Ingiliiz: Namtichi HIV'dhaan dhibamaa ture seelii haaraa argachuun fayye

Madda suuraa, Getty Images
Namticha lammii UK tahe tokko irratti erga seeliin nama biraa yaaliidhaaf isaaf kennamee booda, mallattoon HIV mul'atee hin beeku.
Taateen akkanaa yeroo lama qofa mudatee jedhan dookteroonni yaalii kennaafii turan.
Magaalaa Landan keessatti dhibee kaanseriin qabamee yaalamaa namni ture kun amma ji'oota 18 oliif HIV irraa bilisa waan taheef kana booda waan dawaa fudhatu miti jedhan.
Ogeessonni adeemsichi dhukkubsatoota kaan yaaluuf kan gargaaru tahuu baatus, guyyaa tokko dhibee kanaan namoota qabaman fayyisuun ni danda'ama taha jedhan.
Namtichi lammii UK kun bara 2003 ture dhibee HIV dhaan akka qabame kan sakatta'amee bare.
Bara 2012 ammoo dhibee kaanserii xannachoota hubuun qabame. Ogeessonnis namticha kana yaaluuf jecha seelii [stem cell] jedhamu nama biraa irraa argate qaama isaa keessa galchaniifii ture.
Seelii kana erga fudhatee booda dhibeen kaanseriis tahe HIV deebi'ee akka irratti hin mul'anne dubbatan.
Taateen akkasii kun yeroo lammaffaaf kan mudate yoo tahu waggoota 10 dura Jarman magaalaa Berlinitti namticha dhibee HIV'dhaan qabamee booda buusaa lafee gumaachaan argatee fayyee ture.
Namtichi yaalii lafeedhaaf dhuka lafee gumaachaan argate buusaan gumaachameef humna ittisaa cimaa waan of keessaa qabuuf akkasuma fayyuuf carroomeera.
Barreessaan qorannichaa piroofeesar Raavindraa Guptaa dhukkubsataan Timotii Biraawon jedhamu nama jalqaba HIV mo'ate jedhanii haalli yaalii hordofame dhukkubicha deebisee balleessuu danda'eera jedhan.
Haa tahu malee sana booda yaaliin cararlaa waan kennameef kun ammoo yaalicha hammataa taasisa jedhan.
Kanaafuu haala kanaan yaalanii fayyisuun namtichi akka faayyalessa tahee jiraatu hin taasisu jedhanii namootni lamaan kunneen garuu bifa mul'atee hin beeknen fayyuu isaanii himan.

Argannoon kun waan ajaa'ibsiisaa tahus namoota adunyaa miiliyoonota tahan HIV'n dhiiga isaanii keessa jiru yaaluuf garuu yaalii haaraa miti jedhan.
Teeraappiin kennamaafii ture dhibee kaanserii yaaluuf malee HIV mitis jedhan.
Haa tahu malee namootni HIV dhiiga isaanii keessa jiru umurii dheeraa jiraachuu danda'u jedhan. Bu'aan amma argame garuu ogeessotatti kallattii namoota HIV irraa fayyisuun danda'amu irratti karaa agarsiisa jedhan.
Seelonni [stem cell] jedhaman humna vaayiresicha ofirraa ittisuu qabu. namootni seelota akkasii qaban garuu baay'ee muraasadha.
Kanaaf jedhu hayyootni yaalii fi qorannicha irratti hundaa'an yaalii ykn terappii karaa sanyii gaggeessuun furmaata tahuu danda'a edhan.
Namoota fayyan jedhamanis hanga xumuraatti hordofanii sakatta'uun akka barbaachisu himaniiru.














