Hawaasa Gaanaa foon saree fi adurree soorachuun beekaman

Saree fi adurree

Madda suuraa, Getty Images

Addunyaarratti qe'een sagalee adurree fi saree keessaa hin dhagahamne muraasa, hawaasa Gaanaa bulchiinsa Voltaaf ammoo kun gammachuu gammachuu caalu.

Namoonni hedduun beelladoota kunneen mana eegsifachuufi waliin bashannanuuf itti fayyadamu, hawaasa Gaanaa kunneeniif garuu dhangaa addaati.

'Yooseef'- Gaanaa keessatti maqaa addaa foon adurree

Hawaasi Gaanaa bulchiinsa Voltaa keessa jiraatan foon adurree akka dhangaa dhandhama addaatti ilaalu, kanarraa ka'uun maqaa ''Yooseef'' jedhu moggaasaniif, namni hunduu maqaa kanaan beeka.

Maqaan kun maaliif akka kennameef ifatti beekamuu baatus, jaal'attoonni foon adurree garuu dhandhama ajaayibaa foon kun qabuuf maqichi moggaafameef yaada jedhu qabu.

Hawaasi Gaanaa adda baafamuun foon adurree soorachuun isaanii lammiilee Gaanaa kaan hunda biratti beekamaadha.

Kanaaf adurreen ollaa hawaasa Voltaa seenuu ni sodaatti jedhanii itti qoosu.

Hawaasi kun akkuma horsiisa beelladoota nyaataaf oolan biroo kanneen akka re'ee, lukkuu, hoolaa yookiin looniitti adurrees qalmaaf horsiisu.

Foon adurree barbareen itti dabalamuun mi'eessituu kaan waliin erga hojjetamee booda, nyaata hawaasa kana biratti beekamu gari ykn eba waliin nyaatama.

Foon adurree haala kanaan qopheessanii gurguruun harmooti daandiirratti daldalan irraa kan eegaleedha.

Foon saree kaabaa fi baha biyyattiitti akkamiin beekame?

Dhangaa foon sareerraa qophaa'e

Gosoonni kaaba Gaanaa keessatti beekaman lameen Frafra fi Dagaaba jedhaman foon saree soorachuun beekamu.

Gosoonni kunneen tapha aadaa, kan namni mo'ate akka waancaatti mataa saree badhaafamu, taphachuun beekamu.

Foon saree gabaa soorata gurguramanii keessa jiraachuun dhandhama dhangaa dabala jedhanii amanu.

Namoonni foon saree sooratan kunneen gabaa foon saree guddicha Boga Dog Meat jedhamutti walga'u.

Gabaa kanatti foon qofa osoo hin taane, sareen lubbuun jirtus ni gurguramti, erga bitatanii booda achumatti qalatu.

Saree fayyaa tokko giddugaleessaan maallaqa Gaanaa Ghc150 ykn Birrii Itoophiyaa 1,200n bitu.

Waa'ee foon saree soorachuu ilaalchisee yaada mormii namootarraa dhaga'aniif namoonni kunneen wayita deebii kennan, ''akkuma namoonni kaan waan fedhan soorachuuf mirga qaban nutis akkasuma,'' jedhu.

Inumaa foon saree dhangaa kabajaa sirnoota adda addaa kanneen akka cidhaa irratti kan dhiyaatudha.

Sodaa dhibee 'rabies' fi daranyoo sombaa

Rogeeyyiin dhimma fayyaarratti hojjetan, namoonni sababa foon saree soorataniif dhibeen 'rabies' ykn dhukkuba saree maraattee jedhamu, saree dhibaman irraa namatti darbuu danda'a yaaddoo jedhu ibsaa jiru.

Doktaroonni biyyattiis foon adurree soorachuun dhibee daranyoo sombaaf nama saaxila jechuun akeekkachiisaa jiru.

Yaaddoon ogeeyyiin fayyaa dhiyeessan kun garuu namoota kunneen foon saree fi adurree nyaachuurraa duubatti hin deebisne.

Quuqamtoonni mirga bineensotaa foon saree fi adurree akka dhorkamu gaafatan

Barruu

Madda suuraa, oda

Rogeettii mirga bineensotaa idil-addunyaa kan taate Natasha Choolun, mootummaan Gaanaa foon saree fi adurree soorachuu irratti akka dhorkaa kaa'u xalayaadhaan gaafachuu himte.

''Saree fi adurreen nyaataaf miti kan oolan. Isaan michuu dhala namaati, kanaafuu kabajaan kunuunsuu qabna. Haala suukanneessaan qalanii nyaachuun hafuu qaba,'' jette.

Biyyoota Afrikaa foon saree fi adurree sooratan

Biyyoonni Afrikaa hedduun foon saree fi adurree soorachuu akka waan badaa hamaatti kan ilaalan yoo ta'u, biyyoota akka Yugaandaa keessatti saree qalanii soorataaf oolchuun ni adabsiisa.

Gaanaa fi biyyoota kaan keessatti ammoo saree qalanii soorachuun waan baratame.

Naayijeeriyaa keessatti hawaasi Kalabar kanneen daangaa bulchiinsa River State fi Ondo foon saree sooratu.

Biyyoota lixa Afrikaa keessaa Laayibeeriyaa keessattis foon adurree fi saree ni nyaatama, namoonni manatti qalu osoo hin taane gabaadhaa bitachuun sooratu.

Rogeeyyiin fayyaa hedduun Laayibeeriyaa keessatti Iboolaan babal'achuuf sababi guddaan foon saree soorachuudha jedhu.

Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo keessattis foon saree fi adurree sooratamuun Iboolaa hammeesseera jedhu.