Bu'aa ajaa'ibaa paappayaan fayyaaf qabu beektuu?

Paappayaa

Madda suuraa, Getty Images

Paappayaan kuduraa ajaa'ibaa bu'aa fayyaa hedduu qabudha. Kuduraan kuni molokiwuulota 'antioxidants' jedhamaniifi dhibee akka shukkaaraafi Kaansarii ittisu of keessaa qaba.

Paappayaan dhukkuba namarraa ittisuurra darbee dargaggeessa/ dargaggeettii nama fakkeessa jedhu warri itti beekanii fayyadaman.

Qabiyyee paappayaa

Kaalorii, Kaarboohayidireetii, Faayibarii, Pirootinii, Vitaamin C, Vitaamin A, Vitaamin B9, Poteeshiyeemii, Kaalsiyeemiifi Maaginiziyeemii kanneen jedhan paappayaa keessaa argamu.

Faayidaa paappayaan fayyaaf qabu

Kaansarii ittisa: Qorannoon akka agarsiisanitti, paapayaa keessatti kan argamu wanti 'lycopene' jedhamu carraa dhibee kaansariin qabamuu hir'isa.

Namoota wal'aansa kaansarii fudhachaa jiraniifis faayidaa olaanaa qaba.

Paappayaan wantoota farra kaansarii ta'an kompaawondii kemikaala 'folate' jedhamu, vitaamin C, sirna nyaataa keessatti baay'ee barbaachisaa kan ta'e 'beta-carotene', akkasumas vitaamin E kan carraa kaansariin qabamuu ittisan dabalatee qabiyyee barbaachisoo heddu of keessaa qaba.

Kolestirooliifi fayyaa onnee: Qorannoon gara garaa gaggeeffaman akka agarsiisanitti kuduraa fi muduraan lycopene fi Vitaamin C dhibee onnee ittisuu danda'u qabu.

Molekiwuloonni paappayaa keessa jiraniifi 'antioxidants' jedhaman kolestirooniin ititee onneen akka hojii dhaabu gochuu danda'u ittisa.

Gaaziifi nyaata bulleessuu: Paappayyaan asiidii garaachaa hir'isa. Namni yoo laphee gubaafi dhukkubbii garaachaa qaba ta'e paappayaan qoricha gaariidha.

Akkuma kanas paappayaan nyaata bulleessuu keessatti faayidaa olaanaa qaba.

Fayyaa gogaafi rifeensaaf: Paappayaan gogaa namaa akka ifu godhee miidhagsa. Paappayaan Vitaamin A waan qabuuf rifeensas ni guddisa.

Finnisa fuularratti bahu keessumaa ijoollee dargaggummaa keessa jiran baay'ee gargaara.

Xannacha (glands) qaama keessaa waan gabbisuufis paappayaan gogaa miidhagsafi rifeensaa lalisiisa.

Dibatawwan paappayaa itti makamuun hojjetamanis kanaaf filatamoodha.

Paappayaan fayyaaf bu'aa hedduu qaba

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Paappayaan fayyaaf bu'aa hedduu qaba
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhukkubbii laguu ji'aaf: Paappayaan dhangla'aa "papain" jedhamu dhiiga laguu ji'aa waliin walfakkaatu waan qabuuf akaakuuwwan soorataa dhukkubbii yeroo laguu ji'aa hir'isuuf gargaraan keessaa tokkodha.

"Papain" kun laguu ji'aa akka sirratuufi dhukkubbii hin qaqqabsiisne taasisa.

Cataracts: Dhibeen ijaa agartuun akka bifa hin taane qabaatu godhu 'Cataracts' jedhamu jiru.

Dhibeen kun fayyaa agartuu haalaan miidha. Paappayaan ammoo Vitamin A akkasumas waan beta-carotene jedhamu ofkeessaa waan qabuuf yaaddoo dhibee ijaa kanaaf saaxilamuu ni hir'isa.

Paappayaa fi kaarotiin gosa soorataa fayyaa ijaatiif baay'ee barbaachisoo ta'an lamaanidha.

Asmiif: Paappayaan soorata beta-carotene guddaa of keessaa qaban keessaa tokko waan ta'eef dhibee asmii namarraa ittisa.

Fayyaa Lafeef: Paappayaan Kaalshiyeemiin akka lafee keessaa hin baane gargaara.

Kana kan godhu ammoo kaalshiyeemiin karaa kalee baay'ee akka qaama namaa keessaa hin baane gargaaruun fayyaa lafeetiif barbaachisaadha.