'Ilbiisotni soorata uummata addunyaa tahuu danda'u'

Witchetty grub

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilbiisotni sagantaa I'm A Celebrity jedhamu irratti ni nyaatamu

Waa'ee namoota ilbiisota nyaatanii yoo dhageessan, kan sammuu keessanitti dhufu waa'ee raammoo mukarraa [qumbursa] sagantaa ' I am a Celebrity' jedhu irratti tahuu mala.

Garuu nyaatawwan ilbiisota irraa hojjetaman dhiyootti 'menu' yookaan waraqaa nyaata irraa filattan keessatti dabalamuun dhufaa jira.

Kun xiyyeeffannoo qorannoo Yunvarsiitii Aberyiwiiz keessatti hojjetameeti.

Saayintistootni Inistiyuutii Baayoloojii, Naannoofi Saayinsii Baadiyoo [IBERS]- ilbiisotni nyaata gaarii bineeldotaafi dhala namaa akka tahan qorataa jiru.

Qorannoon kunis qaama 'ValuSect'- ilbiisota bu'a qabeeyyii bakka bu'uu yoo tahu, kunis pirojeektii idil-adunyaa oomishaa fi qophii oomishaalee ilbiisota irraa argaman irratti hojjetudha.

Biyyoota akka Meksiikoo, Chaayinaafi Gaanaa keessatti ilbiisotni soorata guyya guyyaa isaanii tahaniiru.

Nyaata warra kaan baay'ee caalaa pirootinii eegumsa naannoo waliin simu namootaaf kennuu danda'u. Akkasumas uummata adunyaa baay'inni isaa dabalaa jiru sooruuf gargaara.

Dr Tiffany Layu fi ilbiisota walitti qabaman
Ibsa waa'ee suuraa, Qorannichi fuulduratti irbaata keenya irratti maal maal qabaachuu akka dandeenyu eera

Raammoo nyaataaf oolan lubbuu qaban 20,000 walitti qabaman irratti Dr Tiifaani Layuu, kan IBERS keessatti qorannoo ishee hojjettu, qabiyyeen ilbiisotaa baay'een soorata irraa qopheessuuf oolu jette.

''Pirootinii bifa juusiin qophaa'u, bargerii ilbiisotaa, fi nyaata ati barbaadde kamiyyuu irraa hojjechuun ni danda'ama,'' jette.

''Yeroo kana fakkaatan osoo hin taane, qopheessuun anis nyaachuu nan danda'a.

Nyaata irraa osoo hin qopheessiin dura gogsitee daakuu qabda. Yeroo kana bargerii nyaattu keessa waan raammoon socho'u sitti hin fakkaatu.''

Galma I'm A Celebrity keessaa

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, Ilbiisota nyaachuu sagantaa I'm A Celebrity jedhu bara kanaa keessaa tokko.

Saayintistootni yuunvarsiitii Aberiistiwiiz faayidaa nyaata ilbiisota irraa qophaa'uu qoratu. Pirofeser Aliisan Kiingistan Smiiz madda pirootinaa itti fufinsa qabu tahuu danda'a jedhan.

''Qabiyyee pirootinii guddaa qabu. Faatii [cooma] Asiidii qaama keenyaaf gaarii tahes ni qabu,'' jette.

''Nuyi waan gochuun nurra jiru, ilbiisota kanneen akkam goonee soorree nyaata qulqullina guddaa qabu barbaannu sana akka nuuf kennuu danda'an goona kan jedhu hubachuudha.''

Raammoo nyaataa
Ibsa waa'ee suuraa, Raammoon nyaataa kun guyyaa tokko ofii isaan nyaata tahee dhiyaachuu danda'aa?

ValuSect, gurmuun ValuSec jedhamu yuunvarsiitii Toomas Moor, Beeljiyeem jiruun qindaa'u korphisa, awwaannisa fi raammoo nyaataa jedhamee kan beekamu irratti qorannoo gaggeessaa jiru.

Ammas titiisa gurraacha qorannichatti dabaluun nyaata bineeldotaa qopheessuun haala itti danda'amu irratti hojjechaa jiru.

Argannoon isaa ammoo Kaaba Awurooppaatti biizinesii nyaataa fi qonnaaf kan qoodamu taha.

Qorannoon akka garsiisutti lammiileen biyyoota Awurooppaa %30 ol tahan soorata ilbiisota irraa qophaa'e nyaachuuf fedha qabu.

ValuSect qulqullina oomisha ilbiisotaa dabaluun, dhamdhama fayyadamtootaa gaggeessuu fi dhiibbaa naannoo irraan gahu xiqqeesuun akka lakkoofsi namota fedha qabaatanii dabalu gochuuf hojjechaa jira.

Waggoota 20 keessattis dhaabbataan namootni nyaata yeroo ajajatan kan ilbiisota irraa qophaa'u filannoo isaanii keessa akka galchan gochuuf akka hojjetan qorattoni himaniiru.