'Ciree baay'ee, irbaata xiqqoo soorachuun sirna nyaataaf gargaara'

ciree

Madda suuraa, Getty Images

Cireerratti nyaata baay'eefi irbaata irratti ammoo nyaata xiqqoo nyaachuun fayyaadhaaf gaarii ta'uu qorannoon tokko ibse.

Haalli soorata akkasii kunis akka nuti hin beelofne gochuun ulfaatina hir’isuuf illeen ni gargaara jedhu qorattoonni.

Saayintistoonni dhiibbaa ciree baay'ee fi irbaata baay'ee nyaachuu madaaluuf jecha, nyaata hangi isaa barame namootaaf kennuun qorataniiru.

Gartuun Yunivarsitiin Aberdeen, namoonni yeroo nyaata baay'ee nyaatan guyyaatti kaalorii wal fakkaataa akka guban hubatan.

Ta’us garuu ciree baay'ee nyaachuun booda fedhiin nyaataa ni hir’isa, kun ammoo sirna nyaata keenya to’achuuf ni gargaara.

Qorattoonni addunyaa “Chrono-nutrition” (qorannoo amala nyaataa fi fayyaa) fi akkamiin haalli nuti itti nyaannu sa’aatii qaama keenya keessaan akka to’atamu qorachaa turan.

Yaadi tokko galgala nyaachuun gaarii akka hin taanedha, sababiin isaas sa’aatiin qaama keenya yeroo sana gara sa’aatii hirribaatti waan geeddaruufidha. 

Namoonni fedhii isaaniin qorannooo kana irratti hirmaatan 30, gara ji’a lamaaf nyaanni isaanii hundi cireen, laaqanaafi irbaata qophaa’eef, guyyaatti kaalorii 1,700 argatan.

Ji’a tokkoof ciree baay'ee nyaachuun kaalorii guyyaaf qophaa’eef keessa gara walakkaa ol fayyadamuun, sana booda laaqana xiqqaafi irbaata sanarayyu xiqqaate nyaatani.

Ji’a itti aanu ammoo namoonni kun irbaata baay'ee fi ciree xiqqaa nyaatan.

ciree

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bu’aan qorannoo kanaas barruu qorannoo Cell Metabolism jedhamu irratti kan maxxanfame yoo ta'u, yeroo nuti nyaata baay'ee nyaannu akkaataa kalooriin itti gubatu, qaamni keenya nyaata itti daakuu ykn ulfatina hir’isnu irratti jijjiirama homaa akka hin uumne ibseera.

Adda addummaan ijoon kan jiru fedhii nyaataa ykn sadarkaa beelaa irratti. Kun ammoo ciree baay'ee nyaachuun kan hir’isudha. 

Piroofesar Aleksaandar Joonistoon akka jettutti, “fedhii nyaataa to’achuu irratti, ciree guddaan bu’a qabeessa akka ta’e qorannoon kun mul’iseera. 

“Guyyaakee ciree baay'ee fi madaalamaa ta’een yoo eegalte, sochii qaamaa gaarii fi fedhii nyaata to’atamaa ta’e guyyaa guutuu qabaachuu dandeessa.”

Cireen qorannoo kanaaf qophaa’e, nyaata akka baaduu, hanqaaquu, foon (sausage) jedhamu, mashruumii, dhugaatii aannan irraa hojjetamuu fi kanneen pirootinii of keessaa qaban of keessatti kan qabate ture.

Garuu ciree baay'ee nyaachuun maaliif akka fedhii nyaataa hir’isu ifa miti.

Saayintistoonni amma namooonni sababa hojii isaaniitin halkan walakkaa irratti nyaata yoo nyaatan maaltu uumama kan jedhu qorachaa jiru.