''Nama 1,000 Oromiyaa jiru keessaa 7 keessatti vaayirasiin HIV argama''

Rivaanii HIV Eedsii

Madda suuraa, FAROOQ NAEEM

Hubannoon dhaloonni haaraa tatamsa'ina HIV irratti qabu gadi'aanaa ta'u isaa qondaalli ittisa HIV Oromiyaa BBC'tti himan.

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti Qindeessaa Sagantaa Dadammaqqinsa ummataafi Ittisa HIV Obbo Lammaa Dassuu rakkoon kuni xiyyeeffanoo dhabuu dhukkubicha irraa madde jedhan.

''Hubannaan dhaloota booda kanaa baay'ee gadi bu'aadha. Namni baay'ee dhume, daa'ima bakkeetti hambise dhaloota arge miti dhaloonni amma dhufe.''

Kunis rakkoowwan ijoo ittisa HIV waliin walqabatee gufuu itti tahe akka jiru himaniiru.

Dabalataanis, ''rakkoo maallaqaatu jira jedhu.'' Deeggarsi mootummaas tahe xiqqaadha, dhaabbileen gargaarsaa hedduu immoo erga namni qabame booda gargaarsa kennu jedhaniiru.

Kunimmoo tarsiimoo Itoophiyaan hordoftuufi dursanii ittisu waliin wal hin simu.

Sadaffaa immoo kaka'umsi miidiyaa, hawaasaas ta'e qaamolee mootummaa waa'ee dhukkubicha ittisuuf taasifamu xiqqaachuu isaati jedhu qondaalli kuni.

Walumaa gala garuu, akka qondaalli kuni jedhanitti lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamaa jiran gad-hir'ataati jira.

''Yeroo ammaa tatamsa'inni (HIV) dhibbantaa 0.7 irra jira. Kunis nama 1,000 keessaa nama torba jechuudha,'' Jedhu.

Haa ta'u malee, carraan HIV deebi'e ol ka'u danda'a jiraachuu agarsiistuuwwan akka jiru Obbo Lammaa himu. Kanaaf immoo sababni, hojiin ittisuuf hojjetamaa jiru laafaa waan ta'eefi.

Carraa dargaggoonni saalqunnamtiif saaxilamu akka Oromiyaas akka biyyaas guddachaa akka jiru qorannoon agarsiisa jedhu qondaalli kuni.

Haa ta'u malee, ''Saal qannumtiif kan saaxilaman guddachaa jiraachuu faallaan immoo kan dhiiga ofii baruuf qorannoo taasisaniifi kondomii fayyadamuun xiqqaachaa dhufuun carraa HIV deebi'e ka'u akka jiru haalli sodaachisu nijira,'' jedhaniiru.

Yeroo ammaa HIV ittisuuf dubartoota mana bunaa hojjetanitti ''tamsa'inni dhibbantaa 23-25 waan ta'ef'' isaan irratti xiyyeeffannana hojjetamaa jira.

Dabalataanis, konkolaachistoota karaa dheeraa oofan, hojjettoota humnaa warshaa adda addaa keessa hojjetan, barattoota galgala baratan, akkasumas daa'imman maatiin irraa du'e irratti xiyyeffannaan hojjetamaa jira jedhaniiru.