Faayidaawwan shan burtukaana nyaachuun fayyaa keenyaaf qabu

Madda suuraa, Getty Images
Burtukaanni vaayitaaminii fi albuudoota baay’ee qaba. Garuu, qufaa nama irra ittisuu danda’aa?
Gumaachi kuduraan kun fayyaa keenyaaf qabu akka asi gadiitti bal'inaan ibsina.
Madda eegumsa cimaa
Birtukaanni vaayitaamin Cbadhaatuu waan taateef madda eegumsa seeloota cimaadha.
Vaayitaamii kun ijaarsa fi seeloonni akka hin miidhamne gargaara.
Akkasumas burtukaanii keemikaaloota uumamaa kan biqiltoota irra oomishamu ‘carotenoids’ jedhamu kan qaamnii nama gara vaayitaamin A tti geeddaru baayyinnaan qabu. Birtukaanii kampaawondoota kunuunsa fayyaa gargaaru kan 'flavanones' jedhamu qaba.
Qorannoon akka argiisutti keemikaalonni biqiltootan oomishamu kunniin qaamaa gargaaru fi dhukkuboota akka onnee fi kaansaarii irra ittisa.
Akkasumas dandeettii bu’a-qabeessummaa farra vaayiresii fi wantoota farra dhaqna caccabsaa fi farra baakteeriyaa qaba.
Burtukaanni madaan dafee akka fayyuuf ni gargaara.
Dabalataan, gogaan birtukaanii foon caala albuudotan waan badhaadheef, nyaata qopheessu irratti gogaasaa fayyadamuun nyaata kee humna guddaa kennaaf.

Madda suuraa, Getty Images
Fayyaa onnee gargaara
Burtukaanii dhibee onnee garaagaraa ittisuuf ga’ee qaba.
Akka qorannowwan argisiisanitti burtukaanii keemikaala biqiltuu hesperidin jedhamu kan dhiibbaa dhiigaa gadi buusuu fi kolestiroolii xiqqeessu irratti ga’ee guddaa qaba.
Kanaaf, burtukaanii nyaachuun dhukkuboota onneerra nama ittisuuf barbaachisaadha.
Qorannoon kilinikaa akka gabaasetti, burcuqqoo cuunfaa burtukaanii guyyaa guyyaan torbe afur dhuguun dhiiga qal'isuun dhiibbaa dhiigaa gad buusa. Kuduraa kana nyaachuun fayyaa hidda dhiigaa foyyessa.
Cirrachi kalee akka hin uumamne ittisa
Burtukaanni gosa muduraa Asiidii sitiraasi (Citrus acid) jedhamun kan badhaadhe yoo ta'u cirrachi kalee akka hin uumamne gargaara.

Madda suuraa, Getty Images
Hir’ina dhiigaa ittisa
Burtukaanni maddaa ayiranii beekamaa ta’u baatus, vaayitaamiin C’n fi asiidii sitiraasi badhaatudha. Nyaata wajjiin sooratamnaan, daakamuu sooranni akka sirriitti daakamu gargaara.
Akkasumas dhiiga diimaa qaama keenya keessaa akka dabalu ni taasisa.
Hojii sammuu ni foyyeessa
Burtukaanii dandeettii yaadachuukee fooyyessuu, sammuu fayya qabeessa ta’u fi dhukkuboota sammuu irra nama ittisuu akka gargaaru qorannowwan ni argisiisu.
Kuduraan kunin dhiphina fi yaaddoo hamaaf akka hin saaxilamne ni gargaara, yoo jiraates ni fooyyessa.
Haata’u malee, ammaatti dhiibbaa burtukaanii fayyaa sammuu irratti qabu murteessuun rakkisuu dandaʼa.

Madda suuraa, Getty Images
Burtukaanni nama hundaaf ni ta’aa?
Baayʼeen keenya akka nyaata madaalamaa burtukaanni fayyadamu dandeenna, darbee darbee immoo namoonni alarjii burtukaanatiin rakkatan akka jiran ni himama.
Akkasumas, namoonni dhukkuba garaachaa qaban, cuunfaa burtukaanii fi kuduraa isaa nyaannan mallattoon itti hammachuu danda’a.
Dhumarratti, qoricha dhiibbaa dhiigaa fayyadamaa jirtu taanan, burtukaana nyaachuu akka hin qabne agarsiisu qorannoowwan.












