Afrikaa Kibbaatti nyaatni bineeldotaa titiisarraa oomishamaa jira

Madda suuraa, TOMMY TRENCHARD
Nyaata bineeldotaa qopheessuuf ilbiisonni madda pirootiinii tahuun baayyee barbaadamaa jiru.
Ogeessi suuraa Tommy Trenchard qonna tisiisaa Afrikaa Kibbaa, Keep Taawoon daawwatee ture. Qonni kuni hojii kanarraaa bu’aa argachuuf hojjechaa jira.
Qonni ilbiisaa Maltento bara 2018tti jalqabame, qonna baratamaa irraa baayyee waan fagoo jiru fakkaata. Haa tahu malee nyaata pirootiniin badhaadhe toonii 10 ol oomishuun al-ergiif qopheessa.
‘’Hanqinni nyaataa jira, namoonnii ni beela’u akkasumas immoo rakkoon balfaa jira. Kana akkamiin wal-madaalchisuu dandeenyaa kan jedhurraan ka’e,’’ jedhan hundeessaan qonna kanaa Dean Smorenberg.
Namni kuni ogummaa gorsa hoggantummaan hojjetaa turan, boodarra garuu, qonna titisaa kana gara daldala yeroo guutuutti otoo hin jijjiiriin dura mana dhiqannaa isaanii keessatti bara 2016tti hojii jalqaban.
Hojiin kuni maamiloota faalama qilleensaa ittisuu irratti fedhii qaban gidduugala kan godhate dha.
Titiisa kanarraa pirootinii fi xaa’ootu oomishama kunis hamma bishaanii xiqqoo fi lafa xiqqoo irratti oomishama hangi kaarboonii adeemsa kanaan bahus oomisha wal-fakkaataa biroo irraa xiqoo dha.
Akka qorannoon UK fi Jarmanitti bara 2020tti taasifame agarsiisutti gabaan nyaata bineeldota addunyaa amma carbon dioxide biyyoota Fiilippiins fi Moozaambiik gadhiisan waliin qixxee gadhiisa.
Smorenberg akka jedhanitti, ‘’Ilbisoonni madda nyaataa pirootinii tahuun alatti larvaan isaanii fayyaa ijaarsa qaamaaf faayidaa guddaa qaba,’’
‘’Dabalataan addunyaa kanarratti qonna kamirraayyuu waggaattii ala 52 callaa argachuu hin dandeessu, kuni garuu akkasi.’’ jedhu.
Qonnaan Maltento akkaataa marsaa jireenyaa ilbiisotaan adda qoqqoodamee jira.

Madda suuraa, Tommy Trenchard
Puppaan kutaa dukkanaa keessatti dha metaamoorfoosisii kan adeemsisu. Achii gara kutaa hormaataa geeffama, achitti carallaa biiftuu olaanaa taheen titiisonni kunneen man’ee keessatti hanqaaquu yaasu.
‘’Kana kutaa motora qonna kanaati jechuu dandeenya,’’ jedha maamiloota hawwachuu irratti kan hojjetu Dominic Malan,’’Asitti ho’i fi qorri jiru waan murteessaa akka isaan wal-horan godhu dha.’’
Kutaa itti aanu, hanqaaquun iddootti yaafamu dha. Kana booda kutaa teempireechariin isaa to’atamu keessa galuun haala adda taheen wal-horu jechuu dha.
Titiisonni kunneen takkaa guddannaan gara maashinii miya isa xaa’oof tahu adda isaan baasutti naqamu. Kanaan egaa xaa’oo keemikaala hin qabnetu irraa argama jechuu dha, seektarri baala qorichaaf tahu oomishus fedhii agarsiisaa jira jedha Malan.
As irraa ka’uun larvaan sadarkaa garagaraa keessa darbaa jechuu dha.

Madda suuraa, Tommy Trenchard
Gariin isaa gogsamee nyaata handaaqqoo tahuun gara UStti ergama. Bifa daakuutiin qophaa’uunis nyaata sareef gara Noorweeyitti ergama.
Ilbiisonnii namootaaf dhandhama bushaawaa qabu, adurree fi sareef garuu nyaata mi’aa gaarii qabani dha.
Akka qorannoon RaboResearch agarsiisutti yeroo waggaa kudhan keessatti nyaatni pirootinii ilbiisota irraa argamu toonii miiliyoona walakkaa gaha jedhameera. Yeroo ammaatti toonii 10,000 qofa dha. Saayintistoonnis mi’aafi bu’aa fayyaaf qabu foyyessuuf hojjechaa jiru.

Madda suuraa, Tommy Trenchard
Gabaasni UN bara 2013tti bahe akka agarsiisutti ilbiisota nyaachuun hanqina nyaataa furuuf fayyada jedha. Ilbiisonni biyyoota garagaraa keessattii nyaataaf haa oolaniyyuu biyyoota Lixaa keessatti garuu nyaata kana diduutu bal’inaan mul’ata.
Dr Liyaa Bessaan saayintistii nyaataati PHD ishee foon nyaataaf oolu larvaa ilbiisaan bakka buusuu irratti hojjette.
Haa tahu malee yeroo muraasaaf bineeldota qofaatu soorachuu itti fuffaa jetti.
‘’Ammallee namoonni sadarkaan ilbiisota soorachuu irra hin geenye. Ilbiisota nama soruu manna sareef kennuu wayya,’’ jetti,















