Fayyaa: Guyyaatti yeroo sadii nyaachuun sirrumaa? Qaama keenya ni fayyadaa?

Madda suuraa, Getty Images
Cireen nyaata isa daran barbaachisaa akka ta'e nutti himama, bakka hojii maratti ammoo laaqanaaf jedhamee boqonnaan nuuf kennama, hariiroon maatii fi hawaasummaa keenya hedduun ammoo irbaataan wal-qabata.
Guyyaatti yeroo sadii nyaachuun yaada ammayyaa'aa guutuu addunyaatti irratti waliigalame ykn baratamedha. Garuu qaama keenyaaf ni fayyadaa? Guyyaatti yeroo meeqa yoo nyaanne caalaatti fayya qabeeyyii ta'uu dandeenya?
Guyyaatti yeroo meeqa nyaachuu qabna isa jedhuun dura, saayintiistonni yoom nyaachuu hin qabnu kan jedhu irratti xiyyeeffachuun akka barbaachisu hubachiisu.
Sa'aatii saddeetiif nyaata osoo hin nyaatiin turuu irratti xiyyeeffannaa guddaan qorannoon godhamaa jira.
Qaamni keenya guyyaa keessatti yoo xiqqaate sa'aatii 12f nyaata malee akka turu gochuun sirni qaama keenyaa nyaata daakuu (digestive system) akka boqotu gargaara jetti Inistiitiyuutii Qorannoo Baayooloojii Saalki Kaalifoorniyaa jirutti qorattuu kilinikaalii kan taate Emilii Manuugiyaan.
Emiliin bara 2019 waraqaa qorannoo 'Yoom haa nyaannu' jedhu maxxansitee turte.
Rozaaliin Andersan ammoo Yuunivarsiitii Wiiskoonsiin mana barnootaa Meedisinii fi Fayyaa Hawaasaatti barsiistuu yoo taatu, hamma kaaloorii fudhannu iggituu irratti qoratte.
Walitti fufinsaan guyyaatti hanga murtaa'e nyaata dhiisuun ykn soomuun bu'aa akka qabu himti.
"Soomni qaamni namaa ofumaan badii qaamarra gahe sakatta'ee akka suphuuf, pirootiinota rakkoo horatan qaama keessaa qulqulleessuuf caalaatti qophii akka ta'u gargaara. Pirootiinotni rakkoo horatan dhukkuboota hedduuf nama saaxilu."
Dhaabbiidhaan guyyaa guyyaan sa'aatii wal-fakkaataaf soomuun qaamni keenya boqonnaa argatee nyaata akka kuufatu, annisaan gara kutaa qaama keenyaa barbaadamutti akka deemu akkasumas anniisaan qaama keessatti kuufame akka bahu taasisa jetti Rozaaliin.
Soomuun olka'iinsa gulukoosii dhiiga keessa jiru erga nyaannee booda uumamu to'achuuf akka gargaaru kan himu ammoo Yuunivarsiitii Paadoovaa Italiitti barsiisaa sochii qaamaa fi saayinsii ispoortii Antooniyoo Powaaliidha.

Madda suuraa, Getty Images
"Ragaan keenya kan akeeku irbaata yeroon nyaannee qaamni keenya sa'aatii nyaata malee turu dheeressuun qaamaaf gaariidha. Hamma gulukoosii dhiiga keessaa nyaata booda olka'u to'achuufis ni gargaara," jedha Antooniyoon.
Seelota qaama keenyaaf yoo hammi sukkaaraa gadi aanaa ta'e wayyaaf kan jedhu Antooniyoon, gulukoosiin pirootiinii waliin hariiroo uumee dhibee sukkaaraa akkasumas rakkoo fayyaa onneen wal-qabatu akka hin horanne gargaara jedha.
Maarree sa'aatii dheeraa nyaata malee turuun ykn soomuun qaamaaf erga gaarii ta'e, guyyaatti al meeqa akka nyaannu gorfama?
Niwu Yoorktti barsiisaa Yuunivarsiitii Korneel kolleejjii 'Human Ecology' kan ta'e Deeviid Leevitiskii dabalatee ogeeyyiin tokko tokko guyyaatti al tokko qofa nyaachuun gaariidha jechuun falmu. Deeviid ofii isaatii guyyaatti al tokko qofa nyaata.
Namni tokko hammuma nyaata ykn suuraa argu beela'a ykn fedhiin nyaataa isaa dhufa jedha Deeviid.
Seenaa keessatti Romaanota durii dabalatee biyyooti hedduun walakkeessa guyyaa irratti al tokko nyaachaa turan jedha qorataan seenaa nyaataa Seeren Chaariingitan-Hooliins.
Guyyaatti al tokko qofa nyaachuun nu hin beelessuu? Lakki hin beelessu jechuun falma Deeviid. Beelli waan xiinsammuu waliin walqabatudha jedha.
"Guyyaa sa'aatii 6 (12pm) yoo ta'u nyaatni nu kajeelchisuu eegala ykn ammoo ganama ciree nyaachuu feena, garuu kun waan hiika hin qabnedha. Ragaan kan agarsiisu, namni ciree hin nyaanne guyyaa sana kaaloorii xiqqaataa akka nyaatudha."
"Akkaataan qaamni keenya itti tolfamee sirriitti nyaannee, akka soomnudha" jedha Deeviid. Kun garuu namoota dhibee sukkaaraa qabaniif akka hin hojjenne hima.

Madda suuraa, Getty Images
Emilii Manuugaan garuu guyyaatti al tokko qofa nyaachuu hin deeggartu. Guyyaatti al tokko qofa nyaachuun hamma gulukoosii qaama keenya wayita soomaa (fasting glucose) ol kaasa jetti. Kun ammoo yeroo dheeraa keessa dhibee sukkaaraa akaakuu lammataaf (type 2 diabetes) nama saaxila jetti.
Hamma gulukoosii qaama keessa jiru to'achuuf guyyaatti yeroo tokko caalaa nyaachuun barbaachisaadha jetti Emiliin.
Guyyaatti al lama ykn sadi nyaachuun gaariidha kan jettu Emiliin, nyaatni kaaloorii guddaa qabu ganamarra nyaatamuu akka qabu gorsiti. Galgala barfatanii nyaachuun dhukkuba onnee fi dhibee sukkaaraa namatti fiduu akka malus himti.
"Nyaata irra caalu ganamaan yoo nyaatte, qaamnikee anniisaa nyaaticharraa argamu guyyaa guutuu itti fayyadamaa oola. Nyaatni barfatamee nyaatame garuu wayita ciisnu qaamni keenya anniisaa waan hin barbaanneef cooma ta'ee kuufama," jetti.
Haata'u male ganama barii nyaachuufi akkuma hirribaa ka'aniin dafanii nyaachuunis gaarummaa akka hin qabne himti. Kun sa'aatii qaamni keenya nyaata malee turu gabaabsuurratti dabalataan, sirna qaamni keenya nyaata itti qindeessu jeeqa jetti.
Wayita rafnu qaamni keenya wanta melaatooniin jedhamugadhiisa. Melaatooniin qaamni keenya insuliinii akka hin omishne waan dhorkuuf gulukoosiin qaama keessatti akka kuufamu godha.
Insuliiniin hoormoonii rajiijii keessatti omishamu yoo ta'u seelonni qaama keenyaa humna argachuuf sukkaara/gulukoosii akka fayyadaman/xuuxan ajaja kenna.
"Wayita qaamni keenya melatooniin olaanaa omishutti nyaata kaaloorii guddaa qabu yoo nyaanne, hammi gulukoosii qaama keessa jiruu ni dabala. Kunis sababa insuliiniin gulukoosii caccabsee gara anniisaatti jijjiiru akka hin omishamne melaatoniin dhorkuufi" jetti Emiliin.

Madda suuraa, Getty Images
Erga hirribaa kaanee yoo xiqqaate sa'aatii tokkoof erga turree booda nyaachuun bu'a qabeessummaa akka qabu himu ogeeyyiin kunneen.
Yaadni ciree nyaachuu jaarraa 17ffaa keessa warra Giriik duriin kan uumame malee sana dura waan ture miti jedha qorataan seenaa nyaataa Chaariingitan-Hooliins.
Kanaaf, ega saayinsiin guyyaatti al lama ykn sadi nyaachuu fi guyyaa keessatti yeroo dheeraa nyaata malee turuu ykn soomuun gaariidha jedhee, ganama barii nyaachuu fi galgala barfatanii nyaachuun ammoo gaarii miti ega ta'ee, ammoo nyaata kaaloorii guddaa ganamarraa nyaachuun bu'a qabeessa ega ta'ee, akkamiin wal simsiisuun danda'ama?
Sa'aatii itti nyaatan murtaa'aa qabaachuun namoota itti gaafatama gara garaa qabaniif hin mijatu waan ta'eef hin gorfamu jetti Emiliin Manuugan.
"Qaama keenyaaf guyyaa guyyaatti saa'aatii itti nyaata malee turru ykn soomnu wal-fakkaataa yoo qabaanne, ganama barii ykn galgala barfannee hin nyaannu yoo ta'e fi galgala nyaata ulfaataa hin nyaannu yoo ta'e, kun nu gargaara," jetti.
Namoonni kana amaleeffachuu qabu jechuunis himti.

Madda suuraa, Getty Images
"Nyaata keenya ganamaa ykn ciree xiqqoo tursiisuu fi nyaata keenya galgalaa ykn irbaata fooyyessuun jijjiirama guddaa arguu dandeenya. Kanuma osoo walirraa hin kutiin yeroo dheeraaf itti fufuun jijjiirama guddaa fida."
Garuu maalis haa jijjiirru walitti fufiinsi baay'ee barbaachisaa ta'uu himu saayintiistonni.
"Qaamni sirna yeroo murtaa'een irra deddeebi'amuun (pattern) hojjeta" jetti Roozaaliin. Qaamni keenyaa sa'aatii itti nyaata argatuu fi sa'aatii itti soomu wal-fakkaataa yoo qabaate, yoom maal gochuu akka qabu barata."
















