifoomse.
Yaaliin qorannoo fincaanii vaayirasii dhibee kaanserii gadameessaa fidu HPV adda baasuu akka danda'u himame.
Yaaliin dabalataa kan barbaachisu tahus qorattotni ofumaan qorannoo gaggeessuun amma argame dubartootaaf boqonnaa haaraadha jedhan.
lakkoofsi dubartootaa qoranno kaanserii fiixee gadameessaa waan akka muka fakkaattu qaama saalaa keessa galuun taasifamuuf deeman isa yeroo kamii iyyuu caalaa gadi bu'eera.
Akka ragaan NHS agarsiisutti lakkofsi dubartoota sakkatta'insicha taasisanii gara 71%tti gadi bu'eera kana jechuun dubartootni miiliyoonota tahan waggoota sadii fi walakkaaf qorannoo kana hin taasifne jechuudha jedha.
Qorannoon [Smear tests] jedhamu dhibee kaanserii akkanaa 75% ittisuu danda'a. Haa tahu malee tajaajilichi dubartootaaf mijataa fi gammachiisaa miti.
Qorannoon kun kaanserii gadameessaa jalqabuma yeroo guddinni seelotaa fayyaalesuummaa isaa gadhiisu adda baasuu danda'a.

Madda suuraa, Getty Images
Dubarootni umurii 25-64 jiran qorannicha gaggeessuun dursanii kaanserii ittisuuf akka gargaarus ragaan kun ni hima.
Namootni bebbekamoonis dubartootni qorannoo [smear test] jedhamu waan akka mukaa fakkaatuun gaggeeffamu irratti akka hirmaataniif jajjabeessanis saayintistootni ammoo haala mijataa dubartootni ittiin yaalamuu danda'an irraatti hojjechaa jiru.
Jalqaba dubartootni dhangala'aa qaama isaanii keessaa bahu hordofuun mallattoo isaa adda baasuu akka danda'an himamus qorannoon yuunvarsiitii Maanchister keessatti gaggeeffame ammoo fincaan isaanii irraa adda baasuun akka danda'amu eere.
Kun argannoo guddaadha kan jedhan qorattootni akkuma qorannoo meeshaa [ smear test] sanatti bu'aa qabeessadhas jedhan.
Kanaan dura UK keessatti duula dubartiin Jade Goody jedhamtu gaggeessiteen lakkoofsi dubartootaa qorannicha gaggeessanii gara 400,000tti akka guddatu taaisee ture.
Amma garuu deebi'ee xiqqaatee jira. Kun ammoo haala tooftaa sakatta'insichaa akka tahe qorattotni himanii kanaaf fala kan tahu qorannoo fincaanii mana keessatti dubartootni gaggeessuu danda'anidha jedhan.














