'Anti-body' yookan farra qaama alagaa haaraan Vaayirasii HIV %99 ajjeesa

HIV

Madda suuraa, SPL

Ibsa waa'ee suuraa, Qorattoonni farra qaama alagaa/'anti body' cimaa argatan

Saayintistoonni farra qaama alagaa yookan 'anti-body' vaayirasii HIV dhibbeentaa 99 waraanuu fi mudannoo faalamaa ittisuu danda'u uumanii.

Vaayirasichi dandeettii qaamni keenya uumamaan dhukkuba ofirraa ittisuuf qabu ni dadhabsiisa. Farri qaama alagaa yookan 'Anti-body'n kun garuu kan qaamni namaa maddisiisu caalaa humna qaba.

Hojiin kun wal ta'iinsa Inistitiyuutii Fayyaa Biyyaalessaa Ameerikaa fi kaampaanii meeshaalee fayyaa omishu Saanoofiin kan hojjetame dha.

Waldaan Gargaarsaa Adduunyaas, kun ''injifannoo baayyee nama jabeessudha'' jedheera. Dandeettii fayyisuu fi ittisa faalamaa isaa hubachuufis, bara 2018 tti yaaliin namoota irratti ni eegala.

Vaayirasiin HIV dandamannaa cimaa waan qabuu fi waan gegeeddaramuuf, qaamni keenya ofirraa ittisuuf ni rakkata.

Farra qaama alagaa olaanoo

Miidhama waggoota hedduun booda, dhukkubsattoonni muraasni farreen qaama alagaa/anti bodies/ vaayirasii HIV dadhabsiisuun ajjeesuu danda'an horatu.

Qorattoonni ''anti body''wwan HIV dadhabsiisuun wal'aanuuf yookaan ammoo faalama hambisuuf itti fayyadamaa turan.

Alana ammoo 'anti boody' ykn farreen qaama alaagaa sadii waliiti fiduun, ''anti body'' cimaa tokko kalaquu danda'aniiru.

Qondaalli olaanaa saayinsii dhaabbata Saanoofii Dr Gireey Naabel, BBCtti akka himetti, ''Hanga yoonaatti kalaqawwan uumama irratti hundaa'uun argaman hunda caalaa humna guddaa fi bal'ina qaba.''

Yaaliin qamaloota 24 irratti taasifame akka mul'isutti, kanneen dursa wal'aansi argame keennameef hundinuu vaayirasichaan waraanaman illeen tokkoon isaaniiyyuu hin faalamne.

''Sadarkaa eegumsa fayyaa baay'ee nama ajaa'ibsiisudha,'' jedhan Dr Naabel.

''Baay'ee namatti tola''

Piroofeesar Liindaa-Geeyil Beekker, pireezidaantiin Waldaa gargaarsa Adduunyaa BBC'tti akka himanitti, ''Waraqaan kun argannoo namatti tolu qabatee jira.''

''Akka dooktara Afriikaa keessaatti, argannoon kun yeroo dhihoo keessatti namoota irratti yaalamee akka mirkanaa'uuf muddamnee jirra.''