Qaaraafi irdii dabalatee mi'eessituun faayidaa fayyaa qabuu?

Madda suuraa, Getty Images
Qaaraa, irdii fi gosooti mi'eessituu kaan ''humna dhukkuba ittisuu,'' qaama keenyaa dabalatee bu'aa fayyaa baayyee akka qaban himama.
Mi'eessituun waggoota kuma tokkoo oliif qaama dhangaa keenyaa tahanii jiru- shayii keenyarratti jinjibila dabaluu irraa hanga nyaata keenya qaaraadhaan tolchuutti.
Yeroo dhihoo as garuu gosooti mi'eessituu gariin bu'aa fayyaa guddaa akka qaban himamaa jira.
Hilaarii Kiliintan yeroo duula na filadhaa bara 2016 geggeessa turte fayyaa ishee eeguuf jecha guyyaatti qaaraa tokko nyaatti jedhama.
Irdiin Eeshiyaa keessatti barootaaf nyaataaf fayyadaa ture amma kaaffee galeera. ''Laattee warqee faakkaatu'' qopheessuufis hojiirra oolaa jira.
Yeroo koronaavaayirasii ammoo akka ''sirna madiinummaa qaama keenyaa fooyyeessuun,'' dhukkuba irraa nu eegaa jedhamaa ture.
Dhuguma mi'eessituuwwan kunneen qaama keenyaaf faayidaa qabu? Miidhaan isaanii hoo maali?
Faayidaa fayyaa qaaraa
Gosti mi'esssituu bal'inaan faayidaarra oolu qaaraa dha. Qorannoowwan baayyeen akka agarsiisanitti bu'aafi miidhaa fayyaa ni qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qaaraa keessa waan kaapsaayisiin jedhamutu jira, innis moolakiwuliiwwan qaama keenya keessa jiran wajjin yeroo walitti dhufu gara sammuu keenyaatti ergaa dabarsuun miirri gubuu akka nutti dhagahamu godha.
Qorannooowwan gariin inumaa waan qaaraa keessatti argamu kuni umrii dheeraa akka jirannu gargaara jedhu.
Qorannoon bara 2019 Xaaliyaanitti geggeefame namootni torbeetti nyaata qaaraa qabu nyaatan warra tasuma hin nyaanne irraa du'aaf saaxilamuun isaanii xiqqaa dha jedha.
Bara 2015ttis akkasuma qorattoonni Chaayinaa ga'eessota biyyattii 500,000 qaaraa nyaata isaanii irratti dabalan irratti qorannoo geggeessaniin namootni kunneen du'aaf saaxilamuun isaanii xiqqaatee argameera.
Kanneen nyaata mi'eessituun guyyaa guyyaatti sooratan kanneen torbeetti al tokko qofa nyaatanirraa saaxilama du'aa %14 gad aanu qabu.
''Bu'aawwan qorannoo baayyee nyaata mi'eessituu qabu soorachuun saaxilama du'aa gad aanaa akka qabu agarsiisu. Keesumaa kaansarii, dhukkuba onnee fi qaamolee hargansuu,'' jedhan piroofeesariin sirna nayaataa Haarvaard damee barnootaa fayyaa hawaasaa, Luu Kii
Kana jechuun garuu yoo qaaraa baayyee yoo nyaachuu jalqabde yeroo gabaabaa keessattii dhukkuboota kunneen irraa si eega ykn ittisa jechuu miti.
Bu'aan qorannoo kan agarsiisuu kan namoota jireenyasaaniittii yeroo dheeraaf namoota qaaraa sooratanii dha.
Kiin nama qaaraa nyaata isaa wajjin baay'inaan sooratuuf saaxilamni dhukkubaa xiqqaachuun waan qaaraa keessatti argamu kaapsaasiin irraa kan ka'e dha jedhan. Qorannoo isaanii keessatti dhimmoota kanneen akka umrii, saala fi kaan adda baasuuni bu'aa qaaraa kanaa kan ilaaluu yaalan.

Madda suuraa, Getty Images
''Wantootni mi'eessituuwwan keessatti argaman kanneen akka kaapsaasiin metaaboolizimii qaamaa fooyyeessuu hubanneerraa,'' jedhan.
Qorannoowwan kaan akkasuma kaapsaasiin aannisaa qaama keenya keessaa gubnu akka hir'isuufi fedhii nayaata keenya akka hir'isuu agarsiisu.
Zuumiin shii Yunivarsiitii Kataaritti ogeessa sirna nyaataa namaa yoo taatu qaaraan furdina gara maleef saaxilamuu hir'isuufi dhiibbaa dhiigaa olaanaafis gaarii dha jetti.
Kana malees namoonni guyyaatti qaaraa g50 caalaa nyaatan rakkoo waan irraannfachuu qabu garuu kunneen warra ofiin muuxannoo isaanii qoodan waan tahe odeeffannichi guutummaatti amanuu dhiisuu dandeenya.
Miirri gubaa qaaraa nyaachuun booda dhufu waggooti dheeraaf saayintistoota raajefachiisaa ture. Qaaraan kan nu gubu biqiltuun kun dhukkubarraa of eeguuf jecha amala horateerraani.
''Biqilooti kunneen yeroo jijjiirama tirataa keessa darban dhukkubarraa of eeguuf hadhaa ykn gubaa tahani, of eeguudhaaf yeroo summaa'aa tahanidhayyuu kan wayyuuf,'' jedhu Kiriiteen Biraandiit barsiisaan sirna nyaataa namaa Yunivarsiitii Niiwkaasil UK irraa.
Biqilooti kunneen walumaagalatti nurra ilbisootarratti miidha qabu jedhu. ''summiin hanga xiqqoo kana kaaffeenii faa metaaboolizimii qaama keenyaa fooyyessuu akka dammaqnu nu godha,'' garuu baayyee fayyadamna taanaan qaama keenyaaf gaarii miti.

Madda suuraa, Getty Images
Bu'aa fayyaa irdii
Mi'eessituun biraan fayyaa dhala namaaf faayidaa akka qabu himamu irdii dha. Kunis moolakiwulii xixiqqoo kaarkamiin kan irdii keessatti argamuurraan kan ka'e dha. Dhiphina sammmuu dabalatee dhukkuba garagaraa yaaluuf oola.
Haa tahu malee irdiin kuni bu'aa fayyaa addaa qabaachuusaaf ragaan gahaan hin jiru.
Qorannoowwan baayyeen kaarikamiin irdii keessatti argamu laaboraatoorii jalatti yoo ilaalamu farra kaansarii tahee mul'ateera haatahu malee laaboraatoriin qaama namaarraa adda.
Qorattoonni kaan irdiin bu'aan fayyaaf qabu gad aanaa tahu himaniiru, bu'aan qorannoo abdii qabu kan argame jinjibila irraa yoo tahu qaamni keenya loluuf yeroo rakkatu ni gargaara.
Biyyoota lixaa keessatti mi'eessituuwwan kunneen qorichummaaf fayyadamuuf fedhii guddaatu jira. Dur mi'eessitoonni humna fayyisuu qabu jedhamee yaadama ture jedhu barsiisaan seenaa Yunivarsiitii Yeel Pool Firiimaan.
''Mi'eessituun nyaata gogaa, qorraa fi gubuu wal madaalchisuuf faaydaarra oolu ture,'' jedhu Pool fakkeenyaaf qurxummiin qorraafi jiidhaa dha jedhamee yoo yaadamu mi'eessituun ammoo googaafi gubaa dha.
Nyaata haala kanaan wal madaalchisuun nyaatanii akka qorichaatti fayyadamuun Hindii keessatti yeroo dheeraaf faayidaarra oolaa tureera.
Piroofeesariin gargaartuu Yunivarsiitii Mineesootaa Kiriistiin Neelsan irdiin faayidaa fayyaa guddaa qaba jedhamuun biyyoota lixaa keessatti akka haaraatti himamuun booda qoratte.
''Qorattoonni irdii kana seelii irratti dabaluun maaltu akka uumamu ilaaluuf yaalaniiru,''
Haa tahu bu'aan qorannoo Kiriistiinillee waan irdii keessatti argamu kaarkimuniin takkaa mar'immaan keessatti daakamnaan qaamni keenya itti hin fayyadamu sababaiinsaas marr'immaan qal'aa keessatti akka salphaatti waan hin hafneefi of geeddaruun pirootiniitti waan makamuuf qaamaaf badaa waan fayyadu miti jetti.
Mi'eessituu foon fa'i irratti dabaluun bu'aansaa foonichi akka hin alaane gochuuyoo tahu faayidaa fayyaas kan argannuu waan nuti wajjin nyaannurraati jedhe qorattoonni baayyeen.












