Gogaa lukkuu nyaachuun miidhaa akkamii nurran ga’uu danda’a?

Foon lukkuu waadame

Madda suuraa, Getty Images

Lukkuun foon addunyaa keessatti beekamoo ta’an keessa tokkodha.

Akka tilmaama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniii damee Nyaataafi Qonnaa (FAO) bara 2021'tti, foon lukkuu gara toonii miliyoona 133 addunyaa maratti nyaatamee ture.

Sababni foon lukkuu beekamaa godhe; rakasa ta’uu, cooma gadaanaa of keessaa qabaachuu fi dhorkaawwan aadaafi amantaa xiqqaa ta’e qabaachuudha.

Dabalataan, foon lukkuu madda pirootiinii, viitaaminiifi albuudaan badhaadhaa ta’edha.

Akkasumas, cooma faayidaa qabu kan fayyaa onneefi hidda dhiigaa deeggaruu danda’u qaba.

Garuu nyaata beekamaafi jaalatamaa kanarratti shakkiifi yaadni garagaraa ni ka’a. Fakkeennaaf, gogaan lukkuu cooma guddaa kan qabdudha.

Kanaaf, gogaan kuni nyaatamuu qabamoo, osoo nyaachuuf hin qopheessin irraa baafamuu qaba?

“Gogaan lukkuu cooma dhibbeentaa 32 qaba; giraamii 100 kan nyaatamu keessa 32 coomaa,” jechuun María Dolores Fernández oggeettin nyaata madaalamaa BBC Mundootti himte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Coomni gogaa lukkuu harka sadii keessaa lama miidhaa kan hin qabneedha. Kun ammoo “cooma gaarii” jedhama. “Coomni gaariin” kun sadarkaa dhiiga kan fooyyessuudha.

Harka sadii keessaa harki tokko garuu cooma hamaa qaama namaa keessatti argamu akka dabalu kan gumaachudha.

Kuni cooma foon lukkuu keessatti argamuun tokkodha. Akka oggeettin kun jettuutti, “yoo foon lukkuufi gogaashee wajjiin nyaanne, humna nyaanni qaamaa keessatti qabu [kaloriin] dhibbeentaa 50n dabala.”

Fakkeennaaf, yoo foon lukkuu gogaa hin qabne nyaanne kalorii 284 nyaanne jechuudha (akka daataan nyaata madaalamaa damee Qonna Yunaayitid Isteetis) ibsutti.

Kana keessaa dhibbeentaan 80 pirootiini irraa dhufa, dhibbeentaan 50 ammoo cooma irra argama. Yoo gogaa lukkuu itti dabalan garuu lakoofsi kun garmalee kan ol ka’uudha.

Qoodi foon lukkuu tokko kalorii 386 kan qabu ta’ee dhibeetaan 50 pirootiini, dhibeetaan 50 cooma.

Kanaaf, oggeettin nyaata madaalamaa Dolores Fernández soorachuun dura foon lukkuu gogaa ishee irraa baasuu akka barbaachisu eerti. Kun akka kaloriin yookaan cooma dabalataa saaniitti hin daballe godha.

“Gogaan lukkuu foon gogsee miyeessullee osoo hin nyaatin gogaa irra baasuu qaban,'' jetti

 Akkamiin summaa’uu foon lukkuu ittisuu dandeenya?

Foon lukkuu addunyaa maratti beekamaa, jaallatamaafi kan baay’ee nyaatamu ta’us, yeroo baay’ee madda nyaanni summaa’e irra argamudha.

Nyaanni hin bilchaatiin, baakteeriyaan miidhaa geessisuu danda’an kan akka baakteeriyaa nyaata summeessu (Campylobacter) faalamuu danda’u. Baakteeriyaan kun ammo dhukkuba mar’ummaanii fiduu (Salmonella) fi kanneen biro qaqqabsiisuu mala.

Kanaaf, foon sirriitti utuu hin bilcheessiin nyaataaf dhiyeessuun yookan nyaataafi dhugaatii biroo wal- makuun dhiibbaa hamaa geessisuu danda’a.

Akka qorannoo Wiirtuun Too’annoofi Ittisaa Dhukkubboota (CDC) Ameerikatti, namoonni miliyyoona tokko ta’an waggaa cufa foon lukkuu nyaachuun dhukkubsatu.

Dubartii foon lukkuu nyaachaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Lukkuu qopheessuu duraafi booda yaadawwan asiin gadii isin gargaaruu danda’a:

Nyaata kamuu osoo hin qopheessiin dura harka dhiqachuun dirqama, yeroo qopheessitanisirra deddeebiʼii dhiqachuu qabdu.

Yoo lukkuufi foon dheedhii qopheessitan, qodaafi mi’i addaan baafamuu qaba. Akkasumas, nyaata dheedhiifi kan bilchaate adda baasuun gaarii.

Foon lukkuu dhiquun sirrii miti, sababnisaa bishaanin walitti makaman, qodaa manaa keessaa xuriidhaan faalamanii rakkoo fiduu danda’a.

 Foon lukuu sirritti bilcheessuu: foon lukkuu keessaAfi lafeen sirritti akka bilchaatu gochu qabdu.

Nyaanni isinirraa hafe yoo jiraate, osoo hin nyaatin ho’isuu qabdu.